
Lammiilee Oromiyaa;
Qabsoo taasisnu keessatti wareegama kaffaluun waan jiraati. Qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu qabsoo karaa nagaa hiriira nagaa bahuuni dha. Ammas kanumaan itti jira. PPn gaaffiilee mirgaa lammiileen Oromiyaa gaafataa jiraniif deebii kennuu irra ammas hidhuu itti fufte. Filannoon haqaa akka jiraatuuf waajjiraaleen dhaaba Oromoo, ABO fi KFO akka banaman, hooggantootnii fi miseensotni dhaabichaa akka hiikaman gaafatamus inumaa miseensota, deeggartootaa fi sabboontota mana hidhaatti guuruun itti fufe. Kanaaf,gochi akkanaa PPn haamilee kutachuu kan agarsiisu tahuu hubachuun qabsoo eegalle karaa namuusa qabuun jabaannee akka itti fufnu yaadachiisaa hiriirri kana boodas tahe amma taasifamaa jiru qaama hiriira deeggarsaa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi mormii sirna bulchinsa PP tahuu jabeessinee hubachiisna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 12, 2021