Sadaasa 27/2017/ Warraaksa biyyaalessaa torbanoota darban keessa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti belbelaa tureen kan rifate sirni wayyaanee waraana isaa jumlaan fidee mooricha keessa erga qubachiiserraa kaasee guutummaan moorichaa goolamaa jira.
Waraanni Wayyaanee kunis barattoota bahaaf gala dhorkaa jira.Caalmaattimmoo waraanni Sirna wayyaanee mooricha keessa qubatee jiru barnoota hanga hin jalqabnetti mooricha keessa ta’uu fi kaaffee hin fayyadamtan jechuun barattoota mooricha keessa jiran oliif gadi adeemee doorsisuu isaa caalmaatti hammeessuun itti fufee jira.Barattoonni moorichaas akka Gad hin baaneef yeroo ammaa fedhii isaanii malee dirqamaan mooraa keessatti ittifamaa jiru. Continue reading
Daily Archives: November 27, 2017
Dirmannaa Oromummaa Sagalee Ta’uufiin FXG Uummata Keenya Maqaa Liyyuu Ayiliitiin Lafasaa Irraa Godaanaa Jiruuf Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Main Campus Hiriira Mormii Dhageessisaa Jiru.
Aside
Barattoonni Jimmaa Yuunibarsiitii gaaffiiwwan gurguddaa karaa nagaa gaafatanii deebii humaatuu hinargatin kan jiran yoo ta’u, mooraan Yuunibarsiitiichaa barattoota kanatti addatti qoosuu jalqabuun immoo hedduu kan nu isaan aarse ta’uu dubbatu.
Gaaffiiwwan barataa karaa seera qabeessaan waan deebiisuu dandaa’qan deebisanii, kan isaaniin olii qaama ipaallatuuf laachuurra, barataa doorsiisuuf hidhuutti fuulleffate jechuun ibsa sagalee Qeerroo barataan laate, Fincila Xumura Garbummaa ammas itti fufnee jirra jechuun nuuf hime.
Akkumaan eda galgala, waraqaan waamichaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo moorichaatiin raabsamaa kan ture, sagalee taaneef Uummata keenya ardaa dhabeef birmanna jechuun Doormiwawan hundarratti waraqaan waamichaa shoobamaa bule jedhu. Continue reading
Gootonni Qeerroo Bilisummaa Magaalaa Harar Keessatti FXG Itti Fufuun”Abbaan Biyyaa ABO Dha” Jechaa Faarsaa Oolan.
Aside
Gootonni Qeerroon University Haromaya Diddaa Sirna Wayyaaneef Qaban Itti Fufan.
Aside
Sadaasa 26/2017 Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaan Daran Jabaatee Finiinaa jira. Gotootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayya ganama barii lafaa irraa eegaluun yakki waraanaa Uummata Keenyaa Godinaalee Kibba Oromiyaa Booraana Areeroo, Kibba Bahaa Oromiyaa Gujiifi Baalee,fi Bahaa Oromiyaa Harargee irratti banamee itti fufinsaan uummata keenya irratti yakki ajjeechaa duguuginsa sanyii adeemaa jiru hataatamaan dhaabbachuu qaba. Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO yakka waraanaa uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamoodha jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisaa jiru. Continue reading
Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Mattuutti Ayyaanni Irreecha Malkaa Soor Bakka Koodoo Jedhamutti Bifa Kanaan Kabajame.
Aside
Irreecha Malkaa Caffee Bookaa Bifa Kanaan Kabajame.
Aside
Sadaasa 26/2017
Continue reading
Irreecha 2017, Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Abee Dongoroo, Malkaa Caffee Bookaa.
Aside
Sadaasa 26, 2017
TV Gaaddisa Dhugaa Gaaffif Deebii Kutaa 3ffaa fi ka Xumuraa HD/ABO/J/Daawud Ibsaa Waliin Goonee.OROMIA NEWS NETWORK (ONN)
Aside
Godina Booranaa aanaa Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti Mormiin FXG geggeeffamaa oolee jira
Aside
Sadaasa 27,2017 Godina Booranaa aanaa Miyoo magaalaa Hiddii Lolaatti Mormiin FXG geggeeffamaa oolee jira, Waraanni Wayyaanees guyyaa guutuu Ummatarratti reebicha gaggeessaa ooludhaan kunoo amma galgala kana saa’atii 12 irratti Ummata Ummata Mormii gaggeessaa oolee gara mana isaa deebi’aa jirurratti dhukaasa banee jira.Ammaaf namni miidhame hin jiruu waan jiru jala buunee isiniin geenya Continue reading
Makkalaakayaan Wayyaanee Maagaalaa Ciroo Keeysatti Uummata Lammii Isaanii Buqqa’an Gargaaruuf Deemaaa Jiran Irratti Reebicha Hamaa Raawwachaa Akka Jiru Ibsame
Aside
Raayyaan ittisa federaalaa har’a dilbata 27/11/2017 guyyaa sa’aatii 6:00 irraa eegalee, Garee gargaarsaaf ‘lammiin lammiif’jedhu
Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Hospitaala Riiferaalaa Goobaa irraa gara Barraaq ganda jedhamtu deemee gargaarsa laate deebi’u irratti reebicha
hamaa geessiseera. Gareen kun Doktoroota (including specialists),ogeessota fayyaa garagaraa, barattoota ogeessa fayyaa,
hojjettoota bulchiinsa Hospitaalaa kan of keessaa qabu namoota gara 70 kan ta’an turan. Gareen kun gargaarsa yaalaa jimaata darbe irraa
kaasee laataa tureefi deebii irratti, seensa magaalaa goobaa irratti kan reebicha hamaan isaan irraan gahe. Isaan booda gamtaan deemnee itti
gaafatamaa qajeelcha poolisii godina baalee deemnee itti gaafatamaa qaleelchichaa koomaandeer Gazzaanyiifi Fayyisaa jedhaman argamanii
jara kana qabnee seeratti inuma dhiyeessina jedhanii waadaa nuuf galaniiru! Garuu isaan tokkumaa mee wal ilaalla jedhu ummanni jechuun Qeerroon Aanichaa gabaase.
Gama biraan Godina Baalee Aanaa Raayituuti Continue reading




