Hundeeffama sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti koree qindeessaa jalqabaa ta’ee Jaallan isaa waliin sochii jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa keessatti eegala bara 2011 keessa hogganummaa siyaasaan sochii Qeerroo gama hundaan taasisaa osoo jiruu University Harmayaa irraa qabamee waggaa 7 fi walakkaa hidhaan dararamaa turee amma bilisaan bahe.Imala gara Horroo Guduruutti Jaallan isaa hidhaa irraa bilisa gadhiifan waliin godhan irratti simannaaQeerroo magaalaa Harattoon isaanii taasiameen irratti haasaa gabaabaa gootichi Dachaaasaa Wiirruun taasise kunooti.Dachaasaan haasaa isaa irratti ummanni Horroo Guduruu fi Qeerroon goota Oromoo osoo weerara Habashaa falmuu wareegamee reeffi isaa biyya Habashaatti fudhatame Abishee Garbaan akka biyya dhaloota isaatti deebi’uu fi siidaan isaas magaalota keessatti akka dhaabbatuuf dhaamsa qaama mootummaa fi ummata Oromoof dabarsee jira.