“Warra nagaa jibbe, Qawwee na baachise”
Qalbeessaa Dhangi’aan
……
Daandii dheertuun silaa
Gordubaa kee ka’e
Utuman si jaalladhuun
Manaa gadi ba’e
Rukuttaa balbalaa
Isa guyyaa maraa
Hanga yoomiitti jedheen
Didee ba’e aaraa
Roorrifamu Biyyakootu, aarsee na kakaase
Qeerroo Bilisummaa Leenca na taasiae
.
Ganama sakattaa’amee
Galgalas sakattaa’amuu
Mana abbaakoottiin
Jibbame kotaa’amuu
Gaafan aariin fiileen
Sagalee baafadhee
Qeerroo Bilisummaa
Ta’eetan falmadhe
Sagaleekoon diina
Kofoo isa hiiksisee
Wadala Harree godhee
Sodaan halaaksisee
Akka Korma Saree
Ofitti duchiise
Qalamee naatee godhee
Diina kofalchiisee
Farda OPDO
Kiiloo Afur geessise
Birbirsa gooroon baasee
Finfinnee Himimsiise
Roorroon natti hammaatee, daandiitti na baasee
Fakkii Simee ta’een Qeerroo Bilisummaa maqaa na moggaase
….
Wadoonkoo dhuma dhabee
Doorsisnis dabale
Diinni akkuma bare
Qawween natti abbalee
Yaadattaa yaa harmee
Gaafa utuu boossuu Qawweedhaan dhaaname?
Tubboo garboonfataan reebamee luqaaa’ee gaafan kabalame
Isa gaafa tiifuus isa gaafa yanddoos
Silaa hunda yaadattaa wanta gaafa caamaas
Baqa humna waraanaa bullee abidda dhaamaas
Roorroon daangaa dhabnaan daandiitti na baasee
Fakkii Jagamaadhaa Qeerroo na taasise
…
Isuma jecha akka Jaldeessaa
“Sagal deddeebi’uu taatii malee hinaftuu”
Si jalatti na jibbitee
Osoo halagaan hinaaftuu
Harka qullaa du’uurran
deemee Qawwee kaase
Utuu si jaalladhuu
Garbummaan na baase
Bosonaan na gahee
Maqaa kabajamaa WBO na badhaase
….
Malee atuu beekta akkan nagaa jaalladhu!
Akkan nagaa facaasee makaree galfadhu!
Akkan nagaa dhalchee kunuunsee guddisu
Araddaa nagaa keessaa akkan aramaa buqqisu
Harmee atuu beektaam akkan nagaa bitu
Nagaa utuun lallabuu akka Aduun dhiitu
Dorrobaa nagaadhaa arcummee itti hinkaasu
Nagaa wal gaansuutti an Qawwee hindhukaasu
Safuun ati na badhaafte, safuu abbaaf aabboo
Imaanaa abbaakoo imaanaa abbaa Qalboo
Sana sirkaa fuudhee sinbira hinyaachifne
Halkan hirribaan dagamees Xaddee hinqofforsiifne
Barii fixeensa baqadhee Jaldeessaaf hindhiisne
Safuu akka nyaatuuf Booyyeef ulaa hinbanne
Safuuf safeeffata duudhaa abbootakoo
Sana duukaan jira nagaa fedha harmeekoo
Nagaatti Qottoo kaasee seeree goksuu hinyaalu
Nagaa kennaa waqaa an dhoqqeen hinfaalu
Safuu aabboo cabsee damee nagaa hincabsu
Sammuurraan gaddoomsee an nagaa hinmaseensu
Nagaa dura darbee laga ce’uu hinyaalle
Farda jeequmsaa yaabee an nagaa hintakaalle
Ani nagaa jennaan isa Qawwee jedhetu
Waqaa abbaa Gachii isa xiiqii uumetu
Roorroo na hadheeffachiisee
Bosonaan na baase.
Maqaa kabajamaa WBO naa moggaase
…
Halkan dukkanaa sanaan
Nagaa utuun sitti hindhaamin
Si jalatti dhaanamee
Buttuun akka du’aa utuusheen na’n waamiin
Qorraaf booree uffadhee
Beelaaf ciniinnadhee
Rakkoo akka dhukkubaaf
Kutannoo kuufadhee
Onnee abbaankoo qabu
Sanas gudunfadhee
Ani biicheen ilmaa
Qawween diina raasuuf
Saamtuu lafa abbaakoo
Lolee biyyaa baasuuf
Gadadoo garbummaa
Si harmeerraa kaasuuf
Bosona taasise
Jirenya lafarraa
Duunus jannatatti
Harmee wal agarraa
Isa nagaa hinfeenetu
Qawwee na baachise
Leenca ija barbadaa WBO na taasise.
…..
Bosonatti nyaannikoo
Abidda labooba
Dhugaatiin kiyyaa ammoo
Gadadoo gombooba
Barii aariidhaaf foonomeen
Waaddatee na nyaata
Galgala aarii fooneffannee
Jaallan waliin nyaataa
Halkan gara barii
Dukkannis daboo deemee diimina nu mura
Barii gaafa kaanummoo
Mutaa qabsoo abiddaan diimeessinee, garboonfataa uraa
Isa nagaa jibbeetu mana gad-nabaase
Qeerransa daggalaa WBO na taasise
…
Gaafii waraabamnee Bishaaniin dhugamna
Gaafii budduksinee hunduu Bishaan dhugna
Gaafii beelatuu eeboo kaasee
Fiiksee nu waraana
Gaafiimmoo adamsinee ajjeefnee
Beela duukaa kaana
Gaafii haafa walitti haree
Kabbabee Aduun nu golloba
Gaafii gaaddisa walii taanee
Dhaamsina Aduu akka laboobaa
Gaafii Jaldeessa bukumsee
Daannoo keenya diiga
Sagalee dhukaasaan
Buleemmoo inni fiiga
Bineensi lafarraa hunduu nutti gama
Nu nyaachuuf kora nutti yaama
Warra nagaa jibbutu
Qawwee nu kaasise
Amaakeeta Bosonaa WBO nu taasise
…
Bofti arrabaan nu hidduuf
Lafa rafnu dhommoqa
Gaafa kaatuu dacheenis baabsitee
Bofaaf lafti dhooqa
Mar’ataan daggalaas
Summiisaan nu fixuuf daannootti garmaama
Uummoo nuu bobbaasee, kutee baalaan naalchees Mar’ataan; Tolcha Uummoon deema.
Isa nagaa jibbetu, gammoojiidhaaf baddaa
Bosonaan nu baase
Fakkii akka Elemoo WBO nu taasise
….
Hunda wal’aansoo qabuuf
Siif Qawwee koo kaasee
Siif bosona seenuun
Harmee na dulloomsee
Yeroo malee dhufee
Moluu narraa kolfa
Humna kiyya fixee
Dullumni na horfa
Rifeensi Gurraachi
Nuugii Waamaa fakkaatu
Har’a Aarrii ta’ee dhumuuf yoo natti dhaadatu
Bifti dargaggummaa irbuu lafa kaahee
Bosonatti na gatee ana biraa gale
Maddiin hudhaa miilu
Naa obsuu dadhabe narraa galagale
Humniikoos na dheessee
Booree koottin hafe kan manaa na baase
Aariin acaacii wal waamee
Daboo natti yaase
Kan bakkasaa jiruu utubaa booreedhaa
Onnookeettin hafe
Inni har’a na nyaachuuf kutee na injiru
Gammoojjiif rakkinatti dhiisee lafa nagaa oolee lafa nagaa rafee
Silaa ati naa beektaa
Yoon ejjennoo gate foon kee ana soori
Eeboo natti kaasii
Waraanii naan lixi dabaladhuu doorii
Warra nagaa ajjeesetu, Qawwee na kaasise
Fakkii akka Magarsaa WBO na taasise
….
Anoo shiran dadhabee
Malee sirraa hafee hinbeekuu
Waggaa 28 guutuu
Daangaarraa utuun diina eeguu
Qaamaaniis madaa’aa
An utuun siif dhiiguu
Harmee hinaafaan halagaa
Salgan gantuu waamee dheebota nu diiguu
Naan sitti hamatanii
Siin natti hamachuu yaaluu
Harmee hindhaggeeffatin
Ana ilmakee odeessaan sii hincaalu.
Warra ulfa ajjeeseetu Qawwee na kaasise
Fakkii Laggasaadhaa WBO na taasise
….
Atis yaa obboleesaakoo
Yaa eegookoo Qeerroo
Holola diinaatiin shira halagaatiin
Jibba naa kuusattee hinejjeeriin goorroo.
Inni ana haadhookee
Hadheessee sitti himu
Soba dubbiti gurbaa
Diina inni sii hindhimmu
Kanaaf akka cirrii qubattee
Hinxuxxuqin madaakoo
Holola diinaatiin
Hinyaatiin waadaakoo
Waadaa gaafa lafee
Gaafa hunduu nu gane
Naaf si walitti hafe
Waadaa gaafa booree
Waadaa gaafa cooree
Gattaa laata gurbaa?
Waadaa harmee sooree
Waadaa gaafa xiiqii
Waadaa gaafa du’a
Waadaa lafa qabsoo
Waadaa gaafa qassoo
Affeeltee akka hinyaannee
Budaa akka hintaane
Waaddees akka hinmurre
Waarabu akka hintaane
Waadaan hinyaatamu
Waadaan hinaalamu
Waadaa waaqaaf lafaa
Waadaa gaafa Jaallummaa
Yoo nyaatte siif fafa
Moo waadaa nyattee
Irbuu waliin qabnu karaarratti gattee
Teessoo diinaaf laattee?
Yoos maqaa abbaakkoos atuu alanfatte
Warra ilma ajjeesee haadha irra teessisetu, Qawwee na kaasise
Fakkii Nadhii Gammadaa WBO na taasise
..
Natti qubattamoo
Naa gubatta laata
Silaa akkuma argitu
Hunduu danqaraa natti baata
Na ajjeesuuf fiigee
Dugduubakoo kaata
Coroffeen kaleessaas bahaan mumul’ata
Waraabeessi har’aa Lixaarraan foolataa
Lixa qofaa dhaaree Gujiirraa garmaamaa
Xiqqaaf guddaa haamtuusaatiin haama
Coroffeen kaleessaa kan baahaan dhaadatu
Kan kalee nu godhe har’a hinyaadatu
Cidha Budaa deemtee budoomtee naa galtaa?
Dabaree budoomaa ajjeeftee na qaltaa?
Yaa’ii Waraabeessaa narra sirbisiiftaa
Tokkitti harmeekoo jiruu jibbisiiftaa?
Moo gaachana naa taatee, bineensa qoorbaata?
Waraabessa waraantee, haadhoo kiyya taata?
Budoomnaan hingaliin gandichumatti hafi
Akka as hinilaallee Waraabuu waliin rafi!
Namoomtummoo na hinyaatiin, daboo diinaa faana!
Gaachana walii taanee injifannaa walfaana.
Akka Cirrii Arbaa natti qubattamoo
Akka jaala dirree naa gubatta laata
Ichimtee bossoo mukaa, labooba abiddaa uumtee, diina barbadeessitaa?
Moo diina faana na gubdee, gollaatee na balleessita laata?
Warra Qawween nu saamutu Qawwee na kaasise
Fakkii Baaroo Tumsaa ABO na taasise
Warra Qawween garboonfachuu yaalutu, Qawwee na baachise
Fakkii Lammeessaa Boruu ABO na taasise
Warra akka budaa, butee nu dhabamsiisutu
Fakkii Dabbasoo Guyyoo ABO na taasise
Warra akka moraa Finfinnee nu dhiibutu
Fakkii Taaddasaa Birruu ABO na taasise
Warra daangaa darbee nu ajjeesaa jirutu
Fakkii Abboomaa Mitikkuu WBO nu taasise
Warra nu baqqaasee jiruu na dhabsiisetu
Fakkii Badhoo Dachaas ABO nu taasise
Warra nu ajjeesee nurratti dhiichisutu
Fakkii Alaamaayyoo Hirphaasaa ABO nu taasise
Warra nutti dhukaasee daa’ima ajjeesetu
Fakkii Kaffaaloo Tafarraa ABO nu taasise
Yoo duuti Oromoo irraa Qax, jedhee dhaabbatee
Jeequmsi godaanee nagaa kennaan waaqa teessoo yoo yaabbate
Oromoon afaansaan yoo hojjetee dubbate
Qaama isaaf ta’u yoo Oromoon filate
Nu seexana miti nama ajjeesuu hinfeenu
Yoo buqqaa’uun hafee Oromoon kabajame
Nuti Bulguu miti Qawwee kaasuu hindeemnu
Hidhaanis dhaabbatee Oromoon kabajamnaan
Kan deggartu deggartee jibbitus jiraannaan
Mirgi umamaadhaa Oromoof argamnaan
Gaaffiin Finfinneedhaa sabakoof deebinaan
Nuti Budaa miti nama ajjeesuu hinfeenu
Lafa nagaan jirutti Qawwee keenya hinkaafnu
Diddummoo Qeerroon har’aayyuu, ta’uuf jira WBO
Qawwee fannifatee jiraachuuf jireenya Warabboo
Utuu ajjeefamnuu, utuu hidhaan jiruu
Waan wal dhiifnu hinse’in
Daangaa nutti hince’in
Qalbeessaa Dhangi’aatiin