Daddaaqaama siyaasaa yeroof nu muudateen aarsaa yeroo dheeraaf kaffaallee gatii hin dhabsiisnu. 

Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamicha Ajaaja olaanaa WBO Irraa dhihaate hordoofun bahee

(Qeerroo, Waxaabajjii 1/2019) Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo siyaasaa gaggeessaa turee dhaaba isaa ABO jalaatti hiriiruun hanga har’aatti qabsoo godheen jijjiiraama biyya tana keessaatti mul’aata jiruuf madda bu’uuraa tahee jira. yeroo kanaattis jijjiiraama siyaasaa idiil addunyaa, afriikaa, gaanfa afriikaa, akkasumaas impaayera Itoophiyaa fi Biyya teenya Oromiyaa keessaatti tahaa jiruu obsaan ilaalaa jirraa. akeekni Qeerroon qabsoo taasiseef sarbaama mirga namoomaa qe’ee Abbaa oromoo kabaaja fi ulfiina dhabdeetti kabaaja horee mirga abbaa biyyummaa akka sabaatti qabnu mirkaneeffannee kabaajchiifatuufi. Haa tahuutii taateewwaan irraa deeddebiin tahaa jiraan hundiyyuu kan faallaa wareegaama oromoon akka sabaatti kaffaalaa turee waan tahaaniif kana immoo callisnee ilaaluuf obsa fixaannee jirraa. waanti amma mul’aataa jiruu kun namootaaf ifa tahuu baatuus nuti Qeerroon bilisummaa oromoo qabsa’oota keenya qaalii abboota qabsoo umurii isaanii qabsoorraatti dabaarsan galateeffachaa, kabaajaa qabsoo keenya hanga galmaan geenyuutti qaama akeeka ABO galmaan gahuuf sochoo’u waliin hiriirree itti fuufna.
addaatti ammoo……………..
Yeroo ajaajni oolaanaan WBO waamicha nuuf dhiyeesse kanaatti gaachaana keenya WBO waliin dhaabbachuun roorriisaa maqaa oromootin nu daraaraa jiruutti xumuura gochuuf Oowwaannaa keenya dhageessiisna. Qeerroon Bilisummaa Oromoo warraaqsa aarsaa qaalii itti kaffaaluun asiin gahee hattoota warraaqsaan jalaa hataamee karaa hin malleetti diinaan oofamaa jiruu aarsaa kamiyyuu kaffaalee akeeka isaa galmaan gahuuf qophii tahuu isiin beeksiisna.

Haala yeroo irraatti QBO haala gataantaraa keessa jiruu kanaatti xumuura gochuuf waamicha Jaallan qaalii ajaaja olaanaa WBO irraa nuuf dhiyaate fudhaannee tarkaanfiitti seenuuf qophii xumuruu keenya gamanumaan isiin beeksiisna.
kanumaan walqabaatee haaloonni tarkaanfii kana akka fudhaannuuf nu kakaasan hangi tokko.
1•waadaan murna biyyaa bulchuun uummaata keenyaaf galaame faalla’uun holoolaaf qofa nutti fayyaadamuun Qeerroon akka uleetti ilaalamee guyyaa rakkoo qofa ergatuuf nutti fayyaadamuun isaanii tuffii guddaa nuuf qabaan agaarsiisa. kanaaf immoo nuti akeeka keenya galmaan gahuuf irree keenya ol kaasna. gaaffii waggaa dheeraaf gaafatamee osoo hin deebisiin holoola biraa Obbooleessa hangaafa Qeerroo kan tahee qaama keenya WBO irraatti oloola oofaamu dura dhaabbachuuf of qopheessina.
2• Qaamni biyyaan bulcha ofiin jedhuu waggoota 28f Saamiicha uummaata oromoo irraatti raawwatee ammaas itti fufuun cinaatti erga waggaa tokkoon asii immoo maqaa jijjiiraama jedhuun uummaata gowwoomsaa ajjeechaa saamichaa fi buqqaafamuu nurraatti gaggeessuun duubaan ammoo saboota biroo qabeenya keenya dhaalchisaa waan jiraaniif kanarraa uummaata keenya baraaruuf tarkaanfii kamiyyuu fudhaachuuf kaanee jirraa.
3• gaaffii bu’uuraa qabsoo uummaata oromoo karaa maksuun ukkaamsanii inumaayyuu hiraarsa itti fufaa jiruu. hidhaamtoota achii buuteen isaanii dhabaame nutti himuu jennee osoo eegnuu, dabaalataan butaanii ukkaamsuun itti fufee jiraa. kanaaf immoo Qeerroon gochoota uukkaamsa fi zaliilii mootummaan nurraatti raawwataa turee har’aa akka as nutti deebi’uuf hin heeyyaamnu. kana duraas ni dhaabbannaa.
4• Waraana bilisummaa oromoo WBO waliin karaa nagaan xumurra jedhee waadaa ertiraatti galee haaluun lola labsuun isaa nageenya kan hin feene shoroorkeessaa tahuu isaa nu agaarsiisa. kanaas bosoonaa fi qilleensa oromiyaa summiin faalaa jiraachuun isaanii ilmaan oromoo WBOtti lolaa banuun isaa egeree oromoo gaaffii jala kan galchuu waan taheef shira mootummaan abbaa irree nurraatti raawwataa jiruu ni balaaleeffanna. walumaa galaatti qonnaan bulaan, daldalaan, hojjaataan, hayyoonni, beektoonni, artiistoonni, beektoonni fi
qabsa’oonni sirna kanaan waggoottan biyyaa ari’aatamaa hidhaamaa ukkaamfamaa ajjeefamaa fi saamamaa, akkasumaas jiraa gubaataa turree yeroo kanaatti sirna kana ofirraa qimmiiduun adaabbii dhumaa adaabuu qabna.
5• gaaffiin mirga hiree murteeffannaa oromoo akka kabaajamuuf akkasumaas sirna waggaa 30tti dhiyaatuuf nu hiraarsa jiruu kanaatti xumuura gochuuf Qeerroon waamicha ajaaja olaanaa WBO dhagaahuun waamicha kanaaf fiincila maayii Garbummaa labsee jiraa
======================
QBO akka daraan jiraatee kabajaa kaleessa ummata keenya irraa diinni mulqe deebifnee uummaata keenya goonfachiifnu yeroo kamiiyyuu caalaa murteessaa ta’uu hubatuun dhalli oromoo kamuu bakka jiruu fiincila waamame irraa hirmaatuun kaayyoo abbootii fi akaakilee kiyyaa galmaan gahiinsa Isaaf, haa wal jalaa howwaannun waamicha QBOti.
Injifannoon uumnaata Oromoof.
Laabsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabaajjii 1/2019

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s