(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 13,2018, Finfinnee Oromiyaa) Yeroo garaa garaatti nagaan uummata Oromoo deebi’ee, mirgi namoomaa uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa akka kabajamuuf karaa nagaa sagalee dhageessisuun gaafachaa turree ittis jirra.
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka uummata Oromoo utuu hinsharafamin qabee kan jiru ABO dhaan hogganamnee qabsoon gochaa turre karaa nagaa rakkoon Oromoo fi saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii akka furamuuf gaafachuu ture.
Akeeka nagaa booreessuu, jeequmsaa fi goolii garaa garaa uumaanii biyya hokkora maayii hinbaafne keessa galchuu qaama qabatee adeemu kamiin dura dhaabbachuudhaan, bifa haqaaf seeraan qaamni dirqama qabu nagaa uummataa akka bakkatti eeguuf gaafachuu ammas itti fufnee jiraachuu keenya ibsina!
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas ta’ee har’as wanti nagaa caalu hinjiru jennee amanna, boriifis nagaan bu’uura jiruuf jireenya saba tokkoo ta’uutti Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Qaama nagaa uummata isaa nagaa uummata Oromoo booreessuuf ammoo dhiifama tokko gochuuf akeekas ta’e ajandaa qabatee hinbeeku. Uummatarratti lola labsuunis ta’ee, saboota daangaa walitti buusanii bu’aa siyyaasaa argachuuf qaamootni haloolamanis ta’e qaamotni hojiitti jiran kamuu hatattamaan dhaabbachuu qabu. Uummatni keenya kallattii maraan jeeqamuun irra hinjiraatu! Ajjeechaan nurraa haa dhaabbatu! jennee kan gaafannuuf deebiin ajjeechaa babal’isuufii jeequmsa heddummeessuu ta’ee bakka jirutti, biyyattii hokkora hinbarbaachifne keessa galchuun kisaaraa hammaataaf saaxiluu ta’uutti cimsinee amanna jechaa turre ammas irra deebiin jenna. Nagaa boora’eef gafatama kan qabu qaama nagaa booreessaa jiru kan lola kallattii afuriin uummatarratti banamee jiru callisee ilaaleef, waraana uummatatti banee jiru ta’uu uummata hubachiifna!
Jeequmsi uummataa, karaa Bahaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Sumaaleen, Karaa Lixaa Oromiyaa maqaa Liyyuu Hayilii Gumuziif uummata Gumuziin, Karaa Kaaba Oromiyaa maqaa humna hidhatee jiru Affaariin, akkasuma karaa Kibbaa uummatoota sabaaf sablammii daangaarraan, duuchaatti saboota naannoo Oromiyaa daangeessan mara uummata nagaa Oromootti duulchisanii araddaa fi qe’ee keenya mancaasanii biyya keenya Oromiyaa boolla badiisaatti darbachuu caalaa wanti Qeerroo Bilisummaa Oromoo mufachiisu hinjiru. Maqaa adamoo Waraana Bilisummaa Oromoo WBO jedhuun uummata nagaatti raayyaa ittisa biyyaa bobbaasanii waraana uummatarratti banuun kallattii maraan sochiin godhamaa jiru hattamaan haa dhaabbatu. Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeka nagaa buusuu fi qaama mirga namoomaa fi mirgoota dimokiraasii akkasuma mirgoota uumamaan qabnu nurkaa sarbu dura dhaabbachuu ammas taanan itti fufee jiraachuu uummatasaa bal’aaf nii ibsa!
Nuti Qeerroon; qaamootni ajjeechaa gara jabinaa raawwataa jiran seeratti akka dhiyaatan gaafachaa akkuma turre yakkamaan seeraaf heera biiyyattiin akka gaafatamuu qabu gaafachuu cimsinee itti fufnee jirra. Ajjeechaa uummata isaa Oromoo irra gahu balaaleffachuuf dirqama Oromummaa, ilma/intala uummatichaa kan jilba abbaa Oromoo fi gadameessa haadha Oromoo keessaa bahe bahachuuf eenyuun olitti gaddi itti dhagaa’amuufi daangaa gaddaa fi bohichaa Oromiyaatti gochuuf kan duriin olitti of ijaaree warraaquuf, nagaa fi tasgabbii biyyattii keessatti karaa nagaa fi naamusa qabuun fiduuf qabsoo jabaa gochuuf akka muratee jiru Qeerroo Bilisummaa Oromoo ni ibsata!
Waan ta’eef qaamota nagaa fi tasgabbii uummataa hunkuranii ajjeechaa fi dararama uummata isaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo irraan gahan cimsee hadheeffata, nii balaaleeffatas. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaleessas akkuma uummatni keenya nageenyisaa hongaa’uun nu mufachiise, har’as boris nagaan uummataa boora’uun eenyuun olitti kan nu dhukkubsu ta’uu uummata keenya kabajamaa Oromoofis diinaafis himuu feena. Nageenyi uummataa mirkanaa’ee yakkamaan seeraaf akka laatamus daddaballee gaafanna!
Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 13,2018
Finfinnee Oromiyaa.