Mudde 08,2015 Waamaa Hagaloo Qassoo
Qeerroon magaalaa Qassoo akka hubachiisetti ona Waamaa Hagaloo mana barumsaa sadarkaa duraa fi sadarkaa lammaffaa Qassoo akkasumas mana barumsaa sadarkaa duraa Ifa Waamaa fi Qophaa’inaa Moxeetti walirraa fuudhuun guutummaa aanaa Waamaa Hagaloo keessatti fincilladiddaa garbummaa dhoosuun itti fufanii jiru
Sa’atii gabaasaa kana dhiyeessaa jirrutti dhaadannoowwan barattooti uummata wajjin ta’uun dhageessisaa jiran keessaa:-
Jechaa dhaadhannoo gargaaraa dhageessisaa magaalaa Qassoo fi Moxee keessatti warraksa jabaa geggeessaa akka jiran beekameera
Mootummaan garboomfattuun Tigiraay magaalaa Moxee irraa barataa Bilisummaa Guddinaa Waaqumaa qabanii achi buuteen isaa kan dhabame yeroo ta’u, hanga barataan kun dhufutti mara keenya hidhi jechuun barattoonni humna kora bittenneessaa fi loltuu biyyoolessa kan fincilan yeroo ta’u, jaarsoliin biyyaa akka tasgabbeessaniif itti bobbaasamanii jiru
Nami Oromummaan keessa jiru kamuu dhaloonni biyyasaa akka hin falmanne sossobbaa gochuun seenaadhaan waan nama gaafachiisuuf jaarsoliin biyyaa FDG kana dhaamsurra ofii isaaniitiifuu gaaffiin barattootaa kun gaaffii isaanii ta’uu beekanii cinaa barattootaa akka dhaabbatan jenna
Onuma Waamaa Hagaloo keessaa utuu hin ba’in uummati ganda baataa kusaayee gaaffii Abbaa biyyummaa fi mormii maaster pilaanii finfinneetti dabaluudhaan lafa isaanii saamamaa jiru fuuldura dhaabbachuun lafa keenya maqaa investimentiitiin hin saamamnu jechuun mormii addaa dhagewssisuun hidhannoo diinaa laga ce’ee dhufe kana fuuldura dhaabbataniiru
Isaan keessaas namooti hedduun mana hidhaatti guuramaa akka jiran beekameera
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist