qeerroo-editWareegama kaffalaa as geenyeen Qabsoon keenya warra gufuu qabsoo oromoon hin laamsha’u ammas wareegamnee Oromiyaaf ni Falmanna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa oromoo irraa kenname.
Fulbaana 6/2019
Finfinnee, Oromiyaa

Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti wareegama qabsoon gaafattu kaffalaa osoo dadhabe beela’e, dheebodhe,waanin uffadhun dhabe hin jenne ummata cunqursamaaf dhaabbatee cunqurfamtoota gidduutti argamee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa wareegama qaalii of duuba hin deebines kaffalaa as gahe ;ammas itti jira.

Qeerroon Bilisummaa oromoo qabsoo hadhooftuu gaggeesseen humna waraanaa mootummaa Abbaa irree Agaazii fuuldura harka duwwaa dhaabbachuun kan wareegame wareegamee ,kan qaamaa hir’ate hir’atee ,kan mana hidhaatti darbatame qabsoon Irbuun wareegamtoota wareegamaniin Seenamtee finiinte akka abidda saafaa wal harkaa fuudhaa Dhalootni qubee wareegama kamuu sodaa malee dura dhaabbatee jijjiirama dhufe jedhamu dhiiga isaan dhugoomseera.

Qeerroon Bilisummaa oromoo gaafa Hundeeffama isaa irraa eegalee dargaggootni hedduun hidhamaa ,biyyarraa ariyatamaa,ajjeefamaa qabsoon oromoo akka ija godhatu warra godhan keessaa adda dureedha.

Qeerroon Bilisummaa oromoo ABO jalatti taliigamuun elaa fi elaameen wal dhagahuun kaayyoo fi Akeeka ABO galmaan gahuuf halkan guyyaa hojjechaa ture hojjechaas jira.

Mootummaan Abbaa irree akkuma guyyaa hundeeffama Qeerroo Bilisummaa oromoo irraa eegalee mormaa ture dargaggoota hedduu dhiiga dhangalaasaa jijjiirama Qeerroon fidetti humna waraanaan barcuma isaa tikfachaa jira.

Qeerroon Bilisummaa oromoo kan hundeeffame nagaa,walqixxummaanii fi democracy biyyittii keessatti akka jiraatuuf malee teessoo namoota dhuunfaa eeguuf miti.

Mootummaan aangoo irra jiru kan opdon durfamu kaleessas wayyaanee jala deemuun Qeerroo oromoo mana hidhaatti guursisaa ajjeesisaa ture gaafa jijjiirama Qeerroon qabsoo hadhooftuu godheen biyya kanaaf nagaaf tasgabbiin haa jiraatu jedhee jijjiiramicha dhiiga dhangala’u malee karaa wal dhagahuun dandahamuun fuulduratti ceesisaa laata jedhee yerootti Qeerroon sochii mootummaa godhu obsaan har’a boru ni fooyya’a jedhee eegutti opdon dhiiga Qeerroon aangootti baatee waraanaan barcuma teessoo ishee tikfachaa warra jijjiirama kana fide ammas afaan qabsiisuuf akkuma kaleessa TPLF jalatti oromoo balleessuuf bixxilamte Akeeka ishee sana galmaan gahachuutti jirti.

Ilmoon Hantuutaa haadha jalatti Gumbii uraa barti akkuma jedhan har’as Dr Abiyyii waanuma kaleessa Mallasaa jalatti bare erga aangoo of harkatti galchatee humna waraanaan of tiksaa kan barbaade ajjeesisaa ,mana hidhaatti guursisaa dhiiga Qeerroo oromoo kan baroota TPLF aangoo irra tureen yoo ilaallu Dr Abiyyiin dachaan kan caaludha dararaan waggaa tokko keessatti galmee Qeerroo Bilisummaa oromoo qaqqabe kan ibsu.
Dargaggoota hedduu Misirroo wal fuudhan dabalatee qabeenyaa ummataa gubsiisaa kaan saamsisaa hojii idilee godhatee jira.

