Gaangiriinii ABO

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 15,2021
“…Yoo ABO’n bade malee. Yoo ABO ajjeefne qofa. Yoo ABO qotnee awwaalle nagaa arganna!..” jedhu. Kanaaf hojiin guyyuu isaanii sanuma. ABO balleessuu. ABO dhabamsiisudha. Abjuu hiika hinqabne. Kan milkoomni isaa maseene.
Gaansa korma gunii. Abbaa cidhaan tokkoo. Isa dhalchuu hindandeenye. Kan horee hindaballe. Hojii galma fagoo. Abjuuf hawwii dheeraa. Hiixannaa ol dheeraa. Kan bira hingaahamne. Fakkii nama hawwaa xuquu abjootuu. Isa garaa waaqaa, barruun dhahuu abjootu. Kan hojiirra olmaan. Samiif lafa caalaa walirraa fagaatu. Waan bira hingaahamne. Kan hinqaqqabamne. Dorgommii mohumsaa. Kan injifannoo hawwuu. Injifachuun ulfaatu. Abjuun qaamolee PP abjuu akkanaati.
Abjuu maseena. Ammoo maseena ta’uu osoo beekanii itti dhiisuu dadhabuu. Daranuu itti seenuu. Hanga daaraa ta’anitti harka kennuu diduu. Akka injifataman osoo beekanii. Harka isaanii gabaabsuu hanqachuutu hanga har’aa akka isaan ABO xuxuqan taasise. ABO dhabamsiifna. Dadhabnu ammoo nii dadhabsiifna dhaadannoo jedhuun warraaqu. Dhaadannoo hiikkaa hinqabne. Dhaadannoo funyoon of rarraasuu isaanitti fidu. Galma one. Masaraa barbadaa’e. Sirna du’e. Isa samee tortore. Sirna Oromoo saamu. Kan du’ee, reeffi isaayyuu bade. Sana jiraachisuu fedhu.

Continue reading

IBSA EJJENNOO MISEENSOTA KONYAA ABO SWEDEN

,BITOOTESSA 14/ 2021

Korri Sabaa, Shira Diinaa Fi Gantootan Gaggeeffamaa Jiru Beekamtii Seeraa Hin Qabu!

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Oromoo fi Oromiyaan ulfa jaarraa tokkoon booda ilmaan ishee qaqqaaliidhaan

dhaaba ciniinsuu ulfaataa dhaan deessee dha. Kanaaf sabnii oromoo akka dhala dhabaa fi qaroo ija isaatiitti ABO jaalatas, ilaalas.

ABOn guyyaa hundeeffamee rasaasni jalqabaa jaal Elemoo Qilxuun gaarreen Carcar keessatti nyaapha Oromoo tti dhukaafamtee jalqabee hanga guyyaa har’aatti diinni keenya innikaa alaan

dhabamsiisuf yoo shiru, galtoonnii fi gantoonni immoo keessan akka shiraa fi hammeenya  diinaa sana dandamatee galma aggammaate san hin geenye dhagaan isaan hin garagalchine hin

jiru. Haa tahu malee ayyaanni fi ekeraan jaallan QBO keessatti irbuu tiksuuf wareegamanii fi jaallan cichoon kaayyoo waliin waan jiran waardiyaa dhaabbatanii waan tiksaniif Kallacha keenyaa ABO akka yaadan dhabamsiisuf takkaa itti hin milkoofne; ammas hin milkaa’an.

Faallaa kaayyoo diinaa kanatti, ABO dhaloota sabboonummaa fi Oromummaan itti habaqaalee, kunuunsuu kudhaama Irbuu fi kaayyoo qabsoon itti dhalatte kudhaammachiisee,diina keenya sadarkaa sadarkaan buqqisuun gantoota keessaa irraayis dandamatee akka galii isaa gahu shakkii hin qabnu.

