“Dirreen dimokiraasii mormitoota ofii hidhanii ajjeesuun bal’ata!” ilaalchi jedhu dogoggora!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 8,2019
Akkuma yeroo garaa garaatti gochaa ajjeechaaf hidhaa uummata keenya Oromoo irra qaama mootummaan gahaa jiru balaaleffataa turre, irra deebi’uun gochaawwan Qeerroo kumaatamaan lakkaa’aman ajjeesuu, hidhuu balaaleffachuu keenya ibsuu feena. Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo nageenyi biyyattii keessatti dimokiraasiif tasgabbii uumuu qofaan mirkana jennee amanna akkasidhas. Kun hafee ilaalcha dogoggora baatanii paartilee mormituu ofii mirga dimokiraasiin laatuuf irraa molquudhaan, dabalataan mirga uumamaan qaban irraa molquudhaan dirree dimokiraasii balleessaanii utuu jiranii nii gabbisna jedhanii fudhatuun daba ta’uu ibsuu barbaanna.
Namni kamuu paartii barbaadeef miseensa ta’uuf mirga dimokiraasiin laatuuf, Kan heeraaf seerri biyyattii ayyamuuf irraa molqanii, nagaan biyyaa boora’eera jedhanii waywaatuun abidda ofitti qabsiisan dagachuudha. Har’a biyya keenya Oromiyaa keessatti nageenya dargaggoota Oromoo fi addatti nageenya uummata Oromoo booreessuudhaan, dargaggoota mirga isanii irraa molqanii ka’anii badii dhalatuuf qaama mirga ofiif falmatutti quba qabuuf taa’uun yakka. Akka heerri biyyattiis ta’e seerri biyyattii ayyamutti, akka dimokiraasiin jedhutti mirga uumamaan qabnuuf mirga dimokiraasiin qabnu akka nuu kabajamu barbaanna.
Mootummaan olaantummaa seeraa cabsee olaantummaa seeraan kabachiisa jechuu hindanda’u. Olaantummaa seeraa mootummaan gaafa mirga dimokiraasii nurraa molqe akka cabse hubanna. Kanaaf olaantummaan seeraa lallabamu mootummichaaf caasaa mootummaa irraa eegaluudhaan dursa dimokiraasiif laachuun hundeedhaan biyyattii Xoophiyaa keessatti nagaa gad-dhaabuun nii danda’aama ejjennoo jedhu qabna.
Kun hafee dargaggoota Oromoo waan ABO deggaraniif, waan hoggana ABO ta’aniif hidhuun nagaan nii argama jedhanii qaamotni mootummaa fi deggaraan isaa yaadus nagaan jaarraa har’aa keessatti dimokiraasii quucarsuun mirkanaa’ee akka hinbeekne ibsuu barbaanna.
Har’a dargaggoota Oromoo Xoollaay, Sanqallee keessatti dararaa dhala namaaf hinmalle akka irra gahaa jiru namuu beeka. Jaarraa dimokiraasiin lubbu qabeeyyii kamiifuu mirga lubbuun jiraachuu isaanii kabajaa jirutti biyya keenya Oromiyaa keessatti mirga lubbuun jiraachuu molqamnee waraanni Mootummaa sa’a barbaadeetti abbaa isaan morkatuuf qaama mootummaa mormu mara ajjeesaa jiraachuunis yaaddoo egeree biyyattii maal taati jedhu nu keessa bulcheera.
Bara dirree dimokiraasii gabbisna jennee abdannetti hongaa’uu dimokiraasii gaafa agarru abdii qal’oo qamnu nurkaa kutuu danda’ee jira. Deggaraan adda Bilisummaa Oromoo ABO fi kongreensii Federaalaa Oromoo KFO waan caasaa mootummaa mormu qofaaf mana hidhaatti guuramaa nagaan nii uumama jennee abdii hinqabnu. Mootummaan of argatee dogoggora isaa bara waggaa 28 duraa irraa barataa jira jennees abdii qabaataa turre guutuutti akka of keessa haqnu kan nu taasisu dararaa nurra gaha jirudha.
Daraggeessa Oromoo mana hidhatti darbataa, morkataaf mormaa ofii ajjeesanii dirreen dimokiraasii bal’ataa jira ilaalchi jedhu guutuun guutuutti ilaalcha dogonggoraati. Kana ta’uu hubachuudhaan dargaggoota fi uummata Oromoo mana hidhaa jiru mootummaan akka mana hidhaatii baasu kabajaan gaafanna. Kana ta’uun hafee mootummaan irree isaa agarsiisuuf gochaa dimokiraasii quucarsuu, mirgoota namoomaa nurraa molquu, mirgoota uumamaan qabnu nurraa fudhatuutti kan bobba’u yoo ta’e balaa dhimma kanaan wal qabatee dhufuu maluu gaafatamaan mootummaa isa hundeen rakkoo kana uumaa jiru ta’uu uummataaf ibsuu barbaanna.
Nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabbina fi dagaagina dimokiraasiif hundaan olitti qabsoo gochaa turre dhaaba keenya ABO dhaan taliigamnee fuuldurattis itti fufne qabsootti jirra. Nagaaf tasgabbii biyyattiif bu’uura kan ta’e dimokiraasiin mutee margee dagaagee akka firii godhatuufis kan duraan olitti qabsoo nii goona. Akeeka nagaaf tasgabbii qofaan rakkoon furama ejjennoo jedhu kan qabaataa turre amallee of keessa bulfachuun hanga kaayyoo keenya kaayyoo wareegamtoota Oromoo dhugoomsinutti qabsoo itti fufnee jirra. Mootummaan namoota siyyaasaan yakkee mana hidhaatti dararaa jiru daddaffiin akka hiikuufis cimsinee gaafanna. Uummatni Oromoos nu cina dhaabbatee qabsaa’ota mana hiraarsaa Xoollaay fi Sanqallee keessatti reebichaa fi dararaaf saaxilamaa jiraniif sagalee akka ta’uufii qabu waamicha nii goona!
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Adooleessa 8,2018
Finfinnee Oromiyaa