[SQ- Guraandhala 8/2021]
Harargee lixaa Mi’eessootti Hiriirri sirna abbaa irree pp balaaleffatu kan tumsa MCBOf godhamu barattootaa fi hawaasa naannichaan gaggeeffamaa jira.

Hiriira kana irratti lammiileen Oromiyaa kan qooda fudhatan yoo tahu hidhamtoonni siyaasaa nuuf haa hiikaman , MCBO nuuf haa hundaayu , filannoo dura nageenyi lammiilee mirkanaayuu akka qabu dhaadannoolee hiriirichaati.
Hidhamtoonni siyaasaa lagannaa nyaataa irra jiranis tahe kanneen manni murtii bilisa baasee poolisiin hidhee dararu hatattamaan akka hiikamanii fi qaamota olaantummaa mana murtii tuffatan irrattis akka tarkaanfiin fudhatamu gaafataa sagalee isaanii dhageesisaa jiru