Guutuu Gabaasa FDG Oromiyaa:- Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ)Muddee 2, 2015

Aside

Wallagga Magaalaa Gullisoo Keessatti Barattuun Oromoo Caaltuun Gootota Mirga Sabaaf Aarsaa Kafalan Keessaa Tokko

Aside

Godina Wallaggaa Qellem Dambi Doollotti FDG Finiine, Aanaa Jimmaa Horroo Irra Barattootni 4 Ukkaamfaman.‏

Aside

Muddee 02,2015 Dambii Dolloo

Mormiin Maaster Pilaanii kallatti hundattuuu bal’atee yoommuu itti jabeeffameedha. Godina Qellem wallaggaa manneen barnootaa sadarkaa garagaraatti Muddee 2/2015 sa’a booda mana barumsaa cufuudhaan hiriira mormii bahuun dhaga’ame.  Mana barumsa Oliiqaa Dingil, Mana qophaayinaa Qellem, Mana barumsaa Maskaramii fi koolleejjiiwwan barsiisotaa garagaraa walitti dhufuudhaan mormii master pilaanii ifatti mul’isanii jiru. Uummanni bahee FDG barattoota waliin finiinsee jira. humni waraana wayyaanee godina dhiyaa irratti ramadame gara sanatti bobbaafamaa jira.

Itti fufuudhaan aanaa Jimmaa Horroo keessatti dargaggootni oromoo ukkaamfamaa jiru.  Qindeessitoota FDG jedhamuun waraana wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii dhabame godina Qellem wallaagaa aanaa Jimmaa Horroo irraa

1.       Oliiqaa Israa’el

2.       Nagaasaa Hiisaa

3.       Dirribaa Jabeessaa

4.       Sanbataa Oljiraa

Daraggoota oromoo sabboontota qabamanii gara akka bu’an hin beekamin yoo jiraatanillee

Sirbootni

–          Loli hin lollaa  ABO tu lola beela

–          Loli hin lollaa Injifannoon gallaa

–          Loli hin lollaa WBO tu lola beeka

Jechuudhaan sirbootaa fi dhaadannoo dhageessifamaa jira. dargaggootni kunneen yeroo ammaa eessatti akka hidhaman wallaalamullee FDG uummataan itti fufee kan jiru godina Qellem Wallaggaa aanaalee garagaraa keessatti itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaasaa jira.

Guyyaa Har’aa Wallagga Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa Keessatti Barattooti Oromoo 3 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman.

Aside

Sabboonti Barattoota Magaalaa Calliyaa Keessaatti Wareegaman 

1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu

Oromo oromiaMuddee 02, 2015 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa fi Aanaa Ariyaa keessatti Warraaqsa FDG karaa nagaan uummatni gaaffii Mirga abbaa Biyyummaa fi mormii Master pilaanii Finfinnee irratti gochaa jiru Irratti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee waraana uummata irratti banuun ‘’Yaakka Duguuginsa sanyii (Genocide) uummata irratti gaggeessuun Ilmaan Oromoo 3 Wareegaman.
Mootummaan Abbaa Irree Fashitii wayyaanee gaaffii mirgaa Barattootni Oromoo fi uummatni Oromoo karaa nagaan dhiiyeeffachuun hiriira mormii abbaa irree wayyaanee irratti uUmmatni harka duwwaan ba’ee sagalee mormii waan dhageesisee fi isi jalatti hin bullu jechuun sirni
bulchiinsa wayyaanee hin fudhannuu, maqaa Master pilaanii finfinnee jidhuu fi Labsii Magaalota Oromiyaa hin fudhannu jechuun Uummatni Oromoo barattootni fi sabboontootni Oromoo FDG kaachisuun Sagalee isaanii Oromiyaa cufatti dhageesisaa kan jiran yoo ta’uu, Guyyaa hardhaas qawwee fi waraanaan dorsifamnee mootummaa gabromsaa jalatti hin bullu jechuun Uummatni Oromoo fi Dargaggootni Barattootni Oromoo Aanaa Gullisoo Magaalaa Calliyaa keessatti FDG karaa nagaa gaggeeffamaa jiru irratti mootummaan Wayyaanee Jibbinsa guddaa ilmaan Oromoo irraa qabuu irraa ka’uun waraana uummata hiriira bahan irratti banuun ilmaan Oromoo nagaan utuu gaffii mirga abbaa biyyummaa fi Oromummaa isaaniif falmanii waraana Wayyaaneen baneen Wareegamuu maddeen keenya gabaasan.

Ilmaan Oromoo yakka waraana Wayyaaneen rawwachaa jiruun wareegaman:
1. Guutuu Abarraa Dheeressaa n
2. Barataa Lilisaa Bantii,
2. Addunyaa Malakuu kanneen jedhaman keessatti argaman ilmaan Oromoo yakka genocide wayyaaneedhan ajjeefamuun mootummaan Wayyaanee mootummaa abbaa irree fi sharorkeessan ilmaan Oromoo fixaa jiraachuun ibsame jira. Namootni hedduun rasaasan dhamuu amma illee gabaafama jira dhukaasni Mootummaan Wayyaanee Gullisoo fi Ayiraa irratti har’a bane itti fufinsaan dhukaafamaa jiraachuu madden keenya ibsan.
Uummatni Wareegama fedhee kanfalla malee humnaa fi Qawween jilbeeffannee hin bitamnu jechuun FDG itti fufe jira. Ilmaan Oromoo
bakka jirtan hundaa sagalee FDG jabeessuun mootummaa nu fixaa jiru dura dhaabbannee mirga keenya haa kabachiifnu jechuun sabboontootni
Qeerroon dargaggootni Oromoo dhaamsa dabarfatan.

Oduu Ammee:-Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu Amma Galgala Kana Sa’aa 11:30 Irraa Egaluun Warraqsaa FDG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside


IMG01251-20141106-1957 Muddee 02,2015
Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu Amma Galgala Kana Sa’aa 11:30 Irraa Egaluun Warraqsaa FDG dhoosuun Sagaalee Mormii Guddaa karoora Mastyer Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa fi Kabajamuu Mirga abbaa biyyummaa Oromoo mormii isanii dhageesifachuun mooraa M/B Barumsaa Burraayyuu Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina keessatti dhaadannoo dhageesisuun gara Magaalatti gadi ba’uun Iyyaan Mootummaa Abbaa irree Wayyaanee Sagalee Dhaadannoo guddaan balaaleffachuun Warraaqsaa FDG Oromiyaa hundarratti gaggeeffamaa jiru daran jabeessuun Warraaqsaa itti fufsiisan.
Mootummaan Wayyaanee Uummatnii fi Daraggootni qeerroon barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu keessa jiran FDG narratti kaachisuuf jedhee sodaa guddaa irraa kan ka’een Waraanaa guddaa Magaalaa Burraayyuu irra qubsiisuun uummata eegsiisa kan oole yoo ta’u, eeggichi Wayyaanee galgala kana gootota barattoota Oromoo Mana Barumsaa Burraayyuu sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina ittisuu hin dandeenye Barattootni galgala kana sa’aa 11:30 iirraa eegaluun Warraaqsaa FDG qabsiiasanii sagalee dhaadannoo Oromiyaan kan uummata Oromooti, Burraayyuu dabarsinee hin gurgurruu, waraannii uummata goolaa jiru nurraa dhaabbachuu qaba, Gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi kan bilisummaaf deebiin haa kennamu sagalee jedhu dhageesisuu eegalan .
Goototni Dargaggootni Qeerroon Barattootni Oromoo Magaalaa Burraayyuu fi Dargaggootni oromoo Magaalaa Burraayyuu keessatti argaman guyyaa hardhaa Warraaqsaa dhoosuuf Yaalii guddaa gochaa kan olaan, waraana Wayyaanee guyyaa guutuu namni lama fi sadii ta’ee wal duukaa akka hin adeemne ittisaa turaniin danqaa guddaan utuu jiruu waraanni Wayyaanee sagalee dhaloota qubee ittisuu hin dandeenye galgala kana sagaalee mormii guddaa dhageesisuu akkuma eegalaniin humna waraanaa guddaa itti bobbaafamee fi aduu dhiha irra bu’uu irraan addaan bittineeffaman.FDG daran jabaatee itti fufa hanga Oromoon bilisoomuu fi Oromiyaan Walaboomtutti.

Muddee 02,2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Magaalaa Fincaa’a Barattootni Oromoo M/B Finca’aa 2ffaa fi Qophaa’ina FDG Itti Fufan.

Aside

Fincila-Diddaa-GabrummaaMuddee 02,2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Magaalaa Fincaa’atti Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo M/B Finca’aa 2ffaa fi Qophaa’ina Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti Finiinaa jiru daran Jabeessuun guyyaa Guyyaa Kaleessa galgala FDG dhoosuun Waraana Wayyaanee Horroo Guduruu Magaalaa Fiincaa’aa Irra qubatee jiruun wal dura dhaabachuun qabsoo finiinsuu eegalan.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaayi Coomman M/B Fincaa’aa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummata Oromoo jiraattoota Magaalaa Fincaa’aaf Guyyaa har’atti Waamicha gochuun Mana Barumsaa Cufuun kanaan Booda manatti hin
deebinuu itti fufnee falmanna jechuun Xalayaa Iyyaannoo facaasuun Labsii FDG dabarfachuun Warraaqsaa galgala kaleessa irraa jalqabuun eegalan, Waayyaanee Waraanaa guddaa itti bobbaasuuf dhukaasa kan irratti banuu eegale.

Battaluma sochiin kun eegaletti Wayyaaneen humna Ibsaa fi Network balleessuun ibsame jira . Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi Mormii Guddaa karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii magaalota Oromiyaan mormuun gaaffii isaanii dhiyeeffachuuf Sagaalee mormii guddaa dhageesisaan. Uummatni Oromoo kanaan Booda deebi’ee sirna wayyaanee Jalatti akka hin bullee Labsii guddaa uummataaf dabarsuu itti fufan., Karoorrii master Pilaanii Finfinnee haqamuu qaba, labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu qaba jechuun labsatan. Guyyaa Hardhaa magaalaan Fincaa’aa Waraanaa wayyaaneeneen dhiphachaan jirti Warraaqsii FDG itti fufe!! Mootummaan Wayyaanee FDG’n Muddamee Jiruu tajaalia Network fi humna ibsaa Oromiyaa irraa balleessuun FDG dura waraanaan dhaabbachuu itti fufe jira.

Barataa Yuuniversitii Haromaayaa Department Coprative Waggaa 2ffaa Kan Baratu Barataan Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame.

Aside

Muddee 2,2015 Haromayaa

Gootichi Barataa Yuuniversitii Haromaayaa Department Coprative Waggaa 2ffaa Kan Baratu Barataan Gazzahinyi Oliiqaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegame.

Barataa Gazzaahiny  dhalootaan godina Wallaggaa Horroo Guduruu yeroo ta’u University  Haroomayaa keessatti department cooperative wagga 2ffaa barata osoo jiruu sochii warraaqsaa FDG fi didda master pilanii Finfinne mormuuf hiriraa naaga sadaasa 30,2015 saboonta bartoota ilmaan Oromoo ba’aani turaan kessa isaa Tokko Ture .
Barataan gootichi Gazaahinyi rebichaa cimaa humnaa Agazitiin irra ga’een hospitala University  Haroomayaatti utuu yalamuu lubbun isaa darbitee hara’aa Muddee 2,2015 reeffi isaa gaara naannoo dhaloota isaa Horroo Guduruutti ergamee jira .

Qabsa’aan ni kufaa qabsoon itti fufaa !

Guyyaa Har’aa Gootonni Barattooti Oromoo Godina Horroo Guduruu Magaalaa Kombolchaa Falmaa Cimsuun Waraana Wayyaanee Dura Dhaabbatan.

Aside

Muddee 02, 2015 Guduru.

Godina Horroo Guduruu Aanaa Guduruu Magaalaa Kombolchatti Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo M/B Kombolchaa Sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti Finiinaa jiru daran Jabeessuun guyyaa har’a FDG dhoosuun  Waraana Wayyaanee Horroo Irra qubatee jiruun wal dura dhaabachuun qabsoo finiinsan.Qeerroo Kai

Gabaasa Qeerroo, Haala Magaalaa Gullisoo Sa’aa Ammaa Muddee 02,2015

Aside

Magaalaan Gimbii Diddaan Jeeqamaa Jirti,Ajajoonni Wayyaanee Feederaalaa 2 Qaama Hin Beekamiin Ajjeefamuu fi Nagaadoti Oromoo 7 Ammoo Hidhamuun Beekame.

Aside

Muddee 2,2015 Gimbii

Godina Wallagga lixaa ona Gullisoo magaala Calliyaa jedhamtee waamamtutti FDG torban kana qabateen waraanni Wayyaanee haga ammaa uummata dhaanuu fi hidhuu itti fufullee didaan barattoota fi qonnaan bultootaan qabate osoo hin qabbanawiin jabaatee itti fufee jira. FDG kaleessa magaala Gullisootti gaggeeffameen uummanni dhagaa fi dullaa dhaan waraana rasaasa waliin wal’aansoo qabaa oole, har’as haaluma kanaan itti fufe yoommuu tahu ganama har’aa sa’a 4:30 booda FDG bifaa fi humna qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa fi daldaltoota hammateen ka’een dhukaasni uummata irratti banameen barataan Guutuu Abarraa jedhamu yoommuu du’u kan rasaasaan madeeffame buufata fayyaa Gullisoo seenee jiraachuu fi duulli hidhaa uummata irratti gahaa jiru guddaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma magaala Gimbiitti qaama hin beekamneen tarkaanfii ajajoota Wayyaanee federaala lama Hoteela Zamalak keessatti fudhatameen tokko
ajjeefamuu fi tokko madoo tahee bahuun Wayyaaneen humna qabdu magaala Gimbii keessaa baastee naannoo bosonaa qubachiistee jirti haaluma
kanaan humna addaa hin beekamne magaala Gimbii keessa jira jechuudhaan humni waraana wayyaanee dachaa dabalamuu fi namoota nagaa qabamaa jiraatuu Qeerroon gabaasee jira. Amma sa’a tokko dura daldaltootni dhuunfaa namni 7 waraana wayyaanee federaalaan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Duulli hidhaa akkuma itti fufetti tahee Oromiyaan hanga bilisoomtuu fi dhiamtootni oromoo mana hidhaatti
guuramaa jiranis hanga bahanitti FDG akka itti fufu Qeerroon kallatti garagaraan waamicha taasiaa jira.
Diddaan bifa isaa qajeelchatuun naamusa qabeessa FDG keessa tahuudhaan hanga galii isaa gahutti ni fufa!