Wallagga,Aanaa Laaloo Assaabii Magaalaa Dongoroo

Video

The Ethiopian Government Brutal Army and Paramilitary Police Use Lethal Force against Oromo Students Demonstrating Peacefully

Aside

pafd

Press Statement by ‘Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)

The Ethiopian government brutal army and paramilitary police are shooting at Unarmed Oromo students demonstrating against the implementation of Addis Ababa land grabbing master plan.

Just over a year ago, TPLF’s regime has planned to exponentially expand Oromia’s capital, the city of Finfinne (Addis Ababa) under the scheme known as ‘Addis-Master-Plan’. This plan aims to incorporate the rural agricultural areas in Oromia state surrounding Addis Ababa. This Plan will totally displace the entire Oromo rural population in the area without their consent. The said plan has seriously angered the Oromo’s communities, who went on a peaceful demonstration of opposing the plan. The regimes security and armed forces’ unprecedented and violent response to peaceful demonstration has left over 60 Oromo University and high Scholl students and the others Oromo civilians dead, and over 200 wounded.

After remaining silent for around a year, the Prime Minister and others government officials have recently announced their decisions to re-implement ‘Addis-Master-Plan’ Again the Oromo students’ demonstration started demonstrating, beginning in West Oromia towns such as Mattuu, Ambo and others places has widened its horizons to almost entire Oromia Zones and districts.

Press Statment of PAFD on current situation in Oromia.pdf

Wallagga Horroo Guduruu M/Barumsaa Suluula Finca’aa Keessatti Warraaqsa Barattootaan Ka’een Ijoolleen 4 Rasaasa Wayyaaneen Madaawuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 07/2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Suluula Fincaa’aa Magaalaa warshaan Sukkaara Finca’aa Keessatti Argamu Keessatti Warraaqsii FDG Gootota Uummata Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoo M/B Suluula Finca’aa tti Jabaatee itti fufe, Waraanni Wayyaanee Uummata irratti waraana bane ilmaan Oromoo 4 rasaasaan rukutaman. Warraaqsii FDG uummataa Oromoo fi Gootota Barattoota Oromoon Suuluula Finca’aa Magaalaa warshaan suukkaraa Fincaa’aa keessatti argamtu keessatti Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Caffeen naannoo Oromiyaa Murteesse atattamaan haqamuu qaba jechuun Warraaqsaa Finiinsuun Magaalaa Suluula Finca’aa keessa naanna’uun mormii guddaa dhageesisuun Waraana agaazii wayyaaneen bobbaase waliin wal dura dhaabbachaa oolan, FDG kun ganama sa’aa Lama irraa eegaaluun guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan olee yoo ta’u, mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banuun Ilmaan Oromoo barattoota 4 rasaasaan rukutamuun yeroo amma du’aafi jireenya gidduutti argamu’

  1. Barataa Wakjiraa Giddisaa Mitikuu
  2. Barataa Masarat Xilahuun Oljirraa
  3. Barataa Alamuu Likkisaa Kabbabaa
  4. Barataa Zarihuun Raggaasaa Teessoo

Kanneen jedhaman rsaasaan rukutamanii yeroo amma gara hospitaalatti fe’amuu madden keenya gabaasan. Uummatni mootummaa ilmaan keenya fixaa jiru waliin hin jiraannu jechuun amma illee warraaqsaa itti fufee jira, galgala kanaa Waraanni wayyaanee ittuma fufuun uummata irratti dhukaasaa banaa kan jiru yoo ta’uu ilmaan Oromoo hidduun hidhaatti guuramuu maddi keenya gabaase.

 

Mudde 7,2015 Hararge Magaalaa Ciroo Keessatti Gootonni Barattoota Oromoo Roorroo Falmaa Oolan.

Aside

Mudde 7,2015 Goototni Barattoota Oromoo Godina Harargee Magaalaa Asaboot Akkasitti Oolan

Video

Yuniversitii Jimmaa Keessatti Barataa Milkeessaa Asfawu Barataa Mechanical Engineering Waggaa 2ffaa Rasaasa Loltoota Wayyaaneen Rukutamuun Haala Hamaa Keessa Jira

Aside

Muddee 7/2015 Warraaqsaa FDG Mooraa Yuunibarsitii Jimmaatti qabsiifameen Wal qabatee Barataan Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Tarkaanfii Diinummaa Loltoota fi Poolisoota Federaalaan Reebamee midhaa guddaan irra gaee Hospitalaa galee jiru Barataa Milkeessaa Asfawu Barataa Mechanical Engineering Waggaa 2ffaa tauun ibsame Yuunibarsiitii Jimmaatti Warraaqsii itti fufe, Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa waraanaa fi poolisii Federaalaan Ugguramaa kan jiruu fi sirni Baruu fi Barsiisuu Dhaabbate jira, Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mootummaan Abbaa irree qawween nu reeba jiru nu hin bulchuu, Hanga Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa gaafachaa jirru deebii argatutti, fi master Pilaaniin Finfinnee haqamutti Barnootaa kan itti fufu kan hin jirre tauu hubachiisan.

