Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Aside

Harki Hanna Bare Dooluutu Sossoha

(Ibsa ABO – Fulbaana 14,  

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_oKamisa Fulbaana 12, 2019 galgala Waajjira Poolisii magaalaa Buraayyuu irratti boombiin darbatamee miidhaa namoota irraa gahe jechuudhaan gochaa kanas (kallattiidhaan maqaa dhawuu baatanis) ABO.dhaan wal qabsiisanii oduun dabballoota ODP/EPRDF.iin tamsa’e ololuma maqa-balleessii baroota aangoo EPRDF guutuu itti hojjetamaa ture dha. EPRDF baroota aangoo isaa hunda lammiilee biyyattii kanneen sirna Abbaa irrummaa isaa mormanii mirga ofiif falmatan dharaan yakkuuf gocha fokkataa akkanaa oggayyuu irra deddeebiidhaan raaw’achaa jiraate. Manneen jireenyaa namootaa, manneen ciisichaa (doormii) barattootaa, manneen nyaataa – dhugaatii fi hoteelota, konkolaattota geejjibaa fi … kkf. keessa dhuka’aa fi meeshaalee lolaa adda addaa kaa’uun, yookaan Alaabaa ABO kaa’uudhaan namoota yakkamoo fakkeessuu barbaadan ittiin tohannoo jala oolchuuf ykn. miidhaa irraan gahuuf fiilmiin sobaa hojjetamaa ture kan himamee dhumu miti.

Continue reading

Aside

Manni hidhaa Maakalaawii ummataaf banaa ta’e

(BBC Afaan Oromoo) — Mootummaan Itoophiyaa mana hidhaa dararaan adda addaa lammiilee to’annoo jala oolan irratti raawwataa tureefi gidduu magaalaa Finfinnee keessatti argamu ummataaf banaa taasise.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Birhaanu Tsaggaayefi Prezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Aadde Ma’aazaa Ashannaafi manni hidhaa Maa’ikalaawii ummataan akka daawwatamuf eegalsiisaniiru.

“Fakkiiwwan agarsiisaaf dhiyaatan biyyi keenya haala mirgi namootaa itti sarbamuu irraa gara mirgi namootaa itti kabajamutti darbuu keenya kan agarsiisu dha,” jedhan Aadde Ma’aazaa Ashannaafin. Continue reading

Dubbadhu Qaallittii..ተናገር ቃሊቲ !!

Aside

Dubbadhu Qaallittii..ተናገር ቃሊቲ !!

 

 

Aside

qeerroo-editWareegama kaffalaa as geenyeen Qabsoon keenya warra gufuu qabsoo oromoon hin laamsha’u ammas wareegamnee Oromiyaaf ni Falmanna.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa oromoo irraa kenname.
Fulbaana 6/2019
Finfinnee, Oromiyaa

Akkuma beekamu Qeerroon Bilisummaa oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee hanga ammaatti wareegama qabsoon gaafattu kaffalaa osoo dadhabe beela’e, dheebodhe,waanin uffadhun dhabe hin jenne ummata cunqursamaaf dhaabbatee cunqurfamtoota gidduutti argamee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa wareegama qaalii of duuba hin deebines kaffalaa as gahe ;ammas itti jira.

Qeerroon Bilisummaa oromoo qabsoo hadhooftuu gaggeesseen humna waraanaa mootummaa Abbaa irree Agaazii fuuldura harka duwwaa dhaabbachuun kan wareegame wareegamee ,kan qaamaa hir’ate hir’atee ,kan mana hidhaatti darbatame qabsoon Irbuun wareegamtoota wareegamaniin Seenamtee finiinte akka abidda saafaa wal harkaa fuudhaa Dhalootni qubee wareegama kamuu sodaa malee dura dhaabbatee jijjiirama dhufe jedhamu dhiiga isaan dhugoomseera.

Qeerroon Bilisummaa oromoo gaafa Hundeeffama isaa irraa eegalee dargaggootni hedduun hidhamaa ,biyyarraa ariyatamaa,ajjeefamaa qabsoon oromoo akka ija godhatu warra godhan keessaa adda dureedha. Continue reading

Aside

” Oromiyaa Harmee Gaaffii Qabna Sirraa”  Wallee Hawwisoo Qeerroo

 

 

 

Sochii Qeerroo Keessatti Qooda Olaanaa Qabaataa Kanneen Turan Oromiyaa Keessaa Adamfamanii Hidhamaa Jiru.

Aside

because-i-am-oromoSabboontoti Oromoo Sochii Qeerroo Keessatti Qooda Olaanaa Qabaataa Kanneen Turan Oromiyaa Keessaa Adamfamanii Hidhamaa Jiru.

Sochii fi Bu’uuressuu Qeerroo Bilisummaa keessatti qooda guddaa kennaa jijjirama har’a faarfamu kan argamsiisan gaggeessitooti warraaqsaa hedduun yeroo ammaa kana mana hidhaa jiru, Sirni Wayyaaneen irra deddeebi’ee hiidhuu fi miidhaa samuu,qaamaa Image may contain: 5 people, outdoor gahaa ture. Ammas ammoo mootummaan jijjirraa dhiigaa fi wareega Qeerroon dhufeen dhaadatu Jaallan Qeerroo keessatti gahee guddaa qaban mana hidhaatti guuraa jira.Biyya Oromiyaa keessa seerri hin jiru,mootummaan biyya taliiguu fi ummata tohatu waan hin jirreef kan hidhuu fi hiisisu wallaalamee jira.
Eda galgala Qeerroolee nagaan jiraatan magaalaa Finfinnee keessaa mana itti cabsuun hidhaa bakka hin beekamne geessanii jiru.
Jaallan
1) Gadaa Bultii
2)Addunya Keessoo
3) Biqilaa Amanuu
4) Firoomsaa
5) Abdii Guuttataa
Mana hidhaa hin beekamne waan geeffamaniif hatattamaan gadhiifamuu baatnaan mootummaa kasaare kanatti kaasaaraa hiriyyaa hin qabne akka itti dhufu mirkana!!

 

 

Aside

Ibsa Ejjannoo Miseensota Konyaa ABO Victoria – Australia

ABOHagayya 25 bara 2019
Miseensotni ABO Konyaa Victoria – Australia walgahii idilee Hagayya 25 bara 2019 gaggeessannee jira. Walgahii idilee kana irrattis haala biyya keenyaa ilaalchisee marii bal’aa taasisne. Hirmaattotni walgahichaa ibsi ejjannoo kanaa gadii murteeffatan.
1. Jijjiiramni wareegama Qeerroo fi Qarreen biyya Ethiopia keessatti mul’atee jira haa jedhamu malee miidhaa saba keenya Oromoo fi saboota akka Oromoo irra geessisamee ture har’as bifa jijjiirratee itti fufee jira. Seeraan ala guuramanii hidhamuun, mooraa waraanaa keessatti tiksamuun, ajjeessamuun, qabeenya saamamuun fi dararamuu fi ariyatamuun saba keenya irraa hin dhaabbanne.
2. Sabni keenya daangaa Oromiyaa gara garaa keessaa dachee isaa irraa weerara humna waraanaan buqqisame biyya isaa keessatti godaantuu tahee beelaa fi dhukkubaan harcaasamaa jira. Continue reading

Aside

Hdawudaala turtii qabsoo Bilisummaa Oromoo erga hogganni ABO biyya galee as, hanqinaaf cimina qabsoof gufuulee mudatan

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Hagayya 26,2019

Hogganni adda Bilisummaa Oromoo Fulbaana 15,2018 erga biyya galee as maaltu adeemaa jira, maaltu raawwate? Maaltu milkaa’ee? Maaltu hanqate? Kan jedhu wal hubachiisaa adeemuuf jecha barruu qophaa’e.

Addi Bilisummaa Oromoo hogganni isaa biyya alaatii qabsoo karaa nagaatti amanuutii biyya isaa Oromiyaatti galuun isaa nii yaadatama. ABO’n biyyatti kan galeef ija Oromummaan wal ilaaluutiin mootummaa kana waliin wal ta’iinsa siyyaasaa kan hanqate waliin guutuuf, qabsaa’ota waggaa 28 dura dhabaman wal ta’iinsaan barbaadanii arguu yaada jedhuu fi siyyaasa karaa nagaa gaggeessuuf filannoon wal dorgomna ejjennoo jedhu qabatee hogganni olaanaan biyya isaa Oromiyaa gale. Continue reading

Aside

ONN LIVE | FXG GUDAR QEERROO

 

 

Aside

Lixa Shaggar ona Gudaritti Fincilli geggeeffame.

[SQ Hagayya 25/2019]

Image may contain: one or more people and outdoor

Hidhaafi ajjeechaan uummata Oromootti jabaachuufi mootummaan maqaa Oromootiin of waamu kun “ABO deeggartan” jedhee nama dararuu waan hammeesseef, sababuma kanaan mana uummataa gubuufi qabeenya uummataa saamuun waan daran babal’ateef uummanni Oromoo obsa fixatee jira. Haaluma kanaan Lixa Shaggar magaalaa Guda
r keessatti Qeerroon Bilisummaa fincila dhoosuun mormii agarsiisaniiru. Akka odeeffannoon arganne ibsutti, Qeerroon magaalaa Gudar daandii cufuudhaan mormii isaanii agarsiisanii waajjira ODP Aanaa Tokkee Kuttaayee fi konkolaataa mootummaa irratti tarkaanfii fudhataniiru. Sababaan fincila kanaas, waraanni mootummaa naannawa Amboo warshaa rasaasaa Omachoo keessa qubatanii achirraa uummata Oromoo dararuuf bobba’an mormuun akka eegale maddeen keenya ibsanii, kanuma waliin hidhamtoota mana hidhaa Sanqalleefi bakkoota adda addaatti dararamaa jiraniif birmachuuf akka ta’e gabaafame. Fincilli kun gaaffii Abbaa Biyyummaafi Hiree Murteeffannaa Oromoof kan haga dhumaatti geggeeffamu ta’uutu ibsame
.