Ibsa Itti fufa hiriira deeggarsaa MCBO fi Mormii sirna bulchinsa PP ilaachisee kenname.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Uummatni biyyi isaa hin kabajamne kabajaa hin qabuuf jecha Oromoon qe’ee isaa kabajsiisuuf, irratti murteessuuf, nagaan bahee galuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture; wareegama qaalii gootota kumaatama itti wareeges kaffale. Dhaabotni Oromoo qabsoo Oromoo kana galmaan gahuuf qabsoo Oromoo hoogganaa turan, ABO fi KFOn akkasumas Jaarmayaalee fi Waldaaleen Oromoo sabboonummaa uummatichaa cimsuun lammiileen Oromiyaa hiree isaanii ofiin akka murteeffataniif dammaqsan. Kana irraa ka’uun bara 2011 ALA/2003 ALHtti Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo ifaan labsamee namuusaa fi qajeelfama ABO tiksuun qabsoo Oromoo ceesisuu itti fufe. Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo barattoota Yuunivarsiitii, manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi 1ffaa keessatti eegale artistoota Oromoo hirmaachisuun uummata Oromoo walii gala dhaqqabe. Uummatni Oromoos gamtaan dammaqee wareegama daa’imaa hanga maanguddoo, qarree fi qeerroon itti wareegame kaffaluun Wayyaanee waliin morma wal hudhe.
Kabajamaa Uummata Oromoo,
Reeffa firaa sagal galagalchuuf jecha qabsoo qeerroo fi qarreen Oromoo gaggeessaa turan dura wayyaanee, TPLF waliin wal qixa diina uummata keenyaa kan ture, OPDO (PP har’aa)tti imaanaan kenname. Imaanaan kenname ifaa fi safuu uummatichaa karaa eegeen Abbaan Gadaa alangee qabatee, haati Siinqees Siinqee fi Caaccuu qabattee ture. Imaanaan wareegama hadha’aa kaffallee lammiileen Oromiyaa nagaa, bilisummaa, walqixxummaa, fayyadamummaa wal qixaa akka argatan hooggantootaa fi miseensota PPtti kenname nyaatamuu irra darbee galagaltoo tahe. Kana irraa kan ka’es Oromoon yeroo kamiyyuu olitti salphifamee akka bineensaatti adamfamee ajjeeffama, hayyootni mana hidhaa keessatti ukkaamfaman, manni jireenyaa qotee bulaa gubata, shakkamaan seeraa manni murtii bilisa jedhe mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamee gatama, ilmaan Oromoo qaalii tahan kan akka Artist Haacaaluu Hundeessaa shiraa fi tika PPdhaan ajjeefaman.
Kabajamaa Qeerroo fi Qarree Oromoo,
Qeerroon Bilisummaa Oromoo kabajaa hayyootaa, maanguddootaa, waldaalee amantaa fi siivilii garaa garaaf jecha malee durumaa bulchinsi OPDO, PP kun sirna nama nyaataa fi bartee TPLF tahuu sirnaan beeka. Imaanaan gootota Oromoo akka galmaan geessisan yoommuu isaanitti kennamu barii irraa shira akka eegalan itti dhiyeenyaanis beekna. Kanaafis, yeroo garaa garaatti ibsa baasaa turuun keenya ni yaadatama. PPn imaanaa dagachuu fi dagachuu irra darbuun inumaa ABO, KFO fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo maxxantuu TPLF gochuun olola eegalte. Kanatti kan hin qaanofne hooggantootni PP kun WBO maqaa SHANEE jedhu moggaasuun ERGAMTUU WAYYAANEE jechuun duula ajjeechaa uummata Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti labsan. ABO fi Hooggantoota ABO, bara jireenya isaanii guutuu uummata Oromoo fi qabsoo Oromoof jiraatan ABO SHANEE fi ERGAMTUU WAYYAANEE jechuun ifaan olola miidiyaa eegalan. Hooggantoota hedduus hidhan. Waajjira ABO fi KFO Oromiyaa keessaa guutuutti cufan. Ammas duula hamaa uummata Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti xiyyeeffate gaggeessaa jiran. Kanaaf fakkeenyi guddaan yeroo dhihoo kana hiriira dirqii fi durgoon deeggarame, deeggarsa muummicha ministeeraa jedhani dha.
