(Ibsa ABO – Guraandhala 7, 2021)
Sabboonaan Oromoo, qabsaawaan gameessii, jireenya isaa guutuu qabsoo saba Oromoo tiif kan kenne, obboleessi keenya Obbo Tsagaye Yaa’ii Malkaa Gurandhala 5, 2021 adunyaa kanarraa du’an boqotan.
Yaa’ii Malkaa, handhuura Oromiya, Finfinnee keessatti dhalatee kan guddate yeroo tahu, eenyummaa isaa odoo hin dagatin, alagatti odoo hin harkifatin, Oromummaan qaramee kan guddate ta’uun jireenya isaa qabsoof akka wareegu wanneen godhanii dha.
Bara 1960ta dhuma keessa barnootaaf biyya USA deemu illee achitti sochii Tokkummaa Oromoo Amerikaa Kaabaa irraa hirmaachuun qooda ol’aanaa kennee ture.
Sana duwwaa osoo hin taane bara 1987 dhuma keessa, jireenya isa USA dhiisee, Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ABOn gaggeeffamutti dabalame.
Yaa’iin nama hamilee jabaa, obsaa fi murannoo qabu tahuu isa qabsoo ABOn gaggeeffamu irra hirmaachuu fi gahee guddaa kennuun mirkaneessee jira. Erga gaafa ABOtti dabalamee kaasee haga du’aan boqotutti kaayyoo isaarraa utuu hin maqiin qabsoo saba isaatif karaa danda’ame hundaan nama gumaachee dha.
Har’a ummatni Oromoo sabboonaa cimaa fi qabsaawaa gameessa tokko dhabe. ABOnis gadda guddatu nutii dhagahame. Obbo Yaa’iin bilisummaa ummata Oromoo ijaan arguu baatuus, kaayyoo fi akeeki inni qabsaawaa tureef Oromoo miliyoonatti dabree waan jiruuf wareegamni inni kaffale bilaasha akka hin tahin ragaa guddaa dha.
Maatii, firoota, jaallan fi hiriyoota isaa hundaaf jajjabina hawwina.
Sirna gaggeessaa fi awaalcha isaa akka qindaaween kan isin beeksifnu taha.
Qabsaawaan ni kufa qabsoon itti fufa!
Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee
Guraandhala 7, 2021