Bitootessa 8 Guyyaa Dubartoota Adunyaa
(Ibsa ABO – Bitootessa 8, 2021)

Durbarrtootni Oromos guyyaa kana sirnaan kabaju. Durbartootni Oromoo jireenya Hawaasaa, Dinagdee, Aadaa, fi Siyaasaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabu. Dubartootni Oromoo hundee maatii ta’uudhan jireenya hawaasummaa kan bu’uuressanii fi dhaloota haarawaa qaran kan guddisan qofa utuu hin taane mirga dhala namaa fi dimokraasii ummataaf falmuu keessatti gaheen isaaanii ol’aanaa dha. Dubartootni Oromoo walqixummaa sabaa fi sablammii irratti amantaa guddaa qabu. Kanaafis mirgaa fi dimokraasii saba hundaa kabachiisuu keessattii shoora isaan taphatan ol’aanaa dha.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessattis yeroo dheeraa irraa kaasee dubartootni Oromoo karaa adda addaa qooda guddaa qabaachaa turan, ammas itti jiru. Dubartootni Oromoo qabsoo siyaasaa, hawaassummaa, dinagdeetti, fi qabsoo keessatti kan miidhamanii fi diigaman deebisanii hadhaadhiyuu keessatti qooda ol’aanaa qabu. Dubartootni Oromoo nagaa jaallattootaa fi nagaa buusuudhan kan beekamanii dha. Haata’u malee haala dirqii ta’ee argamu keessatti Qabsoo hidhannoo geggeessanii mirgaa fi bilisummaa saba isaanii dhugoomsuu keessattis qooda guddaa qabaachaa akka turanii fi akka ammas itti jiran beekamaa dha. Kana keessattis seenaan Oromoo kan yaadatu dubartoota Oromoo hedduu dha. Dubartootni Oromoo falmii mirgaa fi dimokraasii gochaa turanii fi jiran keessatti dararamni hangana hin jedhamne irra gahaa jira. Ajjeefamuu, gudeedamuu, ilamaan isaanii ija isaanii fuuduratti ajjeefamuu, mana hidhaa keessatti dararamuun dubartoota Oromoo irra gahaa turee fi ammas hammeenyaan itti fufee jira. Kanaafis, ABOn gadi jabeessee balaaleffata.
ABOn dubartoota Oromoof kabajaa guddaa qaba. Utuu dubartootni qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda hin fudhanne ta’ee qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa amma jiru kanarra gahuu akka hin dandeenyees ABOn ni amana. Fuudurattis qooda fudhannaan dubartoota Oromoo galma gahuu QBO keessaatti qooda ol’aanaa qabaata. Dubartootni Oromoos dirqama lammummaa isaanii kana bahachuuf daran jabaatanii akka mirga, bilisummaa fi dimokraasii Oromoo fi lammilee Oromiyaaf akka falman adii guddaa qabna.
ABOn qooda fudhannaa dubratootaa dhaaba isaa keessatti akka dagaaguuf carraaqqii guddaa gochaa ture, ammas itti jira. Kana keessatti dubartootni sadarkaa miseensummaa irraa hanga hoogganaatti akka qooda ol’ aanaa qabaataniif ABOn imaammata ifaa qaba. Itti dabalees, qooda fudhannaa dubartootni dhaaba keenya keessatti daran guddisuuf hojjechaa jirra. Kunis, dhaaba keenya keessatti sadakaa adda addaatti dubartoota qooda fudhachiisuu, dandeettii fi beekumsaa isaanii guddisuu fi hamilee jabaadhan akka qooda fudhatan leenjii barbaachisuu fi haala itti dubartootni humneessaman (empower ta’an) irratti saganteeffatee jira.
Kanaaf, dubartootni Oromoo dhiira Oromoo waliin walxixxummaan dhaaba keenyaa ABO keessatti akka qooda ol’aanaa keennaniif carraan karaa hunda banaa akka isaanii ta’ee fi dandeetti fi oguma qabaniin sirna walqixxuummaa jalatti akka shoora isaanii bahatan mirkaneessuu feena.
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee
Bitootessa 8, 2021