Fulbaana 15,2019. Waggaa tokkoffaa hogganni ABO itti biyya galee
(SBO – Fulbaana 14,2019) Bor Fulbaana 15,2019. Waggaa tokkoffaa hogganni ABO itti biyya galee fi ABOn waliigaltee mootummaa Itophiyaa waliin irra gahe irratti hundaa’uudhaan ifatti biyya keessa socho’uu itti eegalee dha.
Simannaan Fulbaana 15,2018 hoggana ABOf ummatni bal’aan Oromoo miliyoona 6tti tilmaamamu Finfinnee Dirree Masqalaatti bahee simate seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu keessatti bakka olaanaa dha qaba.
Adeemsa waggaa tokkoo kana keessatti ABOn bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee as gaheera. Wanneen herregamanii fi hin herregamin tata’an hedduun jiraachuu danda’an. Hunduu adeemsa waan ta’eef kan dhufe akka akka isaatti keessummeessaa as gahe.
Fulbaana 15 guyyaa seena qabeessa kana sababeeffachuun Tv.n ONN fi SBOn Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waajjira ABO Gullalleetti argamuun dhimmoota adda addaa fi haala yeroo irratti gaaffii fi deebii godhaniifii jiran.
Gaaffii fi deebii kana guyyaa borii Fulbaana 15,2019 Tv.ONN, SBO fi Facebook Page Sagalee Bilisummaa Oromoon waan dabarsinuuf akka hordoftan kabajaa waliin isin beeksisna.
Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)
Kamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO.dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP/EPRDF.iin tamsa’e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw’achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa – dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi … kkf. keessa dhuka’aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa’uun, yookaan Alaabaa ABO kaa’uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.
(
Wareegama kaffalaa as geenyeen Qabsoon keenya warra gufuu qabsoo oromoon hin laamsha’u ammas wareegamnee Oromiyaaf ni Falmanna.
gahaa ture. Ammas ammoo mootummaan jijjirraa dhiigaa fi wareega Qeerroon dhufeen dhaadatu Jaallan Qeerroo keessatti gahee guddaa qaban mana hidhaatti guuraa jira.Biyya Oromiyaa keessa seerri hin jiru,mootummaan biyya taliiguu
Hagayya 25 bara 2019
aala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan