Har’a Mudde 31,2015,Diddaan Itti Jira Oromiyaa Godinaalee Garagaraa fi Yuuniverstiilee Keessatti Itti Fufe

Maraa yeroo lammee FXG har’a Muddee 31,2015 Oromiyaa bakkoota adda addaatti itti fufee jira. Godina Arsii lixaa onoota adda addaa fi dame Yuuniversitii Asellaatti diddaan xumurrii diddaa gaggeeffamaa jira. Har’a barattootni barumsa dhaabuun bilisummaa booda itti deebina jechuun dhaamsa dabarsaa kan jiran godina Arsii lixaa aanaa Qoreetti FXG barattