(Dammaqaa Nagaasaa tiin)
Muudamni Itti Fakkeessii Mootummaa Faashistii Abbaa Irree Wayyaanee gola Paarlamaa Sobaa Keessatti Har’a Gaggeesse Diramaa jechuuf Illee Diramaan hojii ogummaa artii waan ta’eef, Muudama_muddama hiika hin qabneefi Wayyaanee kufaatii isaa dhumaa irra jiru kufaatii irraa kan hin olchine ta’uun beekamadha. Ammas Injifannoon Qabsoo Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn mootummaa wayyaanee muddee qabee of ijibbachisaa jiruu daranuu itti jabaatee itti fufa. Mudamni fi Muddamni Kunis waan nama raajuu hin qabu, Gdhugaan jiru garuu yeroo kanatti biyyattiin mootummaa hin qabdu.
- Har’a biyyattiin maqaa labsii muddama(State of Emergency ) jedhuun ifatti Waraanni uummata irratti labsamee uummata ulee of harkaa hin qabne irratti guyyaa guyyaan Waraanni irratti Banamee lubbuun wareegama, hidhaman, saamamaa fi yakka shororkeessaa waraanaan hiraarfama guddaa keessa jira uummatni!!
- QEERROON BILISUMMAA OROMOO fi Uummatni OROMOO Qabsoon hanga bilisummaatti dhumnee dhabamna malee hiraarsa waraanaan duubatti hin deebinu jechuun falmaan hadhaawaan Oromiyaa keessatti itti fufinsaan gaggeeffama jira.
