Raayyaan Ittisa Biyyaa Silaa Nageenya Ummataaf Gaachana Malee Yaaddoo Tahuu Hin Malle

(Ibsa ABO – Mudde 15, 2018) Guyyoota 6 dabraniif Kibba Oromiyaa naannoo magaalaa Moyaaleetti lola hidhattoota Somaalee kanneen meeshaa lolaa gurguddaa hidhachiifamaniin Ummata Oromoo naannoo sanaa irratti gaggeeffamaa jiruun gaaga’ama guddaatu lubbuu fi qabeenya Ummataa irra irra gahaa jira.

Akka jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’ametti hidhattootni Somaalotaa kun meeshaalee lolaa gurguddoo fagootti waa rukutuu danda’anitti fayyadamuudhaan manneen barnootaa, baankiilee, manneen amantii, manneen daldalaa fi manneen jireenyaa ummataa, akkasumas, buufata poolisii rukutuudhaan barbadeessaa fi ummata fixaa jiru. Lola kana ummata irraa ittisuun dandeeytii milishootaa fi poolisoota Naannootii ol tahaa jiraachuus jiraattotni naannoo himachaa jiru.

Haala kana keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa (Ethiopian Defense Force) yeroo kaan callisee taa’ee walitti ilaaluu fi yeroo milishootaa fi poolisootni Oromiyaa humna Somaalotaa kana of irraa dhiibuu argu ammoo Somaalotaaf baabsuudhaan Oromoo irratti dhukaasaa jiraachuun baramee jira. Akka kanaan lola guyyoota 6 dabraniif gaggeeffamaa jiru keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo sadii hidhattoota Somaalotaaf tumsee kan Oromootti dhukaasuudhaan 15 ajjeesee 19 ammoo madeessuu jiraattota naannichaa irraa hubachuun danda’amee jira.

Kana malees humnumti Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa kun manneen jireenyaa Ummataa irra naanna’uudhaan namoota meesha-maleeyyii 3 ajjeesee jira. Gochaan Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa gama biraatiif tumsee Oromoo irratti dhukaasuu fi ajjeesuu kun isa jalqabaa osoo hin taane amma duras bakkaa fi yeroo adda addaatti deddeebi’ee raaw’atamaa akka ture jiraattotni naannoo gara garaa miidiyaaleedhaaf ibsaa turuun ni yaadatama. Haalli akkasii deddeebi’ee mul’achuun (keessattuu haala yeroo ammaa kan akka adeemsa jijjiiramaa fi yeroo cehumsaatti ibsamaa jiru kana keessatti) Ummata keenyaaf hedduu yaaddessaa fi rifaasisaa dha. Raayyaan Ittisa Biyyaa silaa nageenya Ummataaf gaachana tahuu kan qabu malee yaaddoo tahuu hin malle.

Lola naannoo Moyaalee kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 36 dabree namootni 100 gahan ammoo madaawuun beekamee jira. Kana irraa kan ka’e yeroo ammaa ummatni naannichaa sodaa nageenyaatiif gara biyya ollaa (Keeniyaa)tti baqachuu eegalee jira.

Hidhattootuma Somaalee kanaan lolli karaa Baha Oromiyaa Ummata Oromoo irratti gaggeeffamus akkuma itti fufetti jira. Akka kanaan, keessattuu Cinaagsanii fi naannoo sanatti lubbuu fi qabeenya Ummataa irra miidhaan gahuun mudannoo guyyuu tahaa dhufee jira. Ajjeechaan kun Ummata keenya irraa akka dhaabbatu gaafachuufis hiriirri bakkoota adda addaatti bahamaa jira.

Gama Mootummaa Itoophiyaatiin miidhamaa fi gaaffii Ummataa kanaaf gurra kennuun mul’achaa hin jiru. Inumaa iyyuu Mootummaan Itoophiyaa kan dhimmi isaa waliigaltee fi karaa nagaatiin akka xumuramuuf irratti hojjetamaa jiru (Waraana Bilisummaa Oromoo) humnaan dhabamsiisuuf naannoo Waraanni kun jirutti loltoota isaa fi meeshaa lolaa guurrachaa jiraachuutu bal’inaan mul’achaa jira.

Walgahiilee adda addaa irratti Adda Bilisummaa Oromoo maqaa xureessuu fi kan nagaa hin barbaadne fakkeessuuf ololli gama qaamota Mootummaatiin ABO irratti oofamus babal’achaa dhufee jira. Adeemsi Mootummaa kun yoo akkanumaan kan itti fufu tahe nageenya Ummataa fi biyyaa balaa guddaa irra kan buusu malee abdii jijjiiramaa kan wareegama qaaliidhaan har’a argame kana fiixaan baasuu keessatti gumaacha kan hin qabne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.

Maayyii irratti daangaa Oromiyaa hundaan (Dhihaan, Bahaan, Kibbaan, Kaabaan fi Kibba-Bahaa irraan) ajjeechaan Ummata Oromoo irratti gaggeeffamu dhaabbatee Ummatni Oromoos tahe Ummatootni hundi nageenyi isaanii akka mirkanaawuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi kan Federaalaas gaafatama isaanii akka bahatan Addi Bilisummaa Oromoo cimsee gaafata. Jijjiiramni haala siyaasaa kan qabsoo hadhaawaa fi wareegama ulfaataa Ummata keenyaatiin argame kun akka hin gufanne gochuun gaafatama hunda keenyaa tahuu qaba. Adeemsi jijjiiramaa eegale fiixaan bahee, Ummanti Oromoos tahe Ummatootni kaan biyya, qe’ee fi qabeenya ofii irratti yaaddoo fi sodaa nageenyaa tokko malee Bilisummaadhaan jiraachuu haalli itti danda’an akka uumamuuf ABOn dirqama isa irraa eegamu hunda bahachuu obsaan kan itti fufu tahuu hundaaf mirkaneessina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 15, 2018

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s