Dabaree Seenaa Irraa
Diinni Oromoo hundaa olitti Adda Bilisummaa Oromoo sodaata. Guyyaa Addi Bilisummaa Oromoo bu`uureffame kaasee hanga har`aatti diinotni dhihoo fi fagoo, keessaa fi alaan dhaaba irratti duuluu irraa takkaa adabatanii hin beekan. Sababa duulli dhaaba irratti banamuuf kunis; dammaqinsaa fi ijaaramuu ummata keenyaaf ABOn bu’uura waan ta’eef; kana malees Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoof waan qabsaawuuf. Ajandaaleen holola adda addaas kan diinaan wixiname ABO irratti wal irraa citinsa malee gaggeeffamuuf kanumaafi.ABO fi Ummata Oromoo gargar baasuuf, Diinotni ganama tokko ka`anii Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiifne kana booda boqonnaa arganna jedhanii labsuu, galgala ammoo ABOn bakka akkasiitti osoo inni tarkaanfii fudhachuuf socho`uu qabanne, ABO tu akkas godha jechuun waan ofumaa dubbatan deebi`anii falleessuun shirri isaan kaabaa oolan diigamaa har`a gahe. Bifa kamiinuu Adda Bilisummaa Oromoo dhabamsiisuun akka hin danda`amne diinni keenya tolchee beeka. Kana waan hubatuuf afaan qawween sabicha hanga gaafa dhabamuu isaaniitti bituuf ijibbaatu.
Gantoota sabaa warreen garaaf gugguufan of cina buusuun ABO irratti hololchiisu. Continue reading