Kabajamoo Lammiilee Oromiyaa, Aktivistootaa fi firoottan Oromoo,
“Takka na sobde ati itti qaana’i; lama na sobde ani ittan qaana’a.” jedhama. Wareegama uummatni Oromoo amma kaffalaa jiruuf dogoggora kan PP duwwaa goonee ilaaluun sirrii miti. Nutu dogoggore jechuu fi lammaffaa gowwoomfamuu hin qabnu jechuu kan qabu nuyi dha. Jijjiiramni siyaasaa dhiiga ilmaan Oromoon gaanfa Afrikaatti dhufe kan butame tarsiimoo irraa jallachuu keenyaani. Taarsiimoo hunda hammataa nu ceesisu, kan dhaabotni, hayyootni, miidiyaaleen itti amanan, addunyaa biratti fudhatamaa fi dhageettii qabu qabaachuun murteessaa dha. Hayyootni, dhaabotni Oromoo, ABO fi KFOn haala walii galaa xiinxaluun lammiileen Oromiyaa nagaan, bilisummaan, tasgabbiin akka jiraataniif fuulli hayyoota, aktivistoota, Qeerroo fi Qarree hundi gara Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa akka deebi’u labsanii jiran. Qabsoo Oromoon taasisu qabsoo dhalootaaf nagaa fiduuti. Ofii wareegamnee dhalootni itti aanu biyya isaa irratti murteessee aangomuuti. Kanaaf, amma gootummaan aarsaa taanee seenaa keessatti yaadatamuun kabaja.
PPn kisaaraa siyaasaa ishee mudatee fi qabsoo Oromoo dho’uuf bokoke sodaachuunii fi filannoo fakkeessaa barana gaggeessuuf jiru durumaan ololaan haala mijeessuuf hiriira deeggarsaa dirqii fi durgoo akkuma eegalteen koreen qindeessituu hiriiraa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, barattootaa fi uummata Oromoo waliin tahuun olola PPtti biyyoo naqee jira. Uummatni hunduu kana hubatee hiriirri kunis kan itti fufu tahuu baruun quuqama Oromummaa, lammiilee Oromiyaa, mirga namaa kan qabu kanneen armaan gadii kana sirnaan hubatee deeggarsa barbaachisu akka kennu waamicha goona.
- Haala Hiriiraa
- Hiriirri eegale hanga MCBO mirkaneeffamutti hin dhaabbatu.
- Hiriira keessatti arrabsoon saba biraa, amantaa biraa tuqu, alaabaa saba biraa gubuu hin jiraatu.
- Qabeenyaa barbadeessuun dhorkaa dha.
- Hiriira gaggeeffamu keessatti kabajaan saboota biroof, shamarraniif, maanguddootaaf qabnu agarsiisna.
- Dhaadannoo dhageessifamu
- Mootummaan Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa nuuf haa mirkanaa’u
- Hidhamtootni siyaasaa haalduree tokko malee haa hiikaman
- Ajjeechaa, duulli Oromoo irratti maqaa shaneen gaggeeffamu haa dhaabbatu
- Boordii filannoo haqaa malee maqaa hin barbaadnu
- Waajjiraaleen ABO fi KFO haa banaman
- Haqni Artist Haacaaluu Hundeessaa haa bahu
- Sirni garboomsaa haa burkutaa’u
Kanaaf,
Aktivistootni, miidiyaaleen, dhaabotnii fi waldaaleen alaa fi keessaa kana hubachuun hiriira deeggarsaa MCBO fi mormii sirna bulchinsa PP, imaanaa gootota Oromoo kumaatamaan nu biraa wareegaman galmaan gahuu akka tumsu waamicha taasisna.
Injifannoo Lammiilee Oromiyaaf
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Guraandhala 9/2021
Finfinnee