ONN:Haala Oromiyaa Kessatti Deemaa Jiru Laalchisee Marii Bal,aa Ogeessa Dinagdee fi Xiinxalaa Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Ethiopia Dr.Rundaasaa Asheetee Waaliin Goonee Jirru Hordofaa.
TV Gaadisa Dhugaa Gaaffiif Deebi Dr. Gizaachoo Tessoo Waliin
ONN:Haala Oromiyaa Kessatti Deemaa Jiru Laalchisee Marii Bal,aa Ogeessa Dinagdee fi Xiinxalaa Siyaasaa Gaanfa Afrikaa fi Ethiopia Dr.Rundaasaa Asheetee Waaliin Goonee Jirru Hordofaa.
TV Gaadisa Dhugaa Gaaffiif Deebi Dr. Gizaachoo Tessoo Waliin
Sadaasa, 6,2017]
“Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti” akkasuma “ariifataan horii gata” jedha Oromoon. Dorgoommiin atiloototaaf fayyada. Fiigicha ariitiis kan itti gargaaramu atileetota. Namni qabsoo mirgaa gaggeessu sardamaa, abdi kutataa miti. Namni qabsoo sabaa gaggeessu tokko haala naannoo isaa miijanee ilaaluu baannan qabsoon isaa duraa akka gufatu maaltu wal’aaleree? Qabsoon kutannoo barbaaddi. Murannoon itti seenuu, kaayyoo ofiif wareegamuun qabsoo keessatti akkaan barbaachisa.
Oromoon garboonfattoota kana faana qabsoo godhu keessatti wareegamuu isaa marruu beekna. Wareegamtoonni keenya kaleessaa kaayyoo Bilisummaa qabatanii “referendum ” utuu jedhanii lubbuun taraniiru. Nutis dhaloonni har’aa “federalism ” jechaa jirra miti. ‘Freedom’ jechuun iyyinee addunyaattis lallabataa jirra. Erga akkas ta’ee qabsoon Oromoon gama kamiinuu, qaama kamiinuu galma haa ga’u, nuti qabsoo kan dhaabuu qabnu hanga Bilisummaatti akka itti fufuun banbansinu hubatuu nurra jiraata. Kaayyoo ilmaan keenya kaleessaa lubbuun darbanii sana ilmaan nyaatee balleessu utuu hintaane, ilmaan kaayyoo wareegamtootaa galmaan gahu ta’uu nurra jiraata. Continue reading
Godina Arsii Keessatti Imaan Oromoo FXG Bara 2016 Irratti Wayyaaneen Manneen Hidhaatti Guurte hanga Har’aa Murtii Malee Jiranii. Continue reading
Damee Booruun
Namni killee bofaa utuu summii qabaachuu isaa beekuu nyaachuu filatu nama garaa isaaf jecha lubbuu isaa dabrsee laate duwwaa dha. Du’aatiin namoota akkasii mararsiifanaa hin qabu. Summii sanan dararmee du’uu mana harkaan funyoon morma of hudhee of ajjesuu wayya.
OPDOn akka ijaarsaatti killee bofaa uummata Oromoo summiin fixxuuf diinni uummata Ormoo ijaarate tahuu daqiiqaa tokkoof illee dagachuu hin qabnu. Akka ijaarsatti kaayyon OPDO meeshaa garboofanna diinni uummata keenya ittiin gargaaramuuf qopheefatee jiru akka tahe eeynu jalaa iyyuu dhokkataa miti. Uummatni Oromoo waggaa 26 darban kana utuu tuhannaa fi bulchinsa OPDO jala jiru kummataan ajjeefamuun, hidhamuun biyya abbaa isaa ariihamuu hiree taheef jira. Haalli kun hammaachaa dhufee Oromiyaa keessatti manaa bahanii nagaan mana itti deebi’uun yaaddoo guddaa tahee jira. Continue reading