 

Wallagga Shaambuu Keessatti “Say No! Stop Killing Oromo Students’ Jedhchuun Magalaa Shambuu Keessatti Hiriira Bahuun Sagalee Dhadatnoo fi Wallee Warraaqsaa Dhageessisaa Jiru

Aside

Mudde 07,2015 Shaambuu

Guyyaa har’aa ganama barattootni Kutaa 12 ffaa mormii m.plaanii dhageessisan. Barattootni kunneen waraqaa facaatuu ‘say no m.plan’stop killing Oromo students’ jettu qabatanii mana barumsaa tii magaalaatti bahuuf yaalanii poolisootaa fi humna ittisaan gargar facaafaman. Haalli ulfaatus dhaamsa isaanii dabarfatiiru. Hoo korma guduruu ABOn leencuma duruu jechuun ABO haalaan faarsan. Barattoota isaanirra darbanii magaalaa seenan reeban ,hidhaniis. Warri mooraa keessatti hafan barachaa oolan. Garuu,sa’aa barumsaa gaggabaabsuun utuu barattootni kutaa 11ffaa dabaree galgalaa achi hingahiin barattoota 12 ffaa gaddiisan utuu sa.atiin hingahiin. Barattootni kutaa 11ffas waraqaa facaatuu waliif daddabarsaniiru. Kan armaan olii mana barumsaa qophaa’inaa dha. Elementary dhaa ammoo barattootni kutaa 9 yaalanii hinmilkoofne. Ammaaf kana fakkaata.

Warraaqsa Bilisummaa Yunverstii Adaamaa fi Naannoo Sulultaa

Aside

Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalota Adda Addaa Keessatti FDG Deemaa Jira, Barsiisoti Oromoo Qaama FDG ti Jedhchuun Wayyaanoti Hidhaa Jiru.

Aside

Mudde 7,2015 Gabaasa Qeeerroo

ahGodina Kibba lixa shagar magaalota hedduu keessatti diddaan uummata kan itti fufee fi wal gaarreeffannaan humna police mootumman akkuma itti fufeeti jira. Jalaa deemtoonni sochii uummata doo’aa jiru kana ukkaamsuuf humnaa police federaalaa hedduu meessuudhaan sochii uummata humnaan gooluu irratti argamu. Akkuma beekkamu Torban darbee Aanaa Tolee magaala Baantuu keessaa hiriira mormii ta’een Barataa Dajanee Sarbeessaa rasaasa police wayyaaneen akka darbee fi kanneen hafan miidhaa guddaan irraa ga’ee hospitala akka jiran ni beekkama, Aanaa Walisoo magaala Dillalla’aa keessatti hiriira mormii ka’een barattoonni Rasaasan rukutamanii hospitaal walisoo ti akka argamanii, Aanaa Bachoo magaala Tulubolloo keessatti hiriira mormii ka’een reebicha fi hidhaan barattoota fi barattoota akka dararaa turan fkn Barsiisota ja’a hidhaman keessaa barsiisaa Girmaa Caalaa keessatti akka argamuu oduu nu gahee ni ibsaa.

Kaleessa guyyaa 6/12/2015 Aanaa Daawoo magaala Buusaa guyyaa gabaa waan taheef police federaalaa hedduuminan magaala keessaa facaasuun uummata sodaachisaa akka turan fi uummannis dallaansuu guddaa keessaa akka galchaan odeessaa argannee, har’aa 7/12/2015 sa’aa amma kana walgahii jedhanii hojjattoota mootumma magaala Tulubolloo hundaa walitti qabuun tasgabeessuuf yaala jiran illee keessattuu hojjattootni fayyaa dallansuun nurraa bahaa ijoollee teenya ajjeessaa, barsiisota hidhaa maal isin waliin dubbannaa jechuun dallansuu ibsataa akka jiran dhagahame.

IMG01257-20141106-2050

Mudde 7,2015 Sabboontoti Oromoo Dhiheenya Bulee Horaa Irra Kan Jirtu Magaalli Dugda Dawaa Mormii Sirna Wayyaanee Irra Jiru.

Aside