Kanaaf nuyi Qeerroon Bilisummaa oromoo kan dhiigaan fidne nagaan eegsifachuun erga dadhabamee ammas qabsoo hadhaawaa waggoota lama dura gaggeessaa turre deebisnee abidda hin dhaabne akka qabsiifnu nu dirqamsiisaa jira.

Qeerroo Bilisummaa oromoo nagaa , democracy fi walqixxummaan inni barbaade ykn itti hundeeffame hanga bakka gahutti Qabsoon keenya kan itti fufu tahuu keenya ni beeksifna.

Dargaggoota miseensota ABO jechuun Manneen hidhaa adda addaa keessatti addatti immoo Sanqallee, xoollaytti dararamaa jiran haalduree tokko malee yoo hin lakkisne qabsoon Qeerroo Bilisummaa oromoo gaggeessuu hadhaawaa fi kan of duuba hin deebine waan taheef mootummaan aangoo of irraan qaba jettu kan Dr Abiyyiin dursamu akka hatattamaan furmaata kennu gaafanna .

Fulbaana 5/2019 halkan keessa Humni hidhate kan mootummaa dargaggoota qaroo Qeerroo Bilisummaa oromoo tahan shan qabeenyaa isaanii waliin mana itti cabsuun saamichi gaggeeffame daran kan nutti hadhaawe waan taheef akka Qeerroo Bilisummaa oromootti dargaggoota kana qabeenyaa kanneen akka bilbila harkaa ,computers fi Qarshii isaan saamtan deebisuun isaaniinis akka lakkistan cimsinee gaafanna.

Dhuma irratti qabsoon Qeerroo Bilisummaa oromoo gaggeessu hanga warreen hidhaman hiikamanii waraanni mootummaa oromiyaa lixaa fi kibbatti duulee jiru gara mooraatti hin deebinetti guca qabsoo hin dhaamne biyya kana keessatti qabsiisuuf jirtu waan taheef akka hatattamaan of ilaaltanii deebii kennitan isin gaafanna.

Bara kana akkuma bara nagaa jechuun labsaa jirtan nagaa fi nageenyi kan jiraatu yoo kan hidhame hiikame ajjeechaa fi saamicha dabalatee mana gubuun yoo dhaabbate qofa .

Maayii irratti Qeerroo Bilisummaa marii guyyaa har’aa Fulbaana 6/2019 gaggeeffateen wantootni kun yoo deebii hin arganne fi mootummaan karaa nagaa hin filanne akkasumas miseensota Adda Bilisummaa oromoo akka barbaadametti sochii isaanii hin gaggeeffanne kan hin goone tahe waamicha FXG manneen barnootaa keessatti qabsiisuun aangoo isin waraanaan of tiksitan sagalee keenyaa harka duwwaa akkuma ammaan duraa goone tooftaa qabsoo Qeerroon beekuun isin kaafna.

Qeerroon Bilisummaa oromoos bakkuma jirtanitti sochii keessan akkaataa diina qolannu irratti marii karaa caasaalee keenya duraan turanii fi akkaataa quunnamtii keenyaan wal hubachiisaa kan deemnu waan tahuuf akka quba wal qabaachaa deemnu isin beeksifna.

Injifannoon ummata Oromoof!!!!
Qeerroo Bilisummaa oromoo
Fulbaana 6/2019
Finfinnee,

 

 

 

1 thought on “

  1. Ibsaa bareedadha kanaafku qeerroon qarreen akkasuma uummatiin Oromo qabso isaa hanga bilisumatii falmachuun dirqama.

    Jijiramaa jedheem sobaa
    ummaata kenyaa hidhaa gaafi Oromo soo hindeebsin hang ammaati ture
    afaan oromo haasawaa Oromo goyomsuun hinta’uu
    OROMON KA’UU QABA
    KANI OROMO BAASU WBO DUUKA HIRIRUDHAA..

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s