Mudde 11,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsitii Jimmaa uffata Gaddaa Uffachuun Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FDG Akka guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru Hiriira mormii daran jabeessuun itti fufan. Kaleessa Mudde 10/2015 Mooraa Saanyiinsii fi Teekinoolojii keessatti Waraana Wayyaaneen Waldura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun humna ittisa biyyaan dhukaasni guddaan irratti baname, Gaazii summaa’aa irratti dukaasuun barattoota hedduun reebichaa ulfatan midhamanii hospitala galan.
Guyyaa Hardhaas Warraaqsaa Biyyoolessaa jabeessuun Mooraa Main Cumpasii keeaastti Uffata Gaddaa Uffachuun har’as Hiriirrii mormii Mootummaan yakka duguuginsa sanyii nurratti rawwachaa jiru aangoo gadhiisuu qaba, Seeraatti dhiyaachuu qaba, Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mirgii Dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba, kan jedhuufi Mormiin Master Pilaanii Finfinnee fi labsiin Magaalota Oromiyaa ataattamaan haqamuu qaba jechuun uffata gaddaa uffachuun hiriiraa mormii ba’uun humna waraanaa ittisa biyyaa waliin waldura dhaabbachaa jiru, waraanni wayyaanee barattoota irratti dhukaasa jira, barattootni hedduun mooraa gadi lakkisuun gara uummatatti baqachaa jiru.sochiin kun amma adeemsifama jira.,Gabaasaan itti fufa
Daily Archives: December 11, 2015
FDG Godina Arsii Lixaa Asaasaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira.
Aside
Mudde 11,2015 FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Uni Hawaasaa Nyaata lagatan,Wallagga Naqamtes Diddaa Itti Fufan.
Aside
Yeroo Ammaa Kana, Godina Shaggar, Salaalee,Kuyyuu,Garba Gurraachaa fi Aanaa Dagaam Keessatti FDG Itti Fufe,Bakka Hedduutti Karaan Cufamee Jira.
Aside
Har’a Mudde 11, 2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanota garagaraa keessatti jabaachuun ittifufuun Guyyaa har’aa Aanaawwaan kanneen akka Kuyyuu Magaalaa Garba Gurraachatti hiriirrii Mormii guddaan Gootota uummata Oromoo Salaalee fi Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon jabaate itti fufe jira,
Akkasumas Aanaa Dagaam keessatti warraaqsii haalaan jabaachuun Magaalaa Shanoo keessatti daandii bakkoota hedduutti cufamee
warraaqsii jabaate jira. Anaawwaan Kanneen Akka Wucaalee Magaalaa Muka Xurii fi Hidhabuu Abootee wajiraaleen mootummaa hundii cufamanii hojiin dhaabbatee jira., Uummatni fi dargaggootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebii barbaadna, ilmaan Oromoo wareegamaa jiraanniif
Mootummaan itti gaafatamuu qaba jechuun dhaadannoo isaanii jabeessuun daandiiwwaan gara Garba Gurraachatti geessaan ganamarraa eegaluun bakkoota hedduutti cufamee jiraachuun ifa ta’ee jira. Hummni waraanaa gara Garba Gurraachaatti ramadamee karaa darbaa dhabuun hedduu rakkachaa jiraachuun gabaasaan…. itti fufa!!
Har’a Muddee 11,2015 Godina Wallagaa Onoota Qeellam Gara Garaa Keessatti FDG Haala Daran Jabaateen Itti Fufee Jira.
Aside
Mudde 11,2015 Jimmaa Horroo
Har’a ganama irraa kaasanii uummanni Godina Qeellem Onoota garagaraa keessatti didaa isaanii itti fufanii akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Amma sa’a kanatti ona Jimmaa Horroo irratti dhukaasni jabaan akka jiruu fi uummanni fi barattootni walitti dhufuudhaan dhaadannoo
Diddaa Gootota Oromoo Magaalaa Ijaajjii
Aside
Magaalaa Ijaajjii Waggaa 120 Har’aan Dura Bakka Waraanni Minilki Cabsuu Dadhabee Yeroo Dheeraaf Itti Dhaabbate Waan Ta’eef Maqaan Lafa Sanaa Ijaajjii Jedhamee Yaamamee Hafe. Lola Bara sanaa Geendaa Buushan Mijuutu weerartoota Habshaa lolee lafa sanatti waraana Minilik Ijaajise(Dhaabe) sababa kana irraa mogga’e. Har’as gootonni barattooti Oromoo fi Ummanni Oromoo diddaa magaalaa sanii haalaan jabeessee jira.
“Ka’i Gumaa Hin Nyaatiin” Sabboonticha Oromoo Artist Addisuu Karrayyuu
Aside
Oromia Support Group Asutralia Statement on the Current Situation in State of Oromia
Aside
To: Office of the UN High Commissioner for Human Rights
United Nations Office at Geneva 1211 Geneva 10, Switzerland
Fax: + 41 22 917 9022
Oromia Support Group Australia (OSGA) extremely shocked about the killings and torture of innocent Oromo students including Primary School Children in Oromia. Oromo student peaceful protests are spreading throughout Ethiopia, Oromia region, as people demonstrate against the endanger that hundred thousand of Oromo farmers, residents and their families living near the capital, Finfinnee (Addis Ababa), could be evicted from their lands by the name of Addis Ababa expansion policy.
Since the first week of December 2015, horrifying, and heartbreaking images and videos of Oromo children peacefully marched on a street and voiced their anger being beaten to death and killed by shootings. There are credible reports of severe injuries and arbitrary arrests in many locations that the Ethiopian government armed forces and authorities are unable to deny and publicly admitted the killings of Oromo children.
Since the first week of December 2015, horrifying, and heartbreaking images and videos of Oromo children peacefully marched on a street and voiced their anger being beaten to death and killed by shootings. There are credible reports of severe injuries and arbitrary arrests in many locations that the Ethiopian government armed forces and authorities are unable to deny and publicly admitted the killings of Oromo children.
The Ethiopian Federal forces, racially affiliated and heavily armed, known as Agazi and part of the select force of the dominant Tigrean People’s Liberation Front (TPLF), violently respond when Oromo students and children from various universities and institutions in the country protested against the Master Plan since the beginning of December 2015. (please see attached further statements and evidence).For full document click here






