Gootonni Qeerroon University Haromaya Diddaa Sirna Wayyaaneef Qaban Itti Fufan.

Sadaasa 26/2017  Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaan Daran Jabaatee Finiinaa jira. Gotootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Harammayya ganama barii lafaa irraa eegaluun yakki waraanaa Uummata Keenyaa Godinaalee Kibba Oromiyaa Booraana Areeroo, Kibba Bahaa Oromiyaa Gujiifi Baalee,fi Bahaa Oromiyaa Harargee irratti banamee itti fufinsaan uummata keenya irratti yakki ajjeechaa duguuginsa sanyii adeemaa jiru hataatamaan dhaabbachuu qaba. Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO yakka waraanaa uummata keenyarratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamoodha jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisaa jiru.

Itti Dabaluunis hanga Kibxata dhufuutti (sadaasa 28/2017) Mootummaa Naannoo furmaata Waaraafi Ittisa Uummata Keenyaaf ifatti waan qabatamaa ta’een hin argisiisu yoo ta’ee/ ykn uummata cina dhaabbachuun uummatarraa hin ittisuu ykn Yakka waraanaa gaggeeffamaa jiruu kanarratti ibsa kennuun qaamni itti gaafatamummaan waraana uummata nagaa irratti bobbaasee fixaa jiru seeraatti akka dhiyaatu yoo hin godhuu ta’ee hundii keenyaa mooraa dhaabbilee barnootaa gadhiisuun uummata keenya cina Kan dhaabbatnu ta’uu hubachiifna jechuun waamicha jabaa dabarsan.
Barattootni Oromoo, Qeerroon Dargaggootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo hundii dhimma kana ilaalchisuun tokkummaan uummata keenya cina akka dhaabbatnuuf qophii barbaachisuu hundaa akka gootan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniru.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: