Nuti Miseensonni ABO qaama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan taanee falmaa qabsoo hidhatnoof jecha kaayyoo ummata Oromoof qabannee jirru, Hooganoota ABO Finfinnee jiran wajjin shira diinni xaxeen qunnamtiin keenya cituu irraa kan ka’e hojii guyya guyyaa irratti wal taliguu fi waliif taligamuun waan hanqateef of dandeenyee sochohuuf akka tahutti qaama hoogganaa “AJAJA OL’AANAA WARAANAA ABO” utubannee sanaan geggeeffamuu jalqabuu keenya ibsinee turuun ni yaadatama. Haatahu malee, nuti qabsoo karaa nagaa hin laganne. Hooggana keenyas hin waakkanne. Karaa fi sirni milkeessaan haa hordofamu jechuun qabsoo haqaatti fi yaada Injifataa qabannee jirra.
Miseensotni hoogganaa walakkaan Finfinneetti argaman kanneen nuti hin haalinii fi daandii nageenyaa hordofuu isaanii osoo hin balaaleffatin har’a akkuma barametti dirqamuun ykn fedhiin jireenya WARAANA BILISUMMAA OROMOO haaluu midiyaa irraa dhageenye. Kuniis, sababaa gara garaan tahuu akka danda’u nuuf gala. Qaamni hidhaa jiraatu waanuma fedhe jechisiifamuu danda’a.Ergaan ibsichaa (kan dhimmichi ilaaluu fi hin ilaalle illee nu irratti jedhame) kan bakka walii hin buune tahuu eeruu yoo tahe malee jireenya WBO fi hoogganoota waliin dhaabbatanii hawwumaan haquu kan danda’u miti. Dhugaa jiru amananii wal-qunnamtiin waan citeef dhuunfata WBO irratti akka hin qabnee fi gaafata itti qabaachuu dhabuu ibsachuu duwwaan utuu gahuu “WBOn hin jiru ykn hin beeknu;keenya miti ”jechuun diqamaan malee fedhii irraa kan dhufe hin fakkaatu.ABO fi WBO wanti adda baasuu dandahu hin jiru. Hoogganni mirgaa fi tabaroo itti qabus walgahee sirnaan waan hin murteessiniif tinnisa heeraa fi seera ABO kan qabu miti. Akkuma dura ibsine WBOn miseensa fi hogganoota ABO kanneen kora sabaa fi heera ABO irratti sagalee olaanaa qabanii fi sirna bulmaataa keessattis qaama ABO ol aanaa waan ta’aniif hogganni kamiinuu WBO waakkatee miseensummaa ABO irraa kaasu akka hin jirre beeksifna.
WBO kan dhalche roorroo saba Oromoo mudatee fi gaaffii furmaata barbaadu.Deebifamuu gaaffii sanaatu barbaachisummaa WBO hambisa.Diinni guyyuu kokkee walqabaa jirruhuu jiraachuu keenya tolchee beeka. Eenyu illee calaamoo nuti waan of beeknuuf, jireenya keenyaaf ragaa ykn hayyama abbaa fedheeyyuu hin barbaadnu. Hoogganni keenyas kan karaa haqaa fi milkeessaa irratti nu geggeessu qofa. Qabsoon saba Oromoo kan kallachummaa ABOn geggeeffamaa as gahe gonkumaa dhiibbaa haala yeroo fi afanfaajjii gosa kamiinuu of-duuba hin deebi’u. Akkuma duraanii WBOn hoogganoota sadarkaa gadii hanga oliitti argaman kan humnicha waliin dhaabbataniin geggeeffamaa murannoo fi gootummaan qabsaawuun itti fufa.
Marii waltahiinsaa ABO fi mootummaa Itiyoophiyaa wajjin godhame keessatti dhimmi WBO ilaalu karaa mootummaatiin akka waliigalametti hojii irra ooluu waan hanqateef WBOn harki guddaan hin galin hafe. Hujjiin mootummaa waan waliif galameen faallaa waan waliif WBO mooraatti galfamee ture irra miidhaa fi balaa geessifame hundatu beeka. Akkuma yakkamtootatti kanneen mooraatti naqamni hidhan, doorsisan, beelaan waadan, dararan, dhukkubaa fi summiin dhumuu manna utuu lolluu ajjeefnee bilisummaa saba keenyaaf wareegamuu filanne. Qabeenyi kanaaf baafamu kanuma saba keenyaa tahee utuu jiruu Jaallan keenya nu dura galfaman keessaa eenyutu Humna Ittisa Oromiyaatti sirnaa fi kabajaan dabalame? Enyutu bahiin barbaachisu kennameefii qubachiifame? WBO hidhannoo lakkisee galuun wal-faana kan deemuun irra ture qabsoo karaa nagaa bilisummaan geggeessuun utuu hin hayyamamin “WBOn galuu dide” jechuun kan nu komatu diina mirga Oromoo ykn wallaalaa dhugaa fi dhara adda hin beekne qofa. Nuti tarkaanfii fudhataa jirrutti gonkumaa gaabbii hin qabnu. Wareega fedhe gaafatuus, karaan qabsichaa hanga fedhe dheeratus hanga walabummaatti of-duuba mil’achuun hin jiru. Falmaa bifa fedheef murannoo akkuma qabnutti furmaata karaa haqaa fi nagaafis jaalala malee jibbaa akka hin qabne kanuma waliin ifa goona. Kanaafis, ummanni keenya xiqaa guddaan Qabsoo ABOn as gahee kana akka fiixaan baafnu akka nu bira dhaabbatan abdii guutuu qabna.
Yeroo ammaatti diinni karaa tokkoon waan waltahiinsaa dubbachaa karaa kaaniin duula duraanuu itti ture cimsee WBO kophxoomsee loluuf ijibbaata gochaa jira.Hanga fedhe sagantaa duulaa baasanii bobbahanis WBO balleessuun abjuu hojiitti hin hiikamneef tahuu hubachuun ummata keenyaan walitti nu busuu fi waldura nu dhaabuuf cecehaa jiru.Kanattis bayyanannee shira diinaa haa hongeessinu.
Injifatnoo Ummata Oromoof !
Ajaja Ol’aanaa Waraana ABO
Caasmsaa 31, 2019