Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO
(Bitootessa 8, 2021)

ABOn marii Karaa nagaaf dursa kennee carraaqaa jiru, sadarkaan duula propogandaa fi ummata burjaajessuu kun osoo hin turiin ol-guddatee mootummaan waraana karaa Dhihaa fi Kibba Oromiyarratti bane. Asirratti kan hubatame mootummaan waliigalteen Hagayya (August) 2018 keessa Asmaratti ta’een faallaa deemee waraanni xumuramee, loltootni Bilisummaa Oromoo akka humna nageenyaa fi poolisii biyyaatti makaman akka hin feene dha. Mootummaan humna loltuu Bilisummaa Oromoo ummatatti dabalee nagaa buusuurraa lolaa fi jeequmsa ufii uumetti dhimma bahuu fi Waraana Bilisummaa Oromoo fi Hooggana ABO gidduu hariiroo ture sababeeffachuudhan ABO siyaasaa karaa nagaa keessaa ala taasisuu itti shiroota dhuma hin qabne itti fufe.
Lola mootummaan Oromiyaa keessatti geggeessaa jirutti dabalatee Dhibeen COVID-19 dhufuun mormitootni siyaasaa akka daran dadhabanii filmaata Hagayya 2020 yaadamee tureef hin qophoofne taasise. Balaan dhukkuba kun filmaata biyyoolessaa irratti dhiibbaa qabaatullee sababni guyyaa filmaataa dabarsuuf dhihaate hundee seeraa fi adeemsa siyaasaa keessatti gaaffii guddaa kan uumee dha. Gama seeraatiin yoo ilaalle heera Biyyattii keessatti yeroo paarlaamaa dheeressuuf kan nama dandeessisu hulaa banaan waan hin jirreef yeroo filmaataa dheeressuun humnoota siyaasaa hunda waliin ta’udhaan murtii siyaasaa haarawaa gochuun barbaachisaa ture. Yaada kana ammoo mootummaatu fudhachuu dide.
Akkuma mormitootni yeroo filmaataa seeraa ala dheeressuu sirrii miti jedhanii mormiin jabaateen gidduutti Artistiin Oromoo qaroo fi jaallatamaa kan ta’e – Hacaaluu Hundeessaa – ajjeefame. Akkuma kuni ta’een miseensota, hoogganootaa fi deeggartoota jarmayaa siyaasaa mormitootaa hidhuu fi dararuu daran bal’atee jabaate. Hooggantootni jaarmiyaa mormitootaa beekamoo sadarkaa oliirra jiranii fi bitaa, mirgaa fi giddugaleesssa utuu hin jedhiin jumlaan hidhuun itti fufe. Hanga har’aatti ajjeechaan Hacaaluu fi namootni siyaasa keessatti bebbekamoon ajjefaman qaama loogii hin gooneen utuu hin qoratamiin jira.
Mootummaan uummata hiree murteeffannaa fi ofiin of-bulchuu lammileen Oromiyaa fi kibba Itophiyaa gaafachaa jiran irratti gochaa suukanneessaa kana raawwachaa utuu jiruu, itti dabalee garaagarummaa ilaalcha polotikaa marii fi falmii siyaasaatiin furuu irra lola Oromiyaa keessatti eegale sana gara biyya Tigray tti ceesisee lola bal’aa labse. Akkuma ummatni beekuu fi seenaa keessatti galmaawee jiru ABOn firummaa TPLF gonkayyuu hin qabu. ABOn dura bu’aa jaarmotaa siyaasaa ta’ee waayiloota isaa waliin mootummaa TPLF tiin hogganamu darbeemmoo EPRDF jedhee uf yaame mormaa ture. Garuu, dhugaa jiru yoo ilaalle, lolli Tigray keessaatti geggeefamaa jiru itti fufinsa lola Oromiyaa jilbeenfachiisuuf geggeffamaa jiru ta’uu isaa hubanna. Erga kufaatiin diploomaasii qaama biyya bitaa jirurra gahee, fi mootummaan US rakkina hidhaa laga Abbayyaa (GERD) furuuf akka gidduu galu waliigalamee booda Itiyoophiyaan hariiroo Sudan waliin qabdu cabee yeroo ammaa lola guutuu biyya ollaa biraa waliin jalqabuuf qarqara gahamee jira.
Kan keessa jirru biyya miseensotaa fi hooggantootni jaarmayaa polotikaa Bilisa ta’anii haqaan mirgaa fi demokraasii biyyaaf hojjetan qaama biyya bituutiin jumulaa tti qabamanii, haala sukkaneessaa keessatti dararamanii dha. Kunis, utuu karaa mana murtii guutuutti bilisa bahanii jiranii fi yeroo tokko tokko ammoo warri mootummaaf dhaabbatanii abbootiin alangaa jara kanarraa himata kasasanillee yerootti bilisa ta’uu hafee namootni hidhamanii taa’aa jirani dha. Kan keessa jirru biyya waajjirootni jaarmayaa mormitoota polotikaa, teessuma waaltaa isaaniirraa hanga godinaa guutuu cufamanii fi humna biyya bituun weeraramanii tohatamanii dha.
Egaa waliigalaatti haala akkasii kana keessatti biyyattiin kan filmaata biyyoolessaaf ‘qophaawaa’ jirtu. Boordii filannoo biyyoolessaa Itopphiyaa fi qaamota kana keessaa qooda qabna jedhan (stakeholders) kan yaadachiisuu feenu, filannoo jechuun waayee guyyaa filatnoo dhaqanii sagalee keennii qofa miti. Filannoo keessatti hedduun barbaachisaan tartiiba filannoon suni ittiin qophaayee fi akkaataa filannoo sana bira gahamee qulqulleessuu dha. Haqaa fi amanamummaan filannoo fi sirni dimokraasii guyyaa filannoo dura sirna filannoo itti geggeffamuu fi hojii sadarkaa adda addaatti raawwatamuu qabuu fi loogii malee qooda fudhannaa jaarmayaa mormitootaa irratti hundaawa. Filannoo tokko kan ittiin madaalamu adeemsa sirna filannoo sana keessatti jalqabaa hanga dhumaatti raawwatamee malee guyyaa filannoo sagalee dhoksaan kennameen akka hin taane hubatamaa dha. Filannoon haqaa fi dhugaa irratti hundaawe kan gamaagamamu adeemsa filannoo sana keessatti ta’e, kabajamuu mirga mormitootaa fi haqni jiraachuu, loogiin dhabamuu fi kanaafis qaama bilisa ta’een tartiiba raawwatame hordofamuu isaarratti hundaawa. Adeemsi kunis mormitoota hundaaf dirree siyaasaa banuu fi akka bilisaan socho’an eyyamuu; Miidiyaa bilisa ta’ee hunda walqixxummaan tajaajiluu; fi boordii filannoo fi qaama seeraa Bilisa ta’ee loogii tokko malee hojjetu feesisa.
Dhuguma dubbachuuf yoo ta’e itti bahinsi filmaata (election results) Itophiyaa ammaa kun dursee kan beekamee dha. Nama haqarratti hundaawee ilaaluuf haala biyyittiin amma keessa jirtu kana keessatti filmaatni kun geggeffamuu kan hin qabnee dha. Sababa warri biyya bulchina jedhanii of-yaaman filmaata kanarratti cichanii jiraniif nuti mootummaa filatamee dha jedhanii of-moggaasuu fi nama amansiisuuif qofaa dha. Kanaa -achi sababni filannoo qabeenyaa guddaan gaafatu kana gargaarsa biyyoota adda addaa fi qabeenyaan biyyattii hiyyeessa kanaa, utuu ummatni miliyoonaan lakkaawamu beelawaa jiruu, qisaasamuuf dantaa warra biyya bituuf malee sababa biraa hin qabu.
Kanarraan kan ka’e ABOn kan itti amanu:
1. Filmaata haqaa fi bilisaa geggeessuu haa turuutii
haalli amma biyyittiin keessa jirtu sadarkaa
dhumaattiillee mirgi dimokraasii (lowest
standards of even illiberal democracies) akkan
hin jirree dha.
2. Haala waggoota lama darban keessatti ta’e
walakkaa isaa armaan olitti caqafame irraan kan
ka’e, itti bahumsi filmaata kanaa filmaata haqaa,
bilisaa fi kan hunda bakka bu’u ta’uu waan hin
dandeenyeef qaamota dubbiin ilaaluu
(stakeholders) biratti fudhatama hin qabu.
3. Yoo filmaatni kun geggeeffamellee rakkina
siyaasaa gurguddoo ta’an fi waldhibdee biyyattii
keessa jiru furuu irratti jijjirama inni fidu hin jiru.
Kanaaf, ABOn filmaata dhufu kana qooda fudhachuu irraa Mootummaan dirree siyaasaa itti dhiphiisuun ugguuramuu irraan kan kahe gochaa Mootummaa irraa akka hin hirmaanee taasifamuu Isa labsiinaa.
Kunis kan ta’e sababa Paartiin Badhaadhinaa (Prosperity Party) utuu beekuu (intentionally) qooda fudhannaa siyaasaa irra nu dhiibee fi iyyannoo keenya yeroo hundaaf gurra kennuu diduu irraa kan ka’e fi ABO dhiibuu irraa dantaa guddaa paartii badhaadhinaa fi waayiloota isaatiif argachuu waan qindeeffameefidha. Haa ta’uutii, haalota waan armaan gaditti caqasaman guutuu fi gaaffilee haqaa kan jaarmotni mormitoota siyaasaa gaafatan deebisuu fi rakkinoota ummata bal’aa furuu yaaluun adeemsa dimokraasii biyyattii gargaara jennee amanna.
1. Hidhamtoota siyaasaa hunda haal duree tokko
malee hiikuu;
2. Waajjiroota jaarmota mormitoota Siyaasaa yeroo
ammaa cufamanii/ tohannoo human sekuriitii
warra biyya bulchaa jiranii jiran banuu;
3. Yeroo ammaa biyyattii guutuu keessaatti
adeemaa kan jiru ummata hidhuu, dararuu fi
ajjeessuu dhaabuu fi marii hunda ammate
geggeessuu;
4. Qaamotni (Institutions) kan akka Boordii
Filannoo, Mana Seeraa fi Murtii fi nagaa eegdota
akka bilisa ta’an wabii kennuu;
5. Marii Siyaasaa (political Dialogue) kan hunda
ammatee fi itti bahi isaa furmaata rakkina
polotikaa biyya kanaa kan tahe akka jalqabamu
taasisuu.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
Bitootessa 8, 2021