IBSA: QEERROO BILISUMMAA OROMOO

(Finfinnee, Eebla 28/2019) Qeerroon Bilisummaa oromoo haala yeroo irratti marii godhuun akka armaan gadiin ibsa baasuun xumure.


Qeerroon Bilisummaa Oromoo baroota hadhooftuu irraa jalqabee hanga ammaatti qabsoo gabroomfataa of irraa fonqolchuuf godhu sochii karaa nagaa ABO dhaan hogganamnee gochaa ture itti fufuun kan yeroo kamii caalaa akka hojjetaa jiru beeksisuun yeroo ammaa kanatti taateewaan biyya keenya Oromiyaa keessatti deemamaa jiru jala bu’ee akka hordofaa jiruu fi kanas haal duree tokko malee waan Oromoo fi Oromiyaaf hin taaneef qabsoo hadhooftuu gochuun akka qabsaa’uu qabu waliif galeera.
Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Qabsaa’onni haqaa waliin tahuun asiin gahan murni muraasni akka waan OPDO’n qabsooftee qabsoo asiin nuuf geesseetti fudhatanii qabsoon xumuramtee jirti bilisoomneerra warri jedhan akka jiran illee argaa dhagahaa jirra jedha ibsichi.
Haqni jiru garuu qabsoon ABO’n gaggeeffamaa ture ammas gaggeeffamaa jiru bitaa fi mirgaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi WBO ijaaruun qabsoo hadhooftuu fi wareegama guddaa erga kaffalee ifa xiqqoo argaa jirru kana akka arginuuf xurree nutti argisiisee akka jiru eenyuyyuu hin haalu.
Ammas qabsoon Adda Bilisummaa oromoon dursamu hanga galma gahutti nuyi Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan yeroo kamuu caalaa wal utubnee qabsoo hadhooftuu gaggeessuun hidhaa fi ajjeechaa yeroo ammaa sirna kanaan nurratti gaggeeffamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun dirqama jennee amanna. Kana gochuuf immoo olola nurratti gaggeessaa jiru dura dhaabbannee dhugaa fi jaalala jaallaniin wal qabannee yoo deemne dhagaan nuyi hin buqqisne hin jiraatu.
Kanaaf Qeerroon Bilisummaa Oromoo bakka jiruu quba wal qabaachuun qabsoo as geesse xumura itti gochuun Oromoo fi Oromiyaa walaba taate keessatti namuu akka bilisaan jiraatu arguuf haalduree tokko malee qabsoo keenya gara fuulduraatti Adda Bilisummaa Oromoo waliin akka galma geessu homaa shakkiin qabnu waan taheef qabsoo hafteef wal utubuun haa mirkaneessinu jenna. Yeroo kana jennuttis tahe qabsoo gaggeessinu keessatti olola diinni nurratti oofuun hojii manaa nutti kennu kamuu of irraa fonqolchuun akka tahe baramuu qaba.
Akka kanaan Eebla 26/2019 maxxansi obboleettii keenya Mooneet Badhaasaa irratti barreeffamee maxxane kan dhugaa irraa fagaatee fi yaada namoota dhuunfaa tahuu Qeerroo Bilisummaa Oromoo qorannoo godheen mirkaneesseera.
Maxxansi yeroo sana maxxanes namoota jibba dhuunfaa oofaniin akka tahe ilaalchi achi irratti maxxane kan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Zoonii Lixaa bakkan buune tahuu Qaama dhimmi ilaalu irraa mirkaneeffannee jirra.
Kanaaf namoonni olola akkasii maxxansitan WBO ykn Qeerroo Bilisunnaa Oromoo akka bakka hin buune waan taheef namuu akkasiin hubatee wal shakkii gidduu keenyatti diinni uumuuf carraaqu karaatti hanbisuun qabsoo keenya akkuma kanaan duraa elaa fi elaameen wal dhageenyee haa goolabnu jenna. Holola hadheessii facaasuun WBO fi Qeerroo gidduutti wal hubannoo maseensuuf aggaammii aggaamamaa jiru qolachuuf dirqama keenya haa bahannu!
Ololli obboleettii keenya Mooneet Badhaasaa irratti gaggeeffame akka fakkeenyaatti kaasne malee namoota biroo irratti illee wal shakkiin akka uumamuuf sobaan namootni diinota qabsoo keenya irraa dirqama fudhachuun olola diigumsaa gaggeessaa jiran waan jiraniif isaan kanas of irraa qolachaa gochaa isaanii immoo ummataaf saaxilaa deemuun dirqama jennee amanna.
Ammaf namoota olola sobaa gaggeessuun qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa jiru harka diinaa galchuuf wal walirratti shakkii uumuuf namoota hojjetaa jiranis Qeerroon Bilisummaa Oromoo bira gahee waan jiruuf karaa gorsamuun danda’amuun akka gorsaman godhamaa jira . Naamusa qabsichaa akka tiksaniif kabaja qabsoo keenya qabsoo Oromootiin gaafanna!
Qabsoon keenya ABO’n dursamu WBO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo (QBO) qabatee Oromiyaa fi Oromoo walabaan jiraatu arguudha.
Gadaan Gadaa Bilisummaa haa tahu!
Injifannoon Ummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa oromoo eebla 28/2019
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s