Fulbaana 20/2016  Wayyaanee TPLF  Aangawoota OPDO YAKKA ol-aanaa   ummata Oromoo irratti rawwachaafi raawwachiisaa turan  aangoo ırraa arii’uun yakkamaa biraa bakka buusan.

Uummatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, jaarmiyaaleen qabsoo Bilisummaa Oromoo, fi hayyootni fi beektootnı Oromoo sirni abbaa irree hundeen uummata keenyaa fi biyya keenyaarra buqqa’ee uummatni Oromoo bilisummaa isaa gonfachuufi walabummaa isaa deeffachuuf  qabsoo hadhooftuu gaggeessee wareegama qaalii kanfalaa jira malee jijjirama haromsa aangoo abbootii irree Wayyaanee OPDOf qabsa’a miti. OPDOn duras hardhas, borus aangoo ittin uummata Oromoo ficisiisuufi ulee harka mirgaa diinati malee uummata Oromoo bakka hin butuu, uummatni Oromoos OPDO jalatti akka bulaa hin jirree alaabaa OPDO gubee, waajji ishee irraatti duuguufi barbadeessuun itti argisiseera, kanaan booda aangawaan OPDO kamuu maqaa uummatan bakka bu’a jettuun Oromıyaa keessa socho’uu dhaabuu qabdi, uummatni Oromoo OPDO of irraa dhaabuuf of irrattii fi dargaggoota Qeerroo isaa irratti abdata.Kanaafuu  kanaan booda Oduun OPDOn bifa kamiinuu Odeessituu uummata Oromoo hin ilaallatu, OPDOn kan Uummata Oromoo miti, jijjiramni kabeebsaa fi itti fakkeessii  abbootii irreef gurraa hin qabnu!!  Diramaan OPDO kan arman gadii kana!!

1.Muktaar Kadir Bakki dhaloota isaa Godina Jimmaa Aanaa Shabee Somboo kan ta’eefi Presidentii OPDO ta’uun  Nama Uummata Oromoo irratti Waraanni Yeroo Labsamu, Waraana daa’imman, Dubartii ulfaa, Manguddootaa fi dargaggoota qaroo hawaasaa dhukaasee ajjeesaa jiru mediatti bahee kan galateeffachaa turefi waraana uummata keenyarratti labsuu keessatti qooda guddaa kan qabu  OPDO’n Aangoo irraa arii’uun ibsamaa jira!!

2. Asteer Maammoo Bakki dhalootaa GO/I/Abbaa Booraa Aanaa Gachii kan turtee fi  hiddi dhaloota ishee Oromoo hin taanee qubattoota irraa kan dhalatte fi Mınisteraa Sivil Servisii fi itti aantuu itti gaafatamtuu OPDO kan taatee fi yakkaa suukkaneessaa uummata Oromoo irraatti rawwatamuu sadarkaa hojjettootaa hanga uummataatti duguugınsa sanyii gaggeeffamaa jiru keessa harka guddaa kan qabduu aangoo OPDO irraa arii’atamte,

3.Lammaa Magarsaa Iafa-yaa’iin Caffee OPDO ergama diinummaa rawwatamaa jiru keessa kanneen qooda guddaa qaban, utuu arganii fi ilaalanii yeroo dubartiin ulfaa duutuu,daa’imni wareegamtu, manguddoon Gannaa 80 olii fi dargaggootni qaroo hawaasaa yeroo wareegaman ijaafi gurra cuqqallaachaa kanneen turanii fi yakkicha keessa warra harka qaban keessa tokko kan ta’ee angawaa Hogganaa OPDO ta’uun OPDOn Muuddattee jirti.

4. Warqinaa Gabayyoo gaafatamaan poolisii Federaalaa duraanii kan turee fi dhalootaan Oromoo kan hin taane fi yakka ulfaataa Uummata Oromoo irratti dalagamaa jiru keessa harka guddaa kan qabuu itti aanaa hoogganaa OPDO godhachuun OPDOn filattee jirti. Garuu uummataa Oromoo biyyaa keessa fi biyyoota garaagaraa jiran bakka hin bu’an. Oromoon waraanaan wal dura dhaabbachaa jira, hanga mirga isaa kabachiifatee bilisummaa isaa fi walabummaa isaa gonfatutti qabsoo isaa finiinsuun wareegamaa caaluu baasee of kabachiisuuf qophiidha!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: