Manni hidhaa Maakalaawii ummataaf banaa ta’e
(BBC Afaan Oromoo) — Mootummaan Itoophiyaa mana hidhaa dararaan adda addaa lammiilee to’annoo jala oolan irratti raawwataa tureefi gidduu magaalaa Finfinnee keessatti argamu ummataaf banaa taasise.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Birhaanu Tsaggaayefi Prezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafi manni hidhaa Maa’ikalaawii ummataan akka daawwatamuf eegalsiisaniiru.
“Fakkiiwwan agarsiisaaf dhiyaatan biyyi keenya haala mirgi namootaa itti sarbamuu irraa gara mirgi namootaa itti kabajamutti darbuu keenya kan agarsiisu dha,” jedhan Aadde Ma’aazaa Ashannaafin.
“Waan lamaaf asitti argamne” kan jedhan abbaan alangaa waliigalaa Birhaanuu Tsaggaaye “inni tokko rifoormiiwaan gama damee haqaa keessa jiru agarsiisuufi” jedhan.
Maa’ikalaawwin iddoon mirgi namootaa itti sarbamaa ture cufamuusaa mirkaneessufis jedhan Obbo Birhaanun.
Sababni inni lammataa haala Maa’ikalaawii keessa turerraa barachun akkaataa seerri idil addunyaa fi heerri biyyattii jedhun qofa hojjechuuf waan nu gargaarufi jedhan.
“Maa’ikalaawwin gara god-hambaatti jijjiiramun gara fulduraatti biyya keenya keessatti namni to’annoo seeraa jala oolee mirgi isaa osoo hin sarbamin akkaataa seerri biyyattii ajajun akka qabamuf” ni hojjennas jechuun Obbo Birhaanuun dubbataniiru.
Adeemsi qorannaa kutaalee dukkanaa mana hidhichaa keessatti raawwatamaa ture miidhama qaamaa fi xinsammuu hidhamtootaafis sababa ta’eera.
Dararaan mana hidhaa kana keesaatti raawwatamaa ture hammaataa kan ta’ee fi hidhamtootni mana hidhaa kana keessatti lubbuun isaanii darbe akka jirus himamaa tureera.
Ji’i haqaa Hagayya 1 irraa eegalee kabajamaa jira.
Mana hidhaa Maakalaawii Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafi daawwataniiru.
Mannii hidhaa kuni ji’oota muraasa dura kan cufame yoo ta’e har’arraa eegalee guyyoota afurif ummataan daawwatama jedhamee eegama.
Barreeffamoota kutaalee mana hidhaa Maakalaawii gamoo Sharaatan jedhamun beekamu keessatti barreeffaman keessaa muraasa.