Mudde 11,2015 Jimmaa Horroo
Har’a ganama irraa kaasanii uummanni Godina Qeellem Onoota garagaraa keessatti didaa isaanii itti fufanii akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Amma sa’a kanatti ona Jimmaa Horroo irratti dhukaasni jabaan akka jiruu fi uummanni fi barattootni walitti dhufuudhaan dhaadannoo
-Lafa keenya hin laannu
-Oromiyaan kan oromooti malee kan Tigree miti
-Wayyaanee hin barbaannu
-ABOn nu haa bulchu
jechuudhaan sagalee diddaa dhageessisaa jiru.
Waraanni wayyaanee gara sanatti bobbahee kan jiruu fi eda kaleessaa kaasee humni jabaan naannoo Jimmaa Horroo buufatee akka jiru Qeerroon gabaasaa jira. Uummanni gaaffii isaa jabeessee itti fufeetu jira.