ABOn jalqabuma gaafa dhalatu irraa kaasee dhaaba of danda’ee gaaffii siyaasaa, diinagdee, Eenyummaa fi walumaa gala biyya abbaa isaa irratti sabni Oromoo ofiin bulee, afaan, aadaa, Continue reading

Ibsa Miidiyaaf ABO irraa kenname: waa’ee kora sabaa sobaa waajira olaanaa ABO Finfinneetti gageefamaa jiru ilaalchisee

Ibsa Miidiyaaf ABO irraa kenname: waa’ee kora sabaa sobaa waajira olaanaa ABO Finfinneetti gageefamaa jiru ilaalchisee

Sababa gartuu qaama dhaabaan alaatiin gurmaa’ee fi diinagdeen godhamee dhaabarraa foxxoqeetiin kan ka’e burjaajiin waan uumameef dhaabni keenya ABOn akka Kora Sabaa addaa waamee burjaajii uumame kana akka qulqulleessu Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaatiin gaafatamuun ni yaadatama. Boordiin Biyyoolessaas Kora addaa ABOn waamamu kan akka deeggaru ibsee kunis filannoo biyyoolessaa fuuldura keenya jiru dura Korri Sabaa kun waamamee akka qulqullaa’u gaafateera. Haaluma kanaanis Koreen Qindeessituu Kora Sabaa durumaanuu Gumii Sabaa ABOtiin utubamtee turte akka tartiiba seeraa fi heera ABOtti Kora kana mijeessuuf hojii eegaltee qaamota dhimmi kun ilaalus beeksiftee jirti. Hojiin Koree kanaa eegaluunii fi haga ammaatti maalirraa akka ga’ee jiru Boordiin Filannoo xalayaa sirnaatiin beeksifameera. Kanuma faanas Boordiin Filannoo dhimma Kora Sabaa kanaaf waajjira muummee keenya Finfinneetti argamuu kan humnaan qabamee jiru akka gadi nuuf lakkisiisu xalayaa gaafa Guraandhala 25, 2021 barreeffameen gaafatneerra .
Akkuma yaadatamu waajjirri muummee ABO Finfinneetti argamu Koomiishinii Pooilisii Finfinneetiin seeraan ala ajaja mana murtii malee nurratti cufameera. Guyyaa kanarraa kaasee waajjirri keenya Finfinnee tohannoo Komiishinii Poolisii Finfinnee jala galee kan eegamaa jiru yammuu ta’u, hojiin guyya-guyyaa nu hojjetaa turrees addaan citee jiraachuun ni beekama. Haa ta’u malee amma akka odeeffannoo nu qabnutti gartuun dhaaba irraa foxxoqe kun humna poolisii Finfinneetiin marfamee Kora seeraan alaa waajjira kana keessatti geggeessaa akka jiru bira geenyeerra. Oddeeffannoo qabnurrattis hundaa’uudhaan gaafa Bitootessa 12, 2021 Komiishiniin Poolisii Finfinnee akka waajjira kana itti gaafatama isaatiin keessaa nu baasee to’ataa jiruutti walgahii seeraan alaa kana dhaabsisuuf akka itti gaafatama qabu xalayaa sirnaatiin beeksifneerra, Continue reading

ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha!

ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 11,2021
Biyyattii keessatti dhaabbilee siyaasaa hedduu jiru. Dhaabbileen siyaasaa kunneen dantaaf fedhii mataa mataatti kan qabanidha. Kanneen siyaasa gaggeessan hedduun yeroo sagantaan siyaasaa isaanii wal kiphus nii argama. Keessumatti dhaabbilee siyaasaa hedduun maqaa garaagara malee waan isaan adeemaniif sagantaan siyaasaa isaanii kan paartii qawweedhaan biyya bulchaa jiruu waliin wal fakkaata.
Siyaasa tokko wanti adda taasisu sagantaa siyaasaa isaaf heeraaf seera inni qabatee socho’udha. Akkaataa inni ittiin uummatatti of ibsus sagantaa siyaasaa isaatii waliin kan wal qabatudha. Addi bilisummaa Oromoo dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran keessaa dhaaba hanga yaadamuuf hanga hubatamuun olitti uummata isaa Oromootti siqa. Itti siquu qofa osoo hintaane olmaaf bultiin isaa jireenyi isaa Oromoodha. Waan inni qabatee socho’uuf gumeen inni baafatee warraaqu mataansaayyuu bu’aa Oromoo giddu galeeffateeti. Dhaabni uummata keessaa dhalateef jecha siyaasa isaa gabbifachuu irra waa’ee uummata isaa dursee yaadee xiinxalu biyyattii keessatti ABO qofa jechuun danda’a. ABO’n waa’ee Oromoo Kaleeffaaf har’aa qofa kan dubbatuuf hojjetu miti. Waa’ee Oromoo egerii, waa’ee Oromoo boruu, waa’ee Oromoo kan waggaa 5…10…100..200…boodaa illee madaalaa dhaaba socho’udha.

