Fulbaana 15,2019. Waggaa tokkoffaa hogganni ABO itti biyya galee

Image may contain: 1 person, sitting, suit and indoor(SBO – Fulbaana 14,2019) Bor Fulbaana 15,2019. Waggaa tokkoffaa hogganni ABO itti biyya galee fi ABOn waliigaltee mootummaa Itophiyaa waliin irra gahe irratti hundaa’uudhaan ifatti biyya keessa socho’uu itti eegalee dha.

Simannaan Fulbaana 15,2018 hoggana ABOf ummatni bal’aan Oromoo miliyoona 6tti tilmaamamu Finfinnee Dirree Masqalaatti bahee simate seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn hogganamu keessatti bakka olaanaa dha qaba.

Adeemsa waggaa tokkoo kana keessatti ABOn bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee as gaheera. Wanneen herregamanii fi hin herregamin tata’an hedduun jiraachuu danda’an. Hunduu adeemsa waan ta’eef kan dhufe akka akka isaatti keessummeessaa as gahe.

Fulbaana 15 guyyaa seena qabeessa kana sababeeffachuun Tv.n ONN fi SBOn Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa waajjira ABO Gullalleetti argamuun dhimmoota adda addaa fi haala yeroo irratti gaaffii fi deebii godhaniifii jiran.

Gaaffii fi deebii kana guyyaa borii Fulbaana 15,2019 Tv.ONN, SBO fi Facebook Page Sagalee Bilisummaa Oromoon waan dabarsinuuf akka hordoftan kabajaa waliin isin beeksisna.

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO)

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s