Shaggar Dhihaa Mugar Keessatti FDG Goototi Barattooti Oromoo Gaggeessaa Jiran.

Aside

Wallee Haaraa “Nuti Qeerroon Leenca Goota” Wallisaa Sabboonaa Bashannanaa

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 07 December 2015

Aside

Gootonni Barattooti Oromoo Yuniverstii Rift Valley Kaampaasiin Shaashammannee Diddaa Sirna Wayyaanee Gaggeessaa Jiru.

Aside

q9Mudde 8,2015 Gootonni barattooti Oromoo Yuuniversitii Reft Vally warraaqsa Bilisummaa qabsiisaniin sirna gabroomfataa mootummaa Wayyaanee balaaleffataa jiru,gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mormii maaster plaanii Finfinnee jabeessanii kan itti fufan yeroo ta’u barattoota hidhamani akka gadhifamanii fi kanneen rasaasaan rukutamanis warri loltoota Wayyaanee kana taasisan seeraan akka gaafataman gaaffii kaasan keessa jira.Kana malees walleelee warraaqsaan diddaa isaanii dhageessifataa jiru.

Mudde 8,2015 Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufuun Magaalaa Waliisoo,Ada’aa Bargaa,Ejeree fi Geedoo Keessatti Jabaatee Itti Fuee Jira.

Aside

Mudde 8,2015 Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufuun Magaalaa Waliisoo,Ada’aa Bargaa,Ejeree,Geedoo fi Shashammannee Keessatti Jabaatee Itti Fuee Jira.

Addatti  Walisoo dirree waraanaa fakkaattee jirti. Manneen tajaajila kennan kan akka Hoteelaa,Suuqii fi dhiimmi daldalaa hundi dhaabatee waraani tikaa waayyaanee qawwee waaqatti olqabanii dhkaassaa jiru. Kan namatti tolu ummaann magaalichaa bartoota cinaa graa jira. Loltooti Wayyaanee dhukaasa bananiin meeshaa gurguddaa yeroo shanii ol dhukaasanii jiraachuu Qeeroon gabaasa.

 

Mudde 8,FDG Itti Fufeen Waraanni Wayyaanee EPRDF Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbayyi Comman Sulul Finca’aa Keessatti Hojjetaa Warshaa Sukkaaraa 1 Yeroo Ajjeessan Barattoota 4 Ammoo Haalaan Madeessan.

Aside

Fichaha horroo mudde 7 2015Muddee 08/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Namni tokko ajjeefame.
Mootummaan abbaa irree Yakka ulfaataa fi garaa jabinaan guutameen uummata mirga isaaf falmachaa jiruu irratti waraana banuun ilmaan Oromoo madeessaa fi Ajjeesuu itti fufe. banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma
du’aafi jireenya gidduutti argamu’.
1. Eebisaa nama jedhamuu fi Hojjetaa Warshaa Sukkaara Finca’aa kan ta’ee Mooraa Mana Galmaa isaa keessa utuu dhaabatu waraanni wayyaanee dhukaasee ajjeesee, yeroo amma kana wareegamee jira.Namootni 4 ol immoo Madaeeffamuu kaleessa gabasne kanneen :
1. Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
2. Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
3. Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
4. Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo kanneen jedhaman dabalatee Amma illee namootni kan biraan kan ajjeefaman maqaan adda kan hin bane jiraachuu madden gabaasa jiru. Warri rasaasan rukutaman 4’n kun yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni Wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.

uddee 08/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedootti Har’a Warraaqsii FDG Ummata Oromoo Magaalaa Geedoo, Qonnaan Bultootan Bifa Adda Ta’een Itti Fufe.

Aside

Geedoo fi tokkee kuttaayyeeCalliyaa Geedoo CalliyaaMuddee 08,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedootti Har’a Warraaqsii FDG Ummata Oromoo Magaalaa Geedoo, Qonnaan Bultoota Calliyaa, fi Gootota Qeerroon Barattoota M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Manneen Barnootaa sadarka 1ffaa dabalatee Warraaqsii Cimaa Magaalaa Geedoo irratti gaggeeffama jira. Ummatni Oromoo Qonnaan Bultootni Oromoo Aanaa Calliyaa GeedooGandoota Baadiyaa garaagaraa dabalatee ,Gootota Barattoota Oromoo M/B Geedoo, Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina fi mannee Barnoota Baadiyyaa utuu hin Hafiin hiriirri mormii guddaan Magaalaa Geedoo keessatti gaggeeffama jira. Daandiin Konkolaataa Gara Godina hOrroo guduruutti Geessuu fi Daandiin Konkolaataa Gara Wallagga Lixaatti dabarsuu Cufamee jira. Warraaqsii kun Kan Uummatni kumoota hedduun Lakka’aman irratti argaman fi Humni Waraana Wayyaanee Magaalaa Geedoo irra jiru to’achuu kan hin dandeenye ta’uun hubatamera. Uummatni Mootummaa nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu jechuun Warraaqsaa mormii guddaa gaggeessa jiru. Uummatni fi Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo FDG fininsuun Gaaffii mirga Biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen Naannoo Oromiyaa Murteesse Atattamaan Haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Geedoo keessatti uummata Magaalaa fi Naannoo baadiyaa cufa dabalachuun Hiriira Mormii guddaa gaggeessa jiru. Dhaadannoowwan armaan gadii itti fufinsaan dhageesisan.
-Master Pilaaniin irratti wareegamaa jirru haqamuu qaba.
-Wayyaanee OPDO’n Nu hin bulchitu, ABO’n abdii uummata Oromooti,
-ABO’n Mirga dimookiraasii fi namummaa ni kabachiisa, ABO’n biyya hin gurguru
-Mootummaa Dhukaasee nu ajjeesaa jiru jalatti hin bullu, mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n bakka nu hin buutu, mootummaan uummata isaa ajjeesuu addunyaa irra hin jiru.
-Nuti bilisummaa barbaadna, Mirgii Dimookiraasii fi Namommaa Nuuf Haa Kaabajamu,
-Ilmaan Oromoo Oromummaan Yakkamuun Hidhaman hatattamaan Haa hiikaman.
-Mootummaan Yakka Duguginsa sanyii ummata Oromoo irratti rawwacha jiru seeratti haa dhiyaatu
-Labsiin Magaalota Oromiyaa Caffeen Murteesse haqamuu qaba.
– Lafti Keenya Lafee keenya lafee keenya murree hin Kennu.
– Gaaffiin keenya gaaffii mirgaa mirga abbaa biyyummaa, kan bilisummaa fi dimookiraasiiti,
Gaaffii uummataa Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii Adeemaa jiruuf fallaa sopchii kana Mootummaan Wayyaanee humna waraanaa bobbaasuun Sochii Ummata to’achuuf humna waraanaa Gara Geedootti guura jiru.
Haaluma Walfakkaatuun Magaalaa Baabbichaa keessatti Goototni Qeerroon barattootni Oromoo m/b Baabbichaa sadarkaa 2ffaa Baabbichaas Guuyyaa har’aas itti fufani jiru.Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo gamtaa isaanii jabeessuun waraana wayyaanee dura

Video Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Finfinnee Olmaa Muddee 7, 2015

Aside

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

45

47

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

suura 51suura 1

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

Uni Finfinnee

7

7

Har’a Mudde 08,2015 Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti FDG Gootota Barattoota Oromoon Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 08,2015 Waamaa Hagaloo Qassoo

Qeerroo BilisummaaQeerroon magaalaa Qassoo akka hubachiisetti ona Waamaa Hagaloo mana barumsaa sadarkaa duraa fi sadarkaa lammaffaa Qassoo akkasumas mana barumsaa sadarkaa duraa Ifa Waamaa fi Qophaa’inaa Moxeetti walirraa fuudhuun guutummaa aanaa Waamaa Hagaloo keessatti fincilladiddaa garbummaa dhoosuun itti fufanii jiru

Sa’atii gabaasaa kana dhiyeessaa jirrutti dhaadannoowwan barattooti uummata wajjin ta’uun dhageessisaa jiran keessaa:-

Jechaa dhaadhannoo gargaaraa dhageessisaa magaalaa Qassoo fi Moxee keessatti warraksa jabaa geggeessaa akka jiran beekameera

Mootummaan garboomfattuun Tigiraay magaalaa Moxee irraa barataa Bilisummaa Guddinaa Waaqumaa qabanii achi buuteen isaa kan dhabame yeroo ta’u, hanga barataan kun dhufutti mara keenya hidhi jechuun barattoonni humna kora bittenneessaa fi loltuu biyyoolessa kan fincilan yeroo ta’u, jaarsoliin biyyaa akka tasgabbeessaniif itti bobbaasamanii jiru

Nami Oromummaan keessa jiru kamuu dhaloonni biyyasaa akka hin falmanne sossobbaa gochuun seenaadhaan waan nama gaafachiisuuf jaarsoliin biyyaa FDG kana dhaamsurra ofii isaaniitiifuu gaaffiin barattootaa kun gaaffii isaanii ta’uu beekanii cinaa barattootaa akka dhaabbatan jenna

Onuma Waamaa Hagaloo keessaa utuu hin ba’in uummati ganda baataa kusaayee gaaffii Abbaa biyyummaa fi mormii maaster pilaanii finfinneetti dabaluudhaan lafa isaanii saamamaa jiru  fuuldura dhaabbachuun lafa keenya maqaa investimentiitiin hin saamamnu jechuun mormii addaa dhagewssisuun hidhannoo diinaa laga ce’ee dhufe kana fuuldura dhaabbataniiru

Isaan keessaas namooti hedduun mana hidhaatti guuramaa akka jiran beekameera

“Jaalattaanis Jibbitanis Master Palaniin Finfinnee Waan Hafu Miti” Jedhchuun Qondaalli OPDO(EPRDF) Solomon Mokonnin Namni Jedhamuu Walgahii Magaala Sabbattaatti Ta’e Irratti Dhaadate.

Aside

Mudde 08,2015 Gabaasa Qeerroo Sabbataa

opdoMagaalaa sabbataa ganda alamganaatti guyyaa kaleessa walgahii OPDOn ummata magaalaa mariisisterratti dhimma MP ilaalchisee namichi Warquu Dabalee jedhamu kan ummata mariisise qunnamtii(communication) ummata magaala sabbataa fi itti gaafatamtuu dhimma dubartoota kan taate Asaffuu Dabalee wajjin ummatatti roorrisaa fi haasadhaan dorsiisaa kan turan ta’uu maadheen Qeerroo naannichatti argame gabaasee jira .Gara jidduu walga’ichaatti namni mataa dhaaba OPDO ta’e SOLOMOON MOKONNIN jedhamu jechuun ummatatti balaqqamaa kan ture ta’usaa hubatameera. Ummanni walga’icharratti argame haasan jarattii jala deemtuu wayyaanee kan isaan hin gammachiifne waan ta’eef dubbii isaanii afaan itti kutuun isin warra ijoollee keenya ficcisiisaa jiru waan taataniif dhimma oromoo fi oromiyaarra harka fudhachuu qabdu jedhee ijjaannoo isaa itti argarsiisera.

Itti fufuun gaafa teesson mootummaa naannnoo Oromiyaa adaamaa haa ta’u diinni jedhu gaafii tokko malee darsa keessan harattanii kan deemtanii fi deebi’aa jedhamnaanis gaafii tokko malee kan deebitanii fi haga amma dhimma isin oromoo furtan waan hin jirreef nuti isin hin feenu jechuun maayyiirratti bikka ishee teessutti dhiisun walgahichaa dhiite bahuu danda’eera.