Har’a Mudde 11, 2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanota garagaraa keessatti jabaachuun ittifufuun Guyyaa har’aa Aanaawwaan kanneen akka Kuyyuu Magaalaa Garba Gurraachatti hiriirrii Mormii guddaan Gootota uummata Oromoo Salaalee fi Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon jabaate itti fufe jira,
Akkasumas Aanaa Dagaam keessatti warraaqsii haalaan jabaachuun Magaalaa Shanoo keessatti daandii bakkoota hedduutti cufamee
warraaqsii jabaate jira. Anaawwaan Kanneen Akka Wucaalee Magaalaa Muka Xurii fi Hidhabuu Abootee wajiraaleen mootummaa hundii cufamanii hojiin dhaabbatee jira., Uummatni fi dargaggootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebii barbaadna, ilmaan Oromoo wareegamaa jiraanniif
Mootummaan itti gaafatamuu qaba jechuun dhaadannoo isaanii jabeessuun daandiiwwaan gara Garba Gurraachatti geessaan ganamarraa eegaluun bakkoota hedduutti cufamee jiraachuun ifa ta’ee jira. Hummni waraanaa gara Garba Gurraachaatti ramadamee karaa darbaa dhabuun hedduu rakkachaa jiraachuun gabaasaan…. itti fufa!!
Godina shawaa kaaba(salaale) aanale garaa garaa keessatti FDG 1-4-2008, itti fufee oolera. Aanale kuyyuu, hidhabuu aboote, dagam, wara jaarso, giraar jaarso, muka xurrii fi caanco keessatti qeerron oromoo kutannoon ka’aniru.