Waamichaa fi Qajeelfama itti fufa Hiriira deeggarsaa MCBO  fi Fincilaa Lammiilee

Oromoon gantootaan ganamee qe’ee isaa irratti salphifamee ajjeefamaa jira. Waajjiraaleen ABO fi KFO hundi cufamanii hooggantootni, miseensotnii fi deeggartootni mana hidhaatti ukkaamfaman. Hidhaa hayyootaa fi lagannaa nyaataa haqaaf jecha taasisaa jiramutti dabballootni PP qoosan. Lammiilee Oromiyaa fi hayyoota diina kokkee qabuun jijjiirama kanaaf gahee leencaa gumaachanitti qoosame. Hedduun immoo mana murtiittuu osoo hin dhiyaatiin ugguraman.Garii manni murtii  bilisa jedhee waajjira poolisiitu imaanaa kaa’aman jedhee baasuu dide. Gabaabumatti Lammiileen Oromiyaa ganamne. Jijjiirama dhiigaa fi lubbuun itti wareegame keessatti saphifamne. Garuu,furtuun harka keenya waan jiruuf Guraandhala 15/2013 ALH ykn Guraandhala 22/2021(BOR) irraa eegaluun Oromiyaa guutuu keessatti tarkaanfiin armaan gadii ni fudhatama.

1. Boba’aan Jibuutiidhaa seenu hundi ni cufama. Gatiin boba’aa waan dabalee jiruuf qaala’insaa fi gaaga’ama dinagdee yeroo gabaabaa keessatti ni fidna.Kana malees konkolaataan Oromiyaa keessa darbuun Keeniyaa seenu ni uggurama. Konkolaachisaan uggura kana cabsu tarkaanfii isa irratti fudhatamuuf itti gaafatamaan isuma taha.

2. Dhaabbiilee barnootaa keessatti hiriirri nagaan ni taasifama. Hiriirri kun arrabsoo,jeequmsa hin hammatu. Dhaadannoo ijaarsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa fi hiikamuu hidhamtoota siyaasaa, Haqa Artist Haacaaluu Hundeessaa gaafachuu irratti fuulleffatama.

3. Waajjiraalee PP gandaa, Basaastotaa fi dabballoota PP irratti uummatni tarkaanfii ni fudhata.

4. Waajjiraalee fi caasaa boordii filannoo dharaa ni gubamu, meeshaaleen boordii filannoo waajjiraalee keessaa ni saamama. Filannoon fakkeessaa Oromiyaa keessa hin jiraatu.

5. Midhaan nyaataa fi daldalaa kanneen akka bunaa gabaa gidduu galeessaaf hin dhiyaatan. Kana darbuun daldala dhiiga lammiilee Oromiyaa irratti kan daldalu itti gaafatamni kanuma isaa taha.

6. Daandiiwwan salphaan geejiba tohachuun danda’amu adda ni citu.

6. Waraqaaleen dhaadannoo fi akeekkachiisaa bakkeewwan bebbeekamoo irratti ni maxxanfamu, dhaabotnii fi jaarmayaaleen Oromoo ni leellifamu. Miidiyaalee hawaasaa irrattis duulli bifa garaa garaan dhageettii addunyaa harkisuu ni hojjetama.

Bakkuma jirrutti gamtoomnee dirqama keenya haa baanu❗

Ka’i Qeerroo❗

Qeerroo is Power❗

Wabiin lammiilee Oromiyaa Mootummaa cehumsa Biyyoolessa Oromiyaati❗

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guraandhala 21-2021

Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s