Xumura Gabrummaa!!! Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!!

Aside

“Chawo Chawo Wayyanee” Xumura Gabrummaa!

Aside

Gootota ilmaan Oromoo Qeerroo Bilisummaa
Godina Wallaggaa Angar Guttiin!
15/10/2017

Irreecha Wallagga Madiitti Guyyaa Kaleessaa Kabajame

Aside

SBO: Onkoloolessa 15 bara 2017. Oduu fi Qophiilee Haala Yeroo Irratti Fuuleffatan Adda addaa.

Aside

Saasiggaa Wallagga Guyyaa Qeerrooon Saassiggaa konkolaataan amna dheeraa deemuun magaalaa Ukkee Qarsaa keessatti ummata waliin diddaa sirna Wayyaanee gaggeessaa oolan

Aside

Baalee Magaalaa Dambal “Ijoolle ABOn dhufaa as oolee” jechaa guyyaa har’aa fincila xumura gabrummaa gaggeessaa oolan.

Aside

Continue reading

Godina Wallaggaa Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuu,Giddaa Ayyaanaa fi Wallagga Harato,Arjoo fi Ayiraa Keessatti Itti Fufee Jira,

Aside

Image may contain: one or more people, sky and outdoorImage may contain: 4 people, people standing, shoes, sky and outdoor Continue reading

FXG Guyyaa Har’aa Magaalaa Mattuu Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Onkoloolessa 13, 2017/ Gabaasa FXG

Aside

Fincila Xumura Garbummaa  Bifa Qindoomina Qabuuf Abdi Kutata Diinatti Naquun Belbeluu Jalqabe

Aside

Onkoloolessa 13,2017/ Qeerroon bilisummaa Oromoo hundeeffama isaa eebila 15, 2011 irraa qabe akeekaaf kaayyoo jabaan masakamee sochii fincila diddaa garbummaa irraa hanga Fincila Ximura garbummaatti gara kuteenyaan aarsaa of godhee diina isaa Wayyaaneef diina uummataasaa dura dhaabbachaa yoona gahee jira. Hanga ammaattii uummatasaa boqonnaa Waaraatti fiduuf ifaajii gochaa tureen injifannoowwaan gurguddaa karaa nagaa qabsaa’uun argatee jira.

Keessaattuu mana diinaaf icciita halagaa keessa seenuun iicciita TPLF gad diiguun uummata isaa badiif saamicha halagaa jalaa bararuu danda’ee jira. Qeerroo bilisummaa Oromoo hanga Bilisummaatti qabsoo isaa gad jabeesse akka godhuu qabuu yeroo yeroon waadaa ykn irbuu haaronfataa yoona gaheera. Dabalataan sochii halagaa ykn TPLF faana godhu keessatti humna hidhatee uummata isaatti bobbaafame dura dhaabbachuun wareegama ulfaataa ofii isaa fudhatee uummata isaa baraarfachuu danda’ee jira.

Akkasuma kaawwan dantaa saba isaaniif egeree jiruu isaanii hongeessuun bakka dirqama taatetti dhimma dhuunfaa isaanii kanneen akka barnoota irraa adabamanii barnoota dhabuu, ariisaa seeraan ala mooraa Yuunibarsiitiitti irra gahu mara akeekaa qabsaa’ota kaleessaaf wareegamtoota kaleessaa galiin gahuuf obsa jabaan mooraa qabsoo Bilisummaa jabeessuu irratti fuulleffannaaf cichooman sochii jabeessanii itti fufanii yoonaan gahataniiru. Kanneen mana hidhaatti dararaamaa jiranis dirqamaaf irbuun waadaa uummataa waan irra jiruuf qabsoof gumaata kaffalamu kaffaluu irratti argamu. Continue reading