Category Archives: Oduu/News
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 22, 2016
Aside
SBO Fulbaana 23,2016. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Atilet Taammiruu Kaffiyalew waliin godhame kutaa xumuraa
Aside
Sagantaan Dirmannaa Xumura Gabrummaa Konyaa ABO Washington, DC Ful. 11, 2016ti Geggeeffame Milkiidhaan Xumurame.
Aside
http://www.Ayyaantuu.net – Walgahii Konyaan ABO Washington DC mata duree Dirmannaa Xumura Gabrummaa jedhuun Dilbata Fulbaana 11, 2016 waame bakka sabboontoti Oromoo fi miseensoti ABO naannoo Washington, DC, Maryland fi Virginia heedduunii fi hooggantooti Olaanoo ABO argamanitti haala onnachiisaa fi hamileen guutameen geggeeffameera.
Sagantaan WBO fi ummata Oromoo humneessu xiyyeeffate kun yaadannoo gootota Oromoo Bilisummaa Oromootiif wareegamaniitiin kana calqabame yoo tahu itti aansuudhaan eebbi manguddotaa fi faaaruun alaabaa wal-duraa duubaan taasifameera. Continue reading
Godina Wallaggaa Magaalota Qassoo,Moxee fi Yaamaa Hagaloo Jedhamu Keessatti Diddaan Sirna TPLF Itti Fufee Jira.
Aside
Fulbaana 21,2016 Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Qassoo naannawaa mana barnoota sadarkaa lammaffaatti alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo erga fannisanii booda, magaalicha guyya gabaa roobii waldaldalaa oolee wajjin ta’uun hanga halkan kanaatti mormii jabaa geggeessaa jiru.
Achuma Magaalaa Aanichaa Magaalaa Moxee irraa humnk waraanaa bakkichatti sochoosamaa fi tarkaanfii fudhachuu akka qaban ajjeechaa
ilmaan Oromoo irratti raawwachuuf tiki aanaa Waamaa Hagaloo Obbo Girmaa Gurmeessaa fi Tasfaayee Bantii akkasumas namni yeroo hedduu
uummatatti roorrisuun beekamu kaabineen tikaa Wayyaanee Takkaalliny Lammaa jedhama irratti walii galanii waraanni dhiiga uummata nagaa
akka lolaasuuf irratti walii galuu isaanii fi konkolaataan dhaqanii akka uummata goolan waajjira keessattiwal dhabuu. isaaniillee odeessi
waajjiricha keessaa ba’e dabalee addeessee jira.
Fulbaana 20/2016 Wayyaanee TPLF Aangawoota OPDO YAKKA ol-aanaa ummata Oromoo irratti rawwachaafi raawwachiisaa turan aangoo ırraa arii’uun yakkamaa biraa bakka buusan.
Aside
Uummatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, jaarmiyaaleen qabsoo Bilisummaa Oromoo, fi hayyootni fi beektootnı Oromoo sirni abbaa irree hundeen uummata keenyaa fi biyya keenyaarra buqqa’ee uummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa isaa deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessee wareegama qaalii kanfalaa jira malee jijjirama haromsa aangoo abbootii irree Wayyaanee OPDOf qabsa’a miti. OPDOn duras hardhas, borus aangoo ittin uummata Oromoo ficisiisuufi ulee harka mirgaa diinati malee uummata Oromoo bakka hin butuu, uummatni Oromoos OPDO jalatti akka bulaa hin jirree alaabaa OPDO gubee, waajji ishee irraatti duuguufi barbadeessuun itti argisiseera, kanaan booda aangawaan OPDO kamuu maqaa uummatan bakka bu’a jettuun Oromıyaa keessa socho’uu dhaabuu qabdi, uummatni Oromoo OPDO of irraa dhaabuuf of irrattii fi dargaggoota Qeerroo isaa irratti abdata.Kanaafuu kanaan booda Oduun OPDOn bifa kamiinuu Odeessituu uummata Oromoo hin ilaallatu, OPDOn kan Uummata Oromoo miti, jijjiramni kabeebsaa fi itti fakkeessii abbootii irreef gurraa hin qabnu!! Diramaan OPDO kan arman gadii kana!!
1.Muktaar Kadir Bakki dhaloota isaa Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo kan ta’eefi Presidentii OPDO ta’uun Nama Uummata Oromoo irratti Waraanni Yeroo Labsamu, Waraana daa’imman, Dubartii ulfaa, Manguddootaa fi dargaggoota qaroo hawaasaa dhukaasee ajjeesaa jiru mediatti bahee kan galateeffachaa turefi waraana uummata keenyarratti labsuu keessatti qooda guddaa kan qabu OPDO’n Aangoo irraa arii’uun ibsamaa jira!!
2. Asteer Maammoo Bakki dhalootaa GO/I/Abbaa Booraa Aanaa Gachii kan turtee fi hiddi dhaloota ishee Oromoo hin taanee qubattoota irraa kan dhalatte fi Mınisteraa Sivil Servisii fi itti aantuu itti gaafatamtuu OPDO kan taatee fi yakkaa suukkaneessaa uummata Oromoo irraatti rawwatamuu sadarkaa hojjettootaa hanga uummataatti duguugınsa sanyii gaggeeffamaa jiru keessa harka guddaa kan qabduu aangoo OPDO irraa arii’atamte,
3.Lammaa Magarsaa Iafa-yaa’iin Caffee OPDO ergama diinummaa rawwatamaa jiru keessa kanneen qooda guddaa qaban, utuu arganii fi ilaalanii yeroo dubartiin ulfaa duutuu,daa’imni wareegamtu, manguddoon Gannaa 80 olii fi dargaggootni qaroo hawaasaa yeroo wareegaman ijaafi gurra cuqqallaachaa kanneen turanii fi yakkicha keessa warra harka qaban keessa tokko kan ta’ee angawaa Hogganaa OPDO ta’uun OPDOn Muuddattee jirti.
4. Warqinaa Gabayyoo gaafatamaan poolisii Federaalaa duraanii kan turee fi dhalootaan Oromoo kan hin taane fi yakka ulfaataa Uummata Oromoo irratti dalagamaa jiru keessa harka guddaa kan qabuu itti aanaa hoogganaa OPDO godhachuun OPDOn filattee jirti. Garuu uummataa Oromoo biyyaa keessa fi biyyoota garaagaraa jiran bakka hin bu’an. Oromoon waraanaan wal dura dhaabbachaa jira, hanga mirga isaa kabachiifatee bilisummaa isaa fi walabummaa isaa gonfatutti qabsoo isaa finiinsuun wareegamaa caaluu baasee of kabachiisuuf qophiidha!!
SBO Fulbaana 21,2016. Oduu, Ijoo Dubbii ABO, Gaaffii fi deebii Atilet Taammiraat Kaffiyalew akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Fulbaana 20,2016
Aside
Godina Gujii keessatti Qeerroon Bilisummaa waraqaa waamichaa facaasaa jira.
Aside
Fulbaana 20,2016 Qeerroon Bilisummaa godina Guji Bahaattii aanaa Gooroo magaala Harqalloo keessatti waraqaa dhaadannoo fi qabsoon Oromoo fuuula duratti akka tarkaanfatuuf sochii uummatichaa kan jabeessu of kessaa qabu bottimfamee jira. 
Waraqaaleen heddumminaan facaan fuula lama qabu kunis asiin hiine jirra. Uummanni Oromoo yeroo kanas waan isa baasu hubatee diinaa fi hidhataa kan diinaa kan qaban akkasumas investeroota Wayyaanee qabeenyaa isaanii Oromiyaa keesaa jiru irratti tarkaanfii fudhatuu fi lagannaaf of qopheessuun waamicha garagaraa waliif gochaa jiraachun yeroo kana haalaan kan hubatamee jiruudha. haatahu malee diinni sochii abbaa qabsoo oromoo wayita kanaa Qeerroo Bilisummaatti kan nahee fi sodaa keessatti kufee jiruun tarkaanfiin diinni uummata keenyarratti aggaamee jiru gara laafina malee gocha suukkanneessaa fudhataa jiraatuun gabaasonni garagaraa ibsu.
Qeerroon Oromiyaa keessatti wayita kana FXG kan jabeessu kutannoodhaan galmaan gahuuf itti cicheetu jira. kanumaanis waamicha FXG fiixaan bahiinsa itti gochuuf waraqaan Qeerroo magaalotaa fi baadiyaalee Oromiyaa keessatti faca’aa jira. Continue reading
Haxxummaa fi Malaamaltummaa Mootota Habashaa
Aside
Damee Boruu Irraa
Haayile Selaaseen Mo’aa Lenca Yihuundaa Mootii moototaa kan Waaqayyon muude godhee of dhiyeessaa ture. Haxxummaa kana keessaa bu’ura dubbii guddaa lamatu jira. Inni duraa kan Waaqayyo muude namni xuqquu hin danda’u yaada jedhuuf kan xiyyeefatame dha. Inni lamaffaa Lunca Yihuudaa yaroo jedhu an isin keessaa iyyuu hin dhalanne, isin bituuf ergamaa Waaqayyoo waanan taheef na sodaachuu fi na kabajuu qabduu dha. Kunis uummata bitaa jiru irratti humna aangoo akka kennuuf kan tilmaame dha . Kana irratti Haayile Selaaseen ofumaanuu an jedhee of hin waamu. Yaroo hundaa nuyi jedhee of waama. Maal jechuu isaati? Tokkoo isa inni lamaffaa eenyuu? Waaqa isa muude jechuu isaati laata? Jechi isaa kun mala guddaa of keessaa akka qabu ni agarra.Mootonni Habashaa haxxummaa fi malaamaltummaan akkataa itti uummata cabsuu fi bituu danda’an wal duraa booda wal irraa barachaa, wal dhaalaa amma guyyaa har’aa gahanii jiru. Malaamaltummaan tokkoof hojjete isa biraa hin hojjetu. Inni Itti aanu immoo haxxumaa biraan as bahuu qaba. Continue reading