Mudde 8,FDG Itti Fufeen Waraanni Wayyaanee EPRDF Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbayyi Comman Sulul Finca’aa Keessatti Hojjetaa Warshaa Sukkaaraa 1 Yeroo Ajjeessan Barattoota 4 Ammoo Haalaan Madeessan.

Fichaha horroo mudde 7 2015Muddee 08/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Namni tokko ajjeefame.
Mootummaan abbaa irree Yakka ulfaataa fi garaa jabinaan guutameen uummata mirga isaaf falmachaa jiruu irratti waraana banuun ilmaan Oromoo madeessaa fi Ajjeesuu itti fufe. banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma
du’aafi jireenya gidduutti argamu’.
1. Eebisaa nama jedhamuu fi Hojjetaa Warshaa Sukkaara Finca’aa kan ta’ee Mooraa Mana Galmaa isaa keessa utuu dhaabatu waraanni wayyaanee dhukaasee ajjeesee, yeroo amma kana wareegamee jira.Namootni 4 ol immoo Madaeeffamuu kaleessa gabasne kanneen :
1. Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
2. Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
3. Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
4. Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo kanneen jedhaman dabalatee Amma illee namootni kan biraan kan ajjeefaman maqaan adda kan hin bane jiraachuu madden gabaasa jiru. Warri rasaasan rukutaman 4’n kun yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni Wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.

2 thoughts on “Mudde 8,FDG Itti Fufeen Waraanni Wayyaanee EPRDF Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbayyi Comman Sulul Finca’aa Keessatti Hojjetaa Warshaa Sukkaaraa 1 Yeroo Ajjeessan Barattoota 4 Ammoo Haalaan Madeessan.

  1. Qabsawan ni kufa qabsoon itti fufa. Du’a sodaachuun Gabrummaa jalaachuudha. Itti Wareegaman malee bilisummaa hin argatan. Qabsoo hamma galmaan genyuu du’an sodannu hidhamnus reebamnus of boodan deebiinu. Ergattuufi ergamtuu ni moona

  2. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s