Guyyaa Har’aa Gootonni Qeerroon University Mattuu Shira Diinaa Diduun FXG Itti Fufanii Jiru.

Aside

 Sadaasa 9,2017 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu warraaqsa FXG Finiinsuun Shira diinaafi ergamtoota jala dhaabbatan.
Gaaffiin Qeerroo Barattoota Oromoo Gaaffii Uummata Oromooti, Gaaffii Mirga Abbaa biyyummaaf deebiin hanga Kennamutti Qabsoon itti fufa!! Shirri diinaan mooraa dhaabbilee baarnootaa irraatti xiyyeeffachuun dalagamaa jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, Gaaffii keenyaaf deebiin kennamuu qaba, Presideentiin Yuunibarsiitii Mattuu Dr Taaddasee erga

amaan Wayyaanee shira diinaa dalagaa jiru aangoo gadhiisuu qaba jechuun diddaan isaanii jabeessaan.
Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu Shira Mootummaan Wayyaanneefi Ergamtootni Wayyaanee Sochii Qabsoo Bilisummaa Oromoo ukkamsuufi Mirga barattoota Oromoo sarbuuf, lubbuu balleessu, hidhaafi gidiraa dheereessuuf shira diinummaa xax
amaa jiruufi xaxamaa ture Qabsoon Jala dhaabbatani Warraaqsa Finiinsu irratti argamuu. Yeroo ilmaan nafxanyoota tigree sakkatta’insa tokko malee Mooraa barnootaa seenaan, ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyii sakkaatta’insaa gudd

 

Continue reading

ONN

Aside

ONN:Haala Oromiyaa Kessatti Deemaa Jiru Laalchisee Marii Bal,aa Ogeessa Dinagdee fi Xiinxalaa Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Ethiopia Dr.Rundaasaa Asheetee Waaliin Goonee Jirru Hordofaa.

TV Gaadisa Dhugaa Gaaffiif Deebi Dr. Gizaachoo Tessoo Waliin

Continue reading

Afarsaa Siyyaasaa Ammaa Jala Dhaabbachuun Dirqama Oromoo Maraati.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aa

 Sadaasa, 6,2017]

“Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti” akkasuma “ariifataan horii gata” jedha Oromoon. Dorgoommiin atiloototaaf fayyada. Fiigicha ariitiis kan itti gargaaramu atileetota. Namni qabsoo mirgaa gaggeessu sardamaa, abdi kutataa miti. Namni qabsoo sabaa gaggeessu tokko haala naannoo isaa miijanee ilaaluu baannan qabsoon isaa duraa akka gufatu maaltu wal’aaleree? Qabsoon kutannoo barbaaddi. Murannoon itti seenuu, kaayyoo ofiif wareegamuun qabsoo keessatti akkaan barbaachisa.

Oromoon garboonfattoota kana faana qabsoo godhu keessatti wareegamuu isaa marruu beekna. Wareegamtoonni keenya kaleessaa kaayyoo Bilisummaa qabatanii “referendum ” utuu jedhanii lubbuun taraniiru. Nutis dhaloonni har’aa “federalism ” jechaa jirra miti. ‘Freedom’ jechuun iyyinee addunyaattis lallabataa jirra. Erga akkas ta’ee qabsoon Oromoon gama kamiinuu, qaama kamiinuu galma haa ga’u, nuti qabsoo kan dhaabuu qabnu hanga Bilisummaatti akka itti fufuun banbansinu hubatuu nurra jiraata. Kaayyoo ilmaan keenya kaleessaa lubbuun darbanii sana ilmaan nyaatee balleessu utuu hintaane, ilmaan kaayyoo wareegamtootaa galmaan gahu ta’uu nurra jiraata. Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilusummaa Oromoo Sadaasa 07/2017

Aside

Godina Arsii Keessatti Imaan Oromoo FXG  Bara 2016 Irratti Wayyaaneen Manneen Hidhaatti Guure Hanga Har’aa Murtii Malee Jiranii.

Aside

Godina Arsii Keessatti Imaan Oromoo FXG  Bara 2016 Irratti Wayyaaneen Manneen Hidhaatti Guurte hanga Har’aa Murtii Malee Jiranii. Continue reading

Killeen Bofaa summii Bofaa Irraa Qulqulluu Tahuu Hin Danda’u

Aside

Damee Booruun

Namni killee bofaa utuu summii qabaachuu isaa beekuu nyaachuu filatu nama garaa isaaf jecha lubbuu isaa dabrsee laate duwwaa dha. Du’aatiin namoota akkasii mararsiifanaa hin qabu. Summii sanan dararmee du’uu mana harkaan funyoon morma of hudhee of ajjesuu wayya.

OPDOn akka ijaarsaatti killee bofaa uummata Oromoo summiin fixxuuf diinni uummata Ormoo ijaarate tahuu daqiiqaa tokkoof illee dagachuu hin qabnu. Akka ijaarsatti  kaayyon OPDO meeshaa garboofanna diinni uummata keenya ittiin gargaaramuuf qopheefatee jiru akka tahe eeynu jalaa iyyuu dhokkataa miti. Uummatni Oromoo waggaa 26 darban kana utuu tuhannaa fi bulchinsa OPDO jala jiru kummataan ajjeefamuun, hidhamuun biyya abbaa isaa ariihamuu  hiree taheef jira.  Haalli kun hammaachaa dhufee Oromiyaa keessatti manaa bahanii nagaan mana itti deebi’uun yaaddoo guddaa tahee jira. Continue reading

SBO Sadaasa 8,2017. Oduu, Yaadannoo Guyyaa FDG waggaa 12ffaa ilaalchisuun Ijoo Dubbii ABO, Guyyuma kana ilaalchisuun Marii dargaggoo Lammii Beenyaa waliin taasifame kuxaa xumuraa fi Qophii SBO sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Aside

ONN:Qophii Doyaa Marii TVOMT Sadaasa 5/2017 dhihaate

Aside

Continue reading

Guyyaa Yaadannoo FDG  Sadaasa 9 Waggaa 12ffaa Kabajamuuf Jiru Ilaalchisuun Dhaamsa Qeeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummaata Oromoo Hundaaf Dabarfame.

Aside

Sadaasni 9 Guyyaan Yaadannoo Guyyaan Seenaa Qabeessi, Guyyaan Fincila Diddaa Gabrummaa FDG (meaning Revolt Against Subjugation) waggaan 12ffaan dhiyaate jira. Barri isaa Sadaasa 9-03-2005 ture. Dargaggootni barattootni Oromoo dhalootni Qubee haarawwaan waamicha Qabsoo ABO Uummata Oromoo hundaaf godhee keessatti dursanii owwaachuun bifa adda ta’een Qabsoof hiriiranii warraaqsa akkaa abidda saafaa boba’u diinatti qabsiisan. Wareegama qaalii baasuun mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo haaromsuufi gabbisuun bara Qabsoon Bilisummaa Oromoo bifa adda ta’een dhaloota haarawaa hirmachisuun finiineedha. Jaallaan Ilmaan Oromoo gootota falmaa Irratti Wareegamaan guyyuu kan Yaadannuufi Gumaa isaanii Bilisummaan baanu ta’uu hubachiisna. Kaayyoo isaan Irratti wareegaman galiin gahuuf Qabsoon Qabsoo dhalee, Warraaqsii Warraaqaafi Warraaqsa dhalee bara 2011 hundeeffaama Qeerroo Bilisummaa Oromoof bu’uura ta’e. Continue reading