,BITOOTESSA 14/ 2021
Korri Sabaa, Shira Diinaa Fi Gantootan Gaggeeffamaa Jiru Beekamtii Seeraa Hin Qabu!
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Oromoo fi Oromiyaan ulfa jaarraa tokkoon booda ilmaan ishee qaqqaaliidhaan
dhaaba ciniinsuu ulfaataa dhaan deessee dha. Kanaaf sabnii oromoo akka dhala dhabaa fi qaroo ija isaatiitti ABO jaalatas, ilaalas.
ABOn guyyaa hundeeffamee rasaasni jalqabaa jaal Elemoo Qilxuun gaarreen Carcar keessatti nyaapha Oromoo tti dhukaafamtee jalqabee hanga guyyaa har’aatti diinni keenya innikaa alaan
dhabamsiisuf yoo shiru, galtoonnii fi gantoonni immoo keessan akka shiraa fi hammeenya diinaa sana dandamatee galma aggammaate san hin geenye dhagaan isaan hin garagalchine hin
jiru. Haa tahu malee ayyaanni fi ekeraan jaallan QBO keessatti irbuu tiksuuf wareegamanii fi jaallan cichoon kaayyoo waliin waan jiran waardiyaa dhaabbatanii waan tiksaniif Kallacha keenyaa ABO akka yaadan dhabamsiisuf takkaa itti hin milkoofne; ammas hin milkaa’an.
Faallaa kaayyoo diinaa kanatti, ABO dhaloota sabboonummaa fi Oromummaan itti habaqaalee, kunuunsuu kudhaama Irbuu fi kaayyoo qabsoon itti dhalatte kudhaammachiisee,diina keenya sadarkaa sadarkaan buqqisuun gantoota keessaa irraayis dandamatee akka galii isaa gahu shakkii hin qabnu.
ABOn jalqabuma gaafa dhalatu irraa kaasee dhaaba of danda’ee gaaffii siyaasaa, diinagdee, Eenyummaa fi walumaa gala biyya abbaa isaa irratti sabni Oromoo ofiin bulee, afaan, aadaa,
seenaa fi duudhaa isaan buluun mirga uumamaan argatee waan taheef isa kana mirkaneessuf dhaaba ijaaramee dha malee dhaabaa seenaa maxxantummaa diinaa tiin jiraates miti hardhas
xurii sana hin qabneedha.
Fuuldurattis hanga sabni Oromoo jirutti tasa gonkumaa maxxantuu
dhaaba kamiiyyuu ta’uu hin danda’u. Kan diinnis ta’ee firri qabsoo keenyaa beeku ABOn isa dhugaa jaarmiyaa hangafa kallacha qabsoo bilisummaa saba oromoo ti.
Dhaabni keenyaa haala rakkoo hamtuu hidhaa, ajjeechaa fi adamsuu paartiin Bilxiginnaa miseensotaa, hooggantootaa fi qondaalota ABO fi waluma galatti sabboontota Oromoo, keessatti
raawwatamaa tureef yeroo adda addaatti Boordii Filannoo Biyyoolessa Xoophiyaaf kan gabaasaa turee fi xaalayaalee adda addaan iyyachaa turuun beekamadhaa.
Haa tahu malee deebii quubsaa fi furmaata waaraa kennuu dhabuu boordichaa tiin
dhiibbaan Paartii Bilxiginnaa,kan humna mootummaa biyyichaa waan hundaan dhuunfate dhaaba keenya ABO filannoo keessaa dhiibee waan baasef hiree kanatti fayyadamuun namoonni muraasni dantaa mataayyaa fi gareen booji’aman haala sabni keenyaa keessatti kufee jiru moggaatti dhiisuudhaan dheebuu aangoo fi dantaa adda addaan summaa’anii Kora sobaa
gaggeessaa jiraachuu yommuu dhageenye Miseensonni Konyaa ABO Sweden marii atattamaa gooneen ibsa ejjannoo kana baafannee jirra.
ABOn dhaaba guddaa heeraa fi seeraa miseensota akkasumas hooggantoota isaa ittii gaggeessu fi too’atu guutuu qaba. Miseensonni fi qondaalonni kamuu heeraa fi seeraa dhaabaa kanaa ol tahuu hin dandahan. Baatii Adooleessaa bara 2020 irraa eegalee murni xiqqoon sadoo fi dantaa dhuunfaa isaanii jala gugatan kaayyoo bara dheeraadhaaf qabsaawamaa ture ganuudhaan
dhaaba ABO keessaa of baasanii gara PP /Bilxiginnaa jala maxxanuudhaan dhaaba dadhabsiisaa, gama biraa immoo ABO of fakkeessanii Saba Oromoo fi qabsoo Oromoo afaan faajjessanii
burjajessuuf yaalii guddaatti jiran.
