Ogeessi Fayyaa Poolise Federaalaa Kan Ta’e Dargaggoon Wayyuu Beekaa Galeeraa Ukkamfame

Aside

Mudde 18,2015

12399794_483675665157188_1447812698_oDargaggoo Wayyuu Beekaa Galeeraa jedhamu finfinnee Nifas Silkii Laaftoo bakka hojii isaa waajjira fayyaa irraa Police federalan kaleessa guyyaa 17/12 /2015 ukkamfamee. Wayyuu Beekaa kan dhalatee guddatee Amboo yoo ta’uu dura illee maikalawiiti hidhamee kan turee fi waggoota lamaan darban hordoffii jalaa akka ture dhagahame.

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Barsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegamee(1989-2015)

Aside

Mudde 18,2015

12395529_1007671035960044_1273543748_nBarsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa kan dhalatee guddatee godina Shaggar Lixaa Aanaa Dandii ti. Barnoota isaas hanga sadarkaa 2ffaa ti achuma Aanaa Dandii magaala Giincitti kan baratee yoo ta’uu sadarkaa Olaanaa Kolleejjii Barsiisota Jimmatti damee saayinsii Hawaasaa (social science) baratee bara 2009 Jimma irraa qabxii Olaanaan eebbifame barsiisaa ta’uun godina Shaggar lixaa aanaa Jibaati fi akkasuma Shaggar lixaa Ejereeti kan barsiisaa ture yoo ta’uu hanga yeroo dhihoo ji’oota muraasa duraa daraara fi dhiibbaan dabballoota wayyaanee itti hammaate dalagaa dhaabuuti. Dinqeessaan ilmaa sabaaf uumame qaroo Qeerroo oromoo addaa dureen dirqama oromummaa isaa raawwata tureedha.

Dinqeessaan sochii diddaa barattoota Oromoo kan 2001,2004 fi 2005 Shaggar Lixaa keessatti ta’aa turee addaa dureen hirmaataa akka ture seenaan ragaa baha. Jimmatti illee miseensa koree Tokkummaa barattoota Oromoo Yuuniversitii fi kolleejjii Jimma keessatti shooraa ijaarsaa fi sabboonummaa Oromoo irratti gahee guddaa taphataa ture. Akkasuma Koree Aadaa fi aartii Oromoo kolleejjii barsiisota Oromoo hanga cufamutti miseensa irraa ka’ee dirqama ooganummaa garaagaraa ti dirqama isaa bahaa ture. Dinqeessaan nama barnoota isaan jabaa fi amala qabeessa fakkeenyaa dargaggoo oromoo ta’eedha. Goota miseensa qeerroo Dinqeessan osoo guyyaa tokko duubatti hin deebi’iin Osoo falmuu gaafa guyyaa 16/12/2015 waraana agaazii wayyaaneen Magaala Ginci ti wareegame. Goonnii kun hiriyaa isaa Jaagamaa Badhaanee ti makamee gumaa koo baasaa jedhe.

Aside

44Mudde 18,2015 Goototni Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Killoo 6 Warraaqsaa Biyyaalossaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti Fufuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Finiinsuun Labsii waraanaa Uummata Oromoo uummata karaa nagaa Mirga isaaf falmachaa jiru irratti dabarfame balaaleffachuun hiriiraa Mormii ba’uun sagalee guddaan dhaadannoo ‘’Uummata Civilii irratti waraana labsuun Yakka Genocide
dhuguuginsa Sanyii ta’uu aaddunyaan nuuf haa hubatu ‘’ jechuun mormii jabeessuun itti fufan. Gaaffiin Keenya gaaffii uummata Oromooti, gaaffii mirgaa fi dimookiraatawaa ta’ee, Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi mormii labsii magaalota naannoo Oromiyaa irratti dhiyaatee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati. Malee Shororkeessuumma waliin haalli wal qabachiisuu tokko illee hin jiru jechuun yaada isaanii ibsachuun ,Yakka Labsii waraanaan Uummata Ukkamsina jedhu kana gadi jabeessuun ni balaaleffanna jechuun sagalee guddaan mormii isaanii jabeessuun itti fufan .

FDG Godina Wallaggaa Aanaa Qeellam Magaalaa Shebel Mudde 18,2015

Aside

Shabal Shebel Anfilloo Shebel

Barattoota Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Waayyuu Tuqaa,Wallagga,Mudde 18,2015

Aside

“Siifan Lola Oromoo” FDG Ayiraa,Wallagga.

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo(SQ) Mudde 17, 2015/Gabaasa Qeerroo

Aside

” Qeerroo Gaachana Koo” Artist Hawwii Tazarraa /Wallee Haaraa Muddee 2015

Aside

https://youtu.be/COghb2wsbeA

Horroo Guduruu Wallaggaa,Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti FDG Dargaggootaa fi Uummataan Mudde 17,2015 Gaffeeffame

Aside

Godina Lixa Shaggar Keessatti Uummanni Oromoo Gamaa Gamanaa Malakata Afuufuun Wal Yaamee Milishootaa fi Poolisoota Irraa Meeshaa Hikkachiisaa Jira.

Aside

Muddde 17,2015 ,

Godina Kibba lixa Shaggar aanaa Daawoo gandoota baadiyyaa kan akka Boombii Musguree fi Daalachaa keessatti Mormiin uummata itti itti fufee jira.

Ummatni gamtaan malakata afuufe sirba yaa’a halkan Edaa (17/12/2015)hidhataa gandaa tokko osoo bira hin dabarre qawwee irrs gurrachaa jiru. Amma halkan illee imala isaanii itti fufan jedhan. qaamni motummaas polisiin sodaatte caluma jetti. Agaazin waan wal hanqate fakkata hanga amma irra hin dhaqabne. ummatnis ykn hidhattonni erga humni motumman laafee nu dhaqabuu dide jedhanii lubbu isaani sodaf jecha mormi tokko malee hidhannoo isaani hikatani kennaa jiru.