Wandimmuu Daammanaa waxabajjii 1978 A.L.H tti ,Godina Shawaa Lixaa,Aanaa Midaa Qanyii ganda Boquu Nissootti dhalate. Akkuma ilmaan Oromoo kamiyyuu umuriin isaa wayita barnootaaf gahu,baratee kutaa 11ffaa wayita gahutti,Guraandhala 21 bara 2001 A.L.H tti Sochii Warraaqsa FDG barattoota Oromoo Mana Barumsaa Geedoo sadarkaa lammaaffaafi Qophaa’inaan taasifameen rasaasaa Poolisoota ergamtuu diinaa irraa itti dhukaafameen Lubbuun isaa wareegame. Gootichi Oromoo Wandimmuu Daammanaa wareegamus kaayyoofi akeekni inni irratti Wareegamee hin wareegamne irratti kufa kuffisaa Oromoon diina hudhee qabee jira!! Videon Asii Gaditti Argitan kun Yaadannoo Waggaa 9ffaa Gooticha Oromoo Wandimmuu Daammanaa Kan Qeerroo Dargaggootni Oromoofi Uummaatni Oromoo Aanaa Midaa Qanyii Walitti dhufuun bakka dhaloota isaatti bifa adda ta’een taasifamerraa fudhatame!!
Qabsaa’an ni kufa, qabsoon itti fufa!!
Injifannoon Uummata Oromoof!!
—
Video Dabalataa, Kabajaa “Guyyaa Dubartootaa WBO” Biyya Yaman.