Ibsa Miidiyaaf ABO irraa kenname: waa’ee kora sabaa sobaa waajira olaanaa ABO Finfinneetti gageefamaa jiru ilaalchisee

Akkuma yaadatamu waajjirri muummee ABO Finfinneetti argamu Koomiishinii Pooilisii Finfinneetiin seeraan ala ajaja mana murtii malee nurratti cufameera. Guyyaa kanarraa kaasee waajjirri keenya Finfinnee tohannoo Komiishinii Poolisii Finfinnee jala galee kan eegamaa jiru yammuu ta’u, hojiin guyya-guyyaa nu hojjetaa turrees addaan citee jiraachuun ni beekama. Haa ta’u malee amma akka odeeffannoo nu qabnutti gartuun dhaaba irraa foxxoqe kun humna poolisii Finfinneetiin marfamee Kora seeraan alaa waajjira kana keessatti geggeessaa akka jiru bira geenyeerra. Oddeeffannoo qabnurrattis hundaa’uudhaan gaafa Bitootessa 12, 2021 Komiishiniin Poolisii Finfinnee akka waajjira kana itti gaafatama isaatiin keessaa nu baasee to’ataa jiruutti walgahii seeraan alaa kana dhaabsisuuf akka itti gaafatama qabu xalayaa sirnaatiin beeksifneerra,
Nutii jala sararree kan itti amannu konfiraansiin gageefamaa jiruuf waajirri ol aanaan Adda Bilisumaa Oromoo inni Gullallee garee foxoqtoota (factions) garee hurraa ykn harcaatota wajjin dalaganiif heyyamamuunsaa seeran ala ta’uusaa akka beekamus barbaanna. Kanarratis, waan kun kufaatii itti gaafatummaa dhabuuf beeka garee seera hinqabne wajjin waan hojjetamaa jirudha. Gareen foxoqtootaa (factions) kanaaf seerri itti gaafatamaan akka kora-sabaa gaggeeffatan heyyamuufii hinjiru; innis heeraaf toora hojii ABO akkasumas seerota galmee Boordii Filannoo itiyoophiyaa(NEBE)-A6112/2019 kan cabsudha. Asirratti waan sirriitti hubatamuu qabuu, Poolisii Komishiniin Finfinnee beekumsaaf qajeelfama hayya Duree Adda Bilisumaa Oromoon ala aangoo jara foxoqtootaa (factions) kanaaf hayyama konferaansii gaggeeffatan heyyamuu seeriif dirqama isaanitti kename hinqabani. Keessumaayyuu , waan kun kan argamaa jiru, hogantoonni ABO hayya duree, hojii raawwachiiftuuf deeggartoota dabalatee gaafa 01/08/2020 humnaan dhiibamuunsanii ni yaadatama.
Kanaafuu, Addi Bilisumaa Oromoo waan sabni Oromoo, ummatootni itiyoophiyaa qaamonni dhimmi dhala namaa ilaallatu marti akka hubatu kan jala sararree ibsuu barbaannu, waan seera hin eegne, cubbuuf mancaafama guddaan ABO irratti dalagamuunsaa biyyitii gaaga’umsaaf jeequmsa keessaa hinba’amne keessa buusuu akka danda’u ifa gochuu barbaanna. Guutummaan itti gafatummaan waan seera cabaa jiru kuniif danqaan itti deemamaa jiru kun harka Mootummaa biyyichaaf qaamotasaa kan akka Poolisii Komishiniin Finfinnee harka ta’uusaa beeksifna.
Har’as, walabumaa akka barbaannu dhiibbaaf qoqoodinsi qaamota/gartuu Mootummaa boordii Filannoo Biyyoolessa itiyoophiyaa , mana murtiif qaamoni seera eegsisan keesumaayyuu Poolisii Komishiniin Finfinnee dabalatee dogoggora hedduu nama qaanfachiisuuf gaga’ama yaaddessaa biyyattii saaxilu kana akka nurraa dhaabbatu gaafanna.
Maamila keenyaaf deegartoota keenya qooda of eeganoof to’annaa nuuf qabdan akkasumas qoodinsaaf irraa fageenya qaama saba keenya joonjessuuf walgahii waaman irratti Tumsa gochaa jirtan, akkasumas gara bal’inaan eegumsa dhaaba jaallatamaaf amanamaa ta’e ABOf eegumsa gootan hundaaf galata guddaa qabna.
Injifannoon Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisumaa Oromoo
Bitootessa 12/03/2021