Hanga ammaatti gabaasaa nu qaqaabeen, waldaaleen Dhaabbata Gumii Waaqeffannaa bakkeewwan Oromiyaa gargaraa keessatti cufamuun beekameera. Bara 2015 keessa Dhaabbati Gumii Waaqeffannaa Gumii Caffee Naqamtee,Buraayyuu fi Maqii akkasumas Daaroo Labuutti taasiseen,Gumiilee gargaraa ijaaruun,Gumii tokko “Waldaa Waaqa tokkichaa” jedhu illee Oromoota Goojjam Bahaatiin hundeeffamuu isaa ifa taasisuun beeksisee ture. Gumiin kun Amantaa kan Bulchiinsa Gadaa Oromoo jalatti argamu barsiisuun,ilaalchi Oromummaa illee daran akka babal’atu taasisuun,naaannoowwan dhaabbileen barnoota ol’aanoo kan akka Yuunibarsiitotaa fi Kolleejjotaa bakka jiranitti Gumiiwwan Aadaa Seenaa fi Dagaagina Afaan Oromoo wajjin ta’uun dhimma guddina aadaa fi seenaa akkasumas eenyummaa Oromoo irratti hojii bal’aa hojjeteera Gumiin Amantii kun,akkuma uummata Oromoo ijaaruu jalqabeen wayyaaneen yaaddoo keessa seenuun,dhaabbati kun yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti dhaabbatoonni Amantaa hedduun tajaajila kennaa yeroo jiraniitti hordoftoota amantaa Waaqeffannaatiin isin dhaaba ABO deeggaruuf malee amantaaf miti jedhamuun iddoowwan gargaraatti adamoon yeroo bittinneessaman,iddoowwan heddiutti immoo tiki itti hammaachuurraan kan ka’e,Waaqeffattoonni bakka Amantaa isaanii kanarraa Waraana komaandi posti Wayyaaneen dhorkamuu isaanii oduun Waaqeffattoota Daaroo Labuu,Galma Nawamteefi Galma Maqii irraa argannee addeessee jira!
Daily Archives: November 18, 2016
Aside

Yaadannoon Waggaa 11ffa FDG/FXG gaafa Sadaasaa 12, 2016 Minnesotatti kabajame
Aside
Fincila Didda Gabrumma wagga 11ffa sababa gochuun qophiin Yaadannoo fi kabajaa guyyaa kana Konyaa Oromiya Minnesotatiin qindaawee Sadaasa 12, 2016 magaalaa Saint Paul, galma Concordia University keessatti sirna ho’aan kabajamee oole.
Guyyaan kun yaaddannoo waregaamtoota keenyaa kabajuun kayyoo isaan kufaniifis bakkaan ga’uuf Fincila Xumura Gabrummaa guutumma Oromiya keessatti deemaa jiru tinnisuuf hawaasa mariisisee dinagdee argamsiisu irrattis milkaa’ee jira. Qophiileen wal-fakkaatoon adunyaa mara irra bakka caasaan Adda Bilisummaa Oromo jirutti deema akka tures ifaa dha.
Keessummootni guyya kana argaman gama hooggana Dhaabaatiin J/Ararso Biqilaa, MKHR-ABO fi itti gaafatama Damee Dhiheessi akkasumas J/Goollicha Dheengee, MGS-ABO fi Ajaajaa Waraana Zooni Kibba yeroo ta’an karaa bilbilaa suduudaan dhaamsa balla dabarsaan. Dr. Mosisa Aaga keessumma keenya Alabama irra qaaman nuuf argaman yero ta’an Dr. Moosisaan barnoota balla ka’umsa FDG fi hidhata inni QEERROO waliin qabu bu’ura isaa irra hanga ammaatti ragaa dhaan Hawaasaaf ibsa ballaa kennanii jiru. Continue reading
Yaadannoo FDG 2016 fi Tinnisa Diinagdee Sochii QBO’f taasifame!
Aside
Yaadannoon Fincila Diddaa Garbummaa waggaa 11ffaa sababa gochuun qophii kutaa ABO Scandinavia fi Konyaa ABO Oslo waliin ta’uun qopheessan, Sadaasa 12, 2016 bakka MSG-ABO; J/Dr.Shigux Galataa fi J/Jirenya Guddata, Qondaalonni, miseensonni fi deegartoonnii Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) argamanitti sirna ho’aan magaala Oslo itti kabajamee oole.