ONN: Haala Yero irratti Ibsa Gabaabaa Dubbi Himaan ABO

Aside

SBO: Adoolessa 14 bara 2017. Oduu, Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo fi Gaaffii fi Deebii Artiist Nafiisaa Abdulhakiim waliin taasifame -Kutaa jalqabaa.

Aside

Of-jijjiiranii Ummatatti dhihaatanii Holola Sobaa Gagggeessun Amala Weerartootaa fi Abbootii Irreeti!

Aside

Baarentuu Gadaa Irraa

Ummanni Oromoo akkuma ummata addunyaa kanarra jiru kamiituu ummata aadaa,afaan, seenaa fi duudhaa akkasumas ummata biyya mataa isaa kan Oromiyaa jedhamtu qabuu dha. Biyya isaarrattis baroota kuma hedduuf wal horee, sirna nagahaa fi guddina, akkasumas jaalalaa fi duudhaalee hedduu of keessaa qabu; sirna  bulchiinsaa Gadaa jedhamuun ummata wal-bulchaa turee dha.

Akkuma beekamu biyyi isaa Oromiyaanis; biyyi  facaasan irraa hammaaran, biyya irra bobbaasan horanii irratti badhaadhaniidha. Haa ta’uutii weerartoonni Habashaa jiruu fi jireenya Oromoo kanatti inaafanii fi qabeenyaa fi biyya isaa kan ofii godhachuu barbaadan, warri  bulchiinsi isaanii  bulchiinsa Oromootiin faallaa ta’e erga biyya isaa qabatanii booda kun hunduu hafee Oromoon kunoo biyya isaa irratti beelaan, rasaasaan, dhibeen mankaraaraa fi dhumaa jira. Continue reading

ONN: Oduu Oromia News Network Adolessa 11/2017

Aside

Godina Arsii Aanota hedduu keessatti Ummanni Beeksisoota Afaan Amaaraan Maxxanfamu Didaa Jiru.

Aside

Adoolessa 11,2017/ Godina Arsii Aanota hedduu keessatti Wayyaaneen Gaaffii Ummanni gaafachaa ture karaa hundaan deebisuuf kaane jechuun Taappeellaan Afaan Oromootin sirnaan haa barreeffamu jetti.Ergamtuun Wayyaanee OPDOn waggoottan 26 guutuu Ummata Oromootif hojjachaa turre akkuma jettee kijiba gadi naqaa turte Dagattee akka waan amma hirribaa ka’aa jirtuu godinaalee Arsii fi Baalee keessatti Continue reading

SBO: Adoolessa 12 bara 2017. Adoolessa 13: Guyyaa Finfinnee ilaalchisee Qophii qindaahe Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Diraamaa Gabaabduu Sa’a ibidda Dhale keessa kan fudhatame.

Aside

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Adoolessi 13-Guyyaa Fiinifnnee ti!

Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.

Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.

Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Continue reading

ONN-Adoolessa 11,2017

Aside

Goototnni Sabboontoti Oromoo Godina Arsii Aanaa Wandoo fi Anaa Siree Keessatti Badhaasa Kijibaa ODPOn Qopheessite Didan.

Aside

19875109_292236411185459_6324387886369846469_nAdoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Wandootti OPDOn Ergamtoota isii badhaasa isin badhaafna jettee ummata goyyomistu illee gootonni sabboontoti Oromoo hedduun isin harkaa hin fudhatnu jedhanii didan. Akkuma beekkamu Miseensotaaf hojjattoota isii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti Ummanni Oromoo erga jibba wayyaaneef qabu karaa gara garaatiin agarsiisuu eegalee waggoonni hedduun lakkaawamanii jiru.Kanumaan wal qabatee OPDOn Museensotaaf hojjattoota isii kanneen moodeelii ta’an jechuun jibbaa Ummatni Isiif qabu keessattuu hojjattoonni isii keessaa balkeessuuf jettee geebafii sartifikeeta badhaasaa jiraachuu maddeen keenya wandoo gannat Irraa gabaasanii jiru. Continue reading