SEENAA Y.G(2005)
Sochiin warraaqisaa Ummata Oromoon Biyya keessaa gaggeeffamaa jiru guyyuu jabaachaa deemaa jira. Toftaa fi tarsiimoon barbaadamus akkasuma. Qabsoon Oromoo jabaachaa deemuun, qaama sadii uumuun haqa.
- Qabsoon sabasaa jabaachutti ka gammadu.
- Diina qabsoo Oromoo sodaatu
- Isa gidduu mumunyuuquu ykn hinaaffuuf, dhiphuu itti uumuun waa hin oolle.
Dhugaan jiru Garuu, Qabsoon kun wareegama ulfaataa gaafataa waan jiruuf, xiyyeeffannaan isaa,isa 1ffaa qofaaf taati. Kun filannoo miti. Waan lubbuuti. Waaan jiraachuu fi dhabamuuti. Akka dhuunfaatti osoo hin taanee akka sabaatti kan herreegamu. Kanaaf filannoo tokkicha qofaaf tarkaanfataa jirra. Waan lubbuun itti wareegamtee ammo, bakka isaaf maluu odoo hin ga’iin hin dhaabbatu. Kana dhugeessuuf har’aa Qeerroo fi Qarree wabii waammachuun rakkisaa miti. Qeerroo fi Qarreen sochii har’aa taasisaa jiran, dantaa adda addaaf sharafanii akka barbaadanitti qajeelchaa hin jiran. Dhugaa saba OROMOO qofarratti hundaa’anii wareegama baasaa jiru. Ummata isaaniitti kabajaa itti horaa jiruu. kanaaf Ummata Oromoo guutuurraa amantaa argatanii murannoo guutuudhaan tarkaanfachaa jiran Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk