Harargeetti Miidhaan Uummata Irra Gahaa Jiru Jabaate, Fincillis Hanga Sirna Wayyaane Godinicha Keessaa Barbadeessutti Itti Fufee Jira‏

Aside

Amajii 17,2016
Godina Harargeetti FXG jabeeffamee itti fufe. Mootummaan Wayyaanee duguuggaa sanyii uummata oromoo irratti labses humna waraana isaan
jabeeffachuun itti fufuun isaa FXG kana kan dhadhabsiise osoo hin taanee jabeessee uummata oromoo guutummaatti hirmaachisee jira.

Har’a FxG godina Harargee lixaatti gageeffameen
-Lubbuun hedduun wareegameera.
-Uummanni jumlaadhaan mana hidhaatti guuraamera.
-Rasaasni akka bokkaatti uummata irratti roobaa oola
Kun ammas taanan fincila kan jabeesse malee boodatti kan hambise osoo hin taane uummanni jiraattotni godina harargee keeysa jiraatan fincila kana jabeessuun baadiyaa fi magaalaadhan ka’ee jira. Itti fufa FXG!

Waldooleen Amantaa Garagaraa Mootummaa Wayyaaneetiin Cufamaa Jiran‏

Aside

Amajjii 17,2016/ Lafa Oromoon wal gahutti wayyaanen kufaatiikoo mariyatu jechaa jira, dhaabbilee amantaa garagaraas cufuu irratti argamaa jira.
Gabaasa godina wallagga bahaa aanaa Giddaa Kiiramuu irraa ibsuun, mootumman wayyaaneen manneen amantaa protestaantii nurrattu kadhattan jechuudhaan manneen manneen amantaa kana bakka sadii aanaa kana keesaa cufsiisuu Qeerroon gabaasee jira. Haaluma kanaan waldoolii amantaa protestaantii kanneen garagaraa keessatti basaastota bobbaasuu mootummaa Wayyaanee saaxilamee jira.

Uummanni oromoo kufaatii keenyaaf waaqa nutti waama jechuudhaan waldoolii amantaa cufsiisuu fi basaasuuf namoota ramadaa akka jiran bira gahamee jira. FXG hanga bilisummaa fi walabummaatti kallatti hundaanuu itti fufa

Warraaqsa FXG Hararge Lixaa Magaalaa Mi’eessoo

Aside

Sochii Warraaqsa FXG Qeerroo Wallagga Horroo Guduruu Aanaa Abbaay Cooman

Aside

Wallagga Horroo Guduru,Magaala Fincahaa Keeysatti Loltooti Wayyaanee Dargaggoota Karaa Irraa Adamsaa Jireenya Dhorkaa Jiru.

Aside

Namni Cooma Quufe, Sangaa Adii Manattii Jibba!

Aside

Hariiroo Jorgootiin.

Barreessaa dhugaa baasa!Yeroo har’aa quufni ilmaan TPLF Tigraay, Oromiyaa keessatti faagaa ba’eeti daangaa cabsee, namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba akka Oromoon jedttu sanadha ta’e. Oromiyaan ilmaan isheef hin taane malee dhugumatti biyya dureettiidha. Ilmaan Tigraay kun Oromiyaa biyya dureettii kanafi uummattoota kibbaa akkasumas guutummaa biyyattii erga dargii arihanii itti darbanii gabroonfatanii as, quufanii akka ta’an wallaalanii sadarkaa seeraafi heeraan bitamuu bira darbanii sadarkaa sodaa Waaqaas ta’e heera addunyaatiin jiraachuu tuffachuutti cehanii tuffii maal fiddiitiin, safuu dhabatti qaanii tokko malee farda salphinaa fe’atanii baxaraanummaan garmaaman. Finfinneen lafa Oromiyaati. Sanuu han’uura. Kana Waaqatu godhe. Heerri biyyattis ifatti lafa kaayee jira. Keeyyatni 49/6 kana hin haalle. Hinumaatuu Oromiyaan faayidaa addaa Finfinnee irraa argatuu akka qabdu muree haqa Oromiyaa lafa kaayeera. Haata’u malee wanti ta’aa tureefi ta’aa jiru ammoo faallaa heera mootummaa biyya kanaati. Abbaa biyyummaa Oromiyaa kana mulqaa turani. Gama seeraan heera tumamee taa’e kana hojiirra oolchuuf kan socho’e tokkollee hinjiru. Hamma danda’ametti dhoksaatiin wayta garii ammas ifatti lafa Oromiyaa kana yeroo akka qircaatti hiratan kan argaa turreefi jirudha.Namni Cooma Quufe Sangaa Adii Manatti Jibba

Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Guutummaan FXG Haalan Jabaatee Itti Fufee Jira.

Aside

Amajjii 16,1,2016
FXG kan godinota Oromiyaatti qabsiifamee jiruun,tibba kana TPLF fi
OPDOn raafama guddaa keessa seenurra darbani waan dubbatanille harka waldhahaa jiraachuusaa ibsa isaani giddu kanatu dhugomsa Warraqsa Baha Wallaggatti ka’e jiru dhaamsuuf hoggantoonni godinichaa Kalessa gara Waamaa Hagalootti kan bobba’an ta’ulle daran FXG akka finiinuuf karaa saaqe waan hin yaadin kan isan mudate gaaffiin uummata naasise gaaffilen kunnin
1,barataa keenyaaf dargagota keenyatti bu’urra dura nu ajjeesaa
2,master plan dhabneerra jettanii wawwaatanis gaaffiin uummata Oromoo kan hundee achuma jira waan ta’eef nuti mootummaa keenya dhaabbachuu barbaadna ABOn nu haa bulchu.
3,erga gaaffiin barataa sirri ta’ee maa ajjeefatu,maa hiitu maa shorokeesitoota jettu?akka keessan qe’e nama deemee enyuun ajjeese
isinu jirtu kan nu jalatti ol adeemaaf qaro qabeeyyi dagugdan jechunwal-ga’icha diigan

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ )January 16, 2016

Aside

HUMNI, XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE, BILISUMMAA HIN GOONFATU !!!!!

Aside

SEENAA Y.G(2005) kutaa 1ffaa

fxmWaaqayyoon gaditti Galanni Gootoota keenyaaf haa ta’uuti, Gabrummaatti xumura gochuuf, malaa fi yaada wal gaafachuu irra geenyee jirra. Har’a akka kaleessaa Abbootiin keenya goota turan jennee of ceepha’uu irraa baanee, dhaloota Gootummaa ija keenya duratti galmeessisu argu irra geenye jirra. Dhaloota seenaa qofaa odeessu irra tarkaanfannee, dhaloota Gootummaa Akaakilee isaa wareegamaan haaromsuu danda’e irra geenyerra. Dhalooti Bilisummaa dhiigaan argachuuf muratee, Seenaa Qabsoo waggoota dheeraa geeddaree, Addunyaan akka dhimma isaa kaaftee fala soqixuuf taasisuu irra geenyee jirra. Dhalooti qubee wareegama baasaa jiru kanaan boonuu qofaa osoo hin taanee, Angafoonni fi abbootiin isaanii gaaffii of gaafachuu qaban hedduun akka jiru nu akeeku isaanii qalbifatu qabna. Wareegama isaanitti firii xumuraa gochuuf birmannaan isaanii fardii ta’uu caalaatti qalbifatanii , sochii Fincila Xumura gabrummaa kanatti makamuuf qophaa’uu fi sochii eegaluun akka irraa eegamuu beekuutu nurraa eegama. Gootummaa akaakilee fi abbootii keenyaa Afaan irraa atu nu hin bu’iin, Gootummaa ijoollee keenyaa dubbachuuf ga’uun eebba ta’uus, Gootummaa ofii osoo hin dubbatatiin dabruun qaaniidha jennee of qopheessuun gamnummaadha.

HUMNI XUMURA GABRUMMAA HIN MIRKANEESSINEE,,,,,,,.docx

SBO AMAJJII 17,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Qeerroo Bilisummaa, Haala yeroo irratti gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal.Dachaas Roobaa waliin, akkasumas Gabaasa FXG

Aside