Gochaan kun gochaa dabaa seenaan dhiifama hin gooneefii
ABO fi kaayyoo QB Oromoo irratti dalagamaa jiruu dha jennee fudhanna. Yakka seenaa fi dhaloonnis isaan gaafatuuf taahu dhas jennee amanna. Yeroo yerootti Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti nagaa fi tasgabbiin akka hin jiraatne warri ergama diinaa fudhachuun dantaa fi bu’aalee bubbuutuun bitamanii gabrummaa uummata oromoo irratti dheeressuuf ifaajaa jirtan kun isin hin baasuuti daddaffiin gara qalbii keessanitti
deebi’uun dhaaba keessan dhiifama gaafattanii deebi’uu qabdu jenna.
Qabsoon Bilisummaa Oromoo dantaa fi bu’aa nam-tokkee olidha. Lubbuu gootota hedduutu irratti wareegame, qarayyootaa fi qabsaahota Oromoo danuutu kayyoo kanaaf as buuteen isaanii diinan dhabamsiifame. Warrumti kaleessa nyaapha waliin gochaa suukaneessaa kana raawwatan hardha dhiiga Qeerroo,qarree fi sabni keenya walumaa galatti qabsoo hadhooftuu godheen aangoo harkatti galfatan, galfata sabaa moggaatti dhiisun waanuma kaleessa qabsaahota Oromoo irratti raawwatan yeroo itti jiran kanatti namoonni muraasani sadarkaa
hooggantoota ABO turan illee kana moggaatti gatuun diinaf guugguufaa sadoo yeroon mirqaananii yakka guddaa kana dhaabaa fi saba isaanii irratti raawwatan hojii isaanii qalbiin
gilgaaluu qabu.
Qabsoo kana keessatti saba oromootu lafa, jiruu fi jireenya isaa itti dhabe, ilmaan isaa itti gabbare, hardhas Oromoo fi Oromiyaan osoo irratti dhiigaa jiran gochaa farrummaa kanatti hirmaachuun yakka jenna.
Kanaaf nuti miseensotni ABO konyaa Sweden gartuu amma PPn deggeramuun dhaaba keenya ABO irraa foxxoqee uummata Oromoo afaan faajjessuuf Kora Sabaa gochaan jira jedhu kana
gadi jabeessinee ni balaaleffanna. Itti bahiin kora jedhamu kanaas kan seeraan deeggarame waan hin taaneef amala seer-dhablummaa kana bakkayyuuttu miseensonnii fi sabni Oromoo akka dura dhaabbatuu fi deeggarsa hin kennineef gadi jabeessinee dhaammanna.
Gareen diinaan booji’amanii yakak qabsoo bilisummaa Oromoo irratti raawwatan kun nu miseensota ABO Konyaa Sweden fi akkasumas saba Oromoo kan bakka hin buune dha.
Gochaa farrummaa fi diinummaa ti jenna.
Sabni Oromoo, jaarmooleen hawaasaa,waldaaleen amantiiwwan Oromoo fi miseensonnii ABO bakka hundaa ol kaanee harka wal wal qabannee wal bira dhaabbachuun dhaaba keenya shira
diinaa fi gantootaa kana irraa akka dandamachiifnus waamicha lammummaa siniif dabarsina.
Dhuma irratti, Filmaata sobaa nan gaggeessa jechuun gartuun seera malee maqaa PP/Bilxiginnaa mogaafachuun hojii shiftummaa, yakkaa, hattummaa, hiraarsummaa, ajjeechaa fi hidhaan saba keenya gama tokkoon ukkaamsaa, Komaandi poostii jalatti gidirsaatii dibbee sobaa filannoo jedhu tumaa jirtu kana ummati keenyi lammiin Oromiyaa guutun bakka dorgomaan dhugaa fi
haqaa hin jirretti filmaata kan jedhamu waan hin jirreef filmaata gowwoomsaa fi shira PP kana akka mormitan fi bifa isiniif mijateen hundaan akka dura dhaabbattan waamicha isiniif goona.
Gama biraatin dhaabbileen haqaa Oromoo, ABO fi KFOn walii galuun gidiraa sabni Oromoo bara dheeraadhaaf keessatti kufee jiruuf furmaata maayi ni ta’a jedhanii itti amanan Karoora
Mootummaa Cehumsa Biyyoolessaa Oromiyaa (MCBO) ijaaruuf hojjetaa jiran irratti lammiileen Oromiyaa keessaa fi biyya alaan kallattii danda’ame hundaan deeggarsaa oromummaa kan goonuu fi sinis hirmaannaa akka gootan waamicha keenya kan Oromummaa isiniif dhaamna.
Tokkummaan Humna; Dhugaa fi haqa qabna ni injifanna!
Oromiyaan ni bilisoomti!
Bitootessa 14/2021
Miseensota Konyaa ABO Sweden