Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 15,2021
Gaansa korma gunii. Abbaa cidhaan tokkoo. Isa dhalchuu hindandeenye. Kan horee hindaballe. Hojii galma fagoo. Abjuuf hawwii dheeraa. Hiixannaa ol dheeraa. Kan bira hingaahamne. Fakkii nama hawwaa xuquu abjootuu. Isa garaa waaqaa, barruun dhahuu abjootu. Kan hojiirra olmaan. Samiif lafa caalaa walirraa fagaatu. Waan bira hingaahamne. Kan hinqaqqabamne. Dorgommii mohumsaa. Kan injifannoo hawwuu. Injifachuun ulfaatu. Abjuun qaamolee PP abjuu akkanaati.
Abjuu maseena. Ammoo maseena ta’uu osoo beekanii itti dhiisuu dadhabuu. Daranuu itti seenuu. Hanga daaraa ta’anitti harka kennuu diduu. Akka injifataman osoo beekanii. Harka isaanii gabaabsuu hanqachuutu hanga har’aa akka isaan ABO xuxuqan taasise. ABO dhabamsiifna. Dadhabnu ammoo nii dadhabsiifna dhaadannoo jedhuun warraaqu. Dhaadannoo hiikkaa hinqabne. Dhaadannoo funyoon of rarraasuu isaanitti fidu. Galma one. Masaraa barbadaa’e. Sirna du’e. Isa samee tortore. Sirna Oromoo saamu. Kan du’ee, reeffi isaayyuu bade. Sana jiraachisuu fedhu.
Ammoo hindanda’an. ABO’n dhaaba uummataati. Dhaaba injifataadha. Dhaaba milkaa’aa. Kan akeeka ifaa qabu. Dhaaba akeekni isaa saba maraaf tolu. Dhaaba sabaati. Gaafa ABO dhabamsiifna jedhan dirqama saba qoccolu. Sabaaf dhaabichatu addaan miti. Dhaabichaaf sabni qaama tokkodha. Lola sabaa adeemanii injifachuun abjuudha.
ABO keessatti caasaa ijaarrachuu barbaadu. Raammolee ABO keessaa arcaa’aan suufanii sakattaa’anii barbaadu. Isaaniin walitti funaananii ABO balleessuu hawwu. Balleessuu dhiisii dadhabsiisuunuu hindanda’amu. ABO’n dhaaba fiigee hinqaqabamne, kan dhahichaa siyaasaan hinduune ta’eera.
Har’a qaamni ABO gaangiriiniin dhukkubsateera. Gaangiriiniin madaa mataa qubaa irraa ka’ee qaama hunda qabatee nama ajjeesudha. Nama sana jiraachisuuf quba gaangiriiniin qabate sana kutuun yaalu ogeessonni fayyaa. Kanaan ala lubbuu nama sanaaf dhibeen sun daddarbee balaa guddaa ta’a. Nii ajjeesa.
Qaamoleen har’a PP waliin dhiichisa irra jiran. Kanneen kaleessa ABO. Har’a ammoo PP akka dhibee gaangiriinii sana. Isaaniin akka as deebi’anii ABO hinballeessine, dhaaba irraa kutanii, nagaa dhaabichaa tiksuu barbaada. Gaangiriinota sana ABO’n of irraa mureera. Warri dhibee gaangiriinii ABO tti ta’anii citan, dhaabichatti maxxananii ammas akka qaama ABO biraa hinballeessine tika jabaa taasisuu feesisa. Gaangiriiniin qoricha hinqabu. Gaangiriiniin siyaasaa akkasuma. Qorichi gaangiriinii siyaasaa ofittii kutanii qaama tortore sana gatuu qofa.
Gaangiriin siyaasaa ABO tibbana walga’ii kora sabaa teenye jedhu. Maqaa kora sabaa teenye, hoggana filanne jedhuun uummata gidduutti jeeqama uumuu yaalu. Qaamoolee PP tti dugda gatanii ABO fakkaatanii ABO balleessuu hedu.
“…Waajjiraalee cufuu, hoggana dhaabaa hidhamuun, uummati Oromoo waraana PP’n ajjeefamuun, badii qaama mootummaa miti…” jedhu. Nuti mootummaadha jedhanii afaan of labsuu qofatu isaaniif hafe. Nuti warruma qaamolee siyaasaa hidhaa jirudha, Nuti warruma uummata Oromoo ajjeesaa jirudha ergaa jedhu dabarfatu.
As deebi’anii ammoo nuti hoggana ABO ti jedhu. Hidhamaa siyaasaa hoggana ABO fi maqaa ABO tiin hidhameef humaa miira gaddaa hinkennan. Hinrifatiinif. Daranuu hidhamuun isaanii akka isaan har’a akka barbaadan shira dalagan waan godheef isaaniif akka gammachuu wayii ta’eera. Waa’ee jaallan isaanii kaleessaa har’a mana hidhaa jiranii hindubbatani. Waa’ee dhuma aangoo sanatu isaan dubbisa. Waa’ee aangoo qooddachuuf aangoo qabachuu.
Kanaafin isaan akkanaan gaangiriinii ABO ti jedhe. Gaangiroonni kun ABO irra turan osoo ta’ee qaama ABO hedduu madeessu. Madaa booda lubbuu baasu. Erga lubbuu ABO baasanii, gara sabaatti ce’u. Sabicha gaangiriinii sanaan qabsiisanii daguuganii Habashaa waliin ta’uun balleessu. Kanaaf gaangiriinii ABO’n irraa citanik arca’an kana uummatis of irraa akka ittisuuf dinninun dhaama.
ABO’n dhaaba uummata Oromoof wabiidha! Dhaabichi labata kaayyoof sagantaa ABO ofitti fudhateen tikfama! Gaangiriinii fi dhibee ABO tti aggaamamu kamuu kan irraa qolatu qabsaa’ota bilisummaa aantummaa Oromoof Oromiyaa qabanidha!
Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin