Muddee 02,2015 Godina Horroo Guduruu Aanaa Abbaayi Cooman Magaalaa Fincaa’atti Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo M/B Finca’aa 2ffaa fi Qophaa’ina Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti Finiinaa jiru daran Jabeessuun guyyaa Guyyaa Kaleessa galgala FDG dhoosuun Waraana Wayyaanee Horroo Guduruu Magaalaa Fiincaa’aa Irra qubatee jiruun wal dura dhaabachuun qabsoo finiinsuu eegalan.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abbaayi Coomman M/B Fincaa’aa sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummata Oromoo jiraattoota Magaalaa Fincaa’aaf Guyyaa har’atti Waamicha gochuun Mana Barumsaa Cufuun kanaan Booda manatti hin
deebinuu itti fufnee falmanna jechuun Xalayaa Iyyaannoo facaasuun Labsii FDG dabarfachuun Warraaqsaa galgala kaleessa irraa jalqabuun eegalan, Waayyaanee Waraanaa guddaa itti bobbaasuuf dhukaasa kan irratti banuu eegale.
Battaluma sochiin kun eegaletti Wayyaaneen humna Ibsaa fi Network balleessuun ibsame jira . Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi Mormii Guddaa karoora Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii magaalota Oromiyaan mormuun gaaffii isaanii dhiyeeffachuuf Sagaalee mormii guddaa dhageesisaan. Uummatni Oromoo kanaan Booda deebi’ee sirna wayyaanee Jalatti akka hin bullee Labsii guddaa uummataaf dabarsuu itti fufan., Karoorrii master Pilaanii Finfinnee haqamuu qaba, labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu qaba jechuun labsatan. Guyyaa Hardhaa magaalaan Fincaa’aa Waraanaa wayyaaneeneen dhiphachaan jirti Warraaqsii FDG itti fufe!! Mootummaan Wayyaanee FDG’n Muddamee Jiruu tajaalia Network fi humna ibsaa Oromiyaa irraa balleessuun FDG dura waraanaan dhaabbachuu itti fufe jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist