Kora Gamtaa ABO Amerikaa Kaabaa Adoolessa 24 – 27, 2018.
Murti ejjannoo fi kutannoolee
Nuti miseensonni Adda Bilisummaa Oromoo biyya USA fi Kanada keessatti argamnu Kora Gamtaa ABO kan bara 2018 irratti hirmaatne dhimmoota siyaasa, jarmiya dinagdee fi haala waligalaa yero ammaa belbeltuu taate irratti maree ballaa fi dheera erga godhanneen booda milkaa’ina Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfammu shaffisiisuuf murtii ejjennoo fi kutannoolee asiin gaditti tarreeffaman dabarfanne.
- Bilisummaa Ummata Oromoo dhugoomsuuf karaa siyaasaa, diplomasi fi waranaa ABOn geggeeffama as ga’e hanga xumuratti itti fufsiisuuf deggersa barbaachisu hunda dacha dachaan gummaachuuf murteeffanne.
- Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa motummaa Itophiya waliin qabu karaa nagaa furuuf tattaaffi inni itti jiru akka milkaa’uuf deggersa guutu kennuufiif murteeffanne.
- Warraanni Bilisummaa Oromoo, WBOn, wabii qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun yeroo kamuu caala yeroo dhugooma jirutti deggersa bifa hundaan barbaachisu shaffissaan dhiheessuuf murteeffanne.
- Jijjiramni yeroo ammaa Impayera Itophiya keessatti mullate wareegama Qeerroon Bilisummaa Oromoo fi ummatni Oromoo kafaleen ta’uu hubannee jijjiirama bu’uura Ummatni keenya hawwuun ga’uuf sochii QEERROO baballisuuf gargaarsa feesisu hunda kennuuf waada galle.
- Ajjeechaa suukanneessaa maqaa nagaa eegsisuu fi tasgabbeessu jedhuun hidhattoota Mootummaa Itoophiyaatiin Ummata Oromoo irratti raawwataa jiru balaaleffachaa mootummaan kun gochaa kana irra hatattamaan akka dhaabbatu akeekkachisna.
- Mootummaan Itophiyaa akka waligalaatti, Mootummaan naannoo Oromia akka addaatti, hidhattoota mootummaa Ummata nagaarratti hiraarsaa jiran akka hatattamaan mooratti deebisan akeekkachiisna.
- Nagaa waara fiduuf waamicha dhihaateef awwaannaa ABO dinqisiifachaa, rakkoo siyaasaa naannichaa kan qabeenyaa fi lubbuu namaa gaaga’a as ga’etti xumura gochuuf mootummaan Itophiyaas rakkina kana nagaan furuuf ga’ee isaa akka gumaachu abdataa milkaa’ina kanaaf shaffisaan akka hojjetu hubachiisna.
- QEERROOn Bilisummaa Oromoo caasaa sochi warraaqsa biyyooleessaa kan adunyaanillee dinqisiifate bu’urri isaa Adda Bilisummaa Oromoo ta’un utuu beekamee jiruu warri seenaa wal-saamuuf jecha dhugaa jallissuuf odeeffanno ummata burjaajessu tamsaasaan akka irraa dhaabbatan akeekkachiisna.
- Weerara maqa Liyyu Polisitiin kallattii hundaan ummata Oromoo irratti baname gama mootummaa Oromias ta’e mootumma Itophiatiin tarkaanfiin ittisaa fudhatamu dhabuu isaa balaaleffataa gochaan kun hatattammaan akka dhaabbatu ni akeekkachisna.
- Dhaabbileen siyaasaa Oromoo kanneen mirga hiree murteeffanna Ummata Oromootti amantan martinu balaa Ummata Oromoo irratti aggaammatee jiru hanqisuuf jijjiirama jalqabame gara jijjiirama bu’uratti ceesisuuf waada ummata keenyaaf galle tokkummaan akka bakkaan geenyuuf ABOn irra deebiin waamicha isiniif gooda.
- Ilmaan Oromoo mootummaa Itophiaa fi mootummaa naannoo Oromia keessatti caasaa waranaa, tikaa fi polisi keessaatti tajaajila jirtan sirna guyyoota lakkaawata jiru keessaa of baasuun WBO fi QEERROO cina dhaabbatuun hidhannoo keessan gara humna weerartootatti akka nanneffattan waamich lammummaa isiniif dabarsina.
- Abbootin Gadaa, abbootiin amanti fi manguddotni biyyaa hundi nagaa waara Oromias ta’e gaanfa Afrikaa keessatti fiduuf hirmaannaan Adda Bilisummaa Oromoo murteessaa ta’u hubattanni rakkoo siyaasaa biyyatti nagaan xumuruuf aangawotni mootumma Itophia fi Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromia ga’e isaani akka bahaniif dhiibba barbaachisu akka gootan waamicha isiniif dabarsina.
- Ilmaan Oromoo kanneen humna tikaa fi waraana mootummaa Itophitiin ukkaamsamani bakka buuteen isaani dhabame fi hidhamtootni siyaasaa ammalle bakkoota beekamu fi hin beekamneetti hiraarfama jiran hatattamaan akka gad-lakkifaman gad jabbeessinee akeekkachiisna.
- Ummata Oromo kanneen sababii weerara liyyu polisitiin qe’ee isaani irraa buqqifamani dararaa hedduu jala jiran hatattamaan gara jiru fi jireenya isaanitti deebi’aniif mootummaan deggersa feesisu godhuun akka qe’e isaanitti deebisu akeekna.
- Ummatni Oromoo ballaan, firoottan qabsoo bilisummaa Oromoo fi kanneen nagaa fi tasgabbi biyyaaf dhimmitan martinuu milkaa’ina nagaa waara’aaf qabsoo QEERROO Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Oromoon geggeffamaa as ga’e injifatnoon xumuruuf deggersa bifa hundaan isin irraa eegamu akka gummaachittan kabajaan waamicha isiniif dabarsina.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!!
Adoolessa 27, 2018
Denver, Colorado
ASham..ASham..naganyii issin qaqabuu ilmaan oromoo hundaa idoo jirtaantii…koraa halaa xaxamaa kanaa kessatii godhuu kessaniif galanii kessan bilisummaa hatuu. injifannoon taan ummataa oromootii.. gadaan gadaa bilisummaatii. horaa bulaa….