Continue reading

Argaa Shinniggaa(SBS)

Qalbeessaa Dhangayaa

Waldarba Siyaasaa (Agartuu Qeerroo) miidiyaa Oromoo Shinniiggaa irratti (Argaa Shinniigaan isin bira gaha! Qophii kana namootii akka karaa miidiyaa darbuuf gaaffi naa dhiyeessaa turtan galata qabdu.
Qiphicha torban torbanii hordofuu hindagatinaa!

Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO

Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO
(Bitootessa 8, 2021)
Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire. Kunis gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiiruudhan qabsoo karaa Nagaa fi Maree siyaasaa tiin mirga dimokraasii fi hiree murteeffannaa kabachiisuuf yaadameetu ture. Akkuma Kanaan Hoogganni ABOs Baatii Fulbaana 2018 keessaa magaalaa Finfinnee, Itophiyaatti deebi’uun ni beekama. Yeroo sanatti sabni keenya Cehumsa Ebla (April) 2018 irraa eegalee waggaa lamaaf jedhamee itti seename Filmaatni walabaa fi haqaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf geggeeffama jedhee yaadamee ture. Garuu abdiin kuni dimismisee dhumarratti dukkanaawuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne. Paartii biyya bitaa ture akkuma injifannoo rakasha mormitoota siyaasaa biyyatti galcheera jedhee argateen utuu yeroo itti hin kenniin ABO irratti olola hamaa jalqbe. Ololli Karaa Sabaa himaa (Social media) fi midiyaa mootummaa akkuma hoogganni dhaabaa Fulbaana 15, 2018 biyyatti seeneen guyyaa muraasa keessatti eegale.

Continue reading

Bitootessa 8 Guyyaa Dubartoota Adunyaa

Bitootessa 8 Guyyaa Dubartoota Adunyaa
(Ibsa ABO – Bitootessa 8, 2021)
Bitootessa 8 Guyyaa Dubatootni Adunyaa jedhamee kan beekamuu fi gahee dubratootni jireenya Hawaasummaa, Dingadee, Aadaa fi Siyaasaa keessatti qabanii fi bu’aa guddaa isaan buusan guyyaa itti yaadatamuu fi kabajamuu dha. Akkasumas, guyyaa kuni walqixxummaa dubartootaa adunyaa kanarratti dhugoomsuuf tarkaanffin barbaachisu akka fudhatamuuf guyyaa yaamichi itti godhamuu dha.
Durbarrtootni Oromos guyyaa kana sirnaan kabaju. Durbartootni Oromoo jireenya Hawaasaa, Dinagdee, Aadaa, fi Siyaasaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabu. Dubartootni Oromoo hundee maatii ta’uudhan jireenya hawaasummaa kan bu’uuressanii fi dhaloota haarawaa qaran kan guddisan qofa utuu hin taane mirga dhala namaa fi dimokraasii ummataaf falmuu keessatti gaheen isaaanii ol’aanaa dha. Dubartootni Oromoo walqixummaa sabaa fi sablammii irratti amantaa guddaa qabu. Kanaafis mirgaa fi dimokraasii saba hundaa kabachiisuu keessattii shoora isaan taphatan ol’aanaa dha.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessattis yeroo dheeraa irraa kaasee dubartootni Oromoo karaa adda addaa qooda guddaa qabaachaa turan, ammas itti jiru. Dubartootni Oromoo qabsoo siyaasaa, hawaassummaa, dinagdeetti, fi qabsoo keessatti kan miidhamanii fi diigaman deebisanii hadhaadhiyuu keessatti qooda ol’aanaa qabu. Dubartootni Oromoo nagaa jaallattootaa fi nagaa buusuudhan kan beekamanii dha. Haata’u malee haala dirqii ta’ee argamu keessatti Qabsoo hidhannoo geggeessanii mirgaa fi bilisummaa saba isaanii dhugoomsuu keessattis qooda guddaa qabaachaa akka turanii fi akka ammas itti jiran beekamaa dha. Kana keessattis seenaan Oromoo kan yaadatu dubartoota Oromoo hedduu dha. Dubartootni Oromoo falmii mirgaa fi dimokraasii gochaa turanii fi jiran keessatti dararamni hangana hin jedhamne irra gahaa jira. Ajjeefamuu, gudeedamuu, ilamaan isaanii ija isaanii fuuduratti ajjeefamuu, mana hidhaa keessatti dararamuun dubartoota Oromoo irra gahaa turee fi ammas hammeenyaan itti fufee jira. Kanaafis, ABOn gadi jabeessee balaaleffata.

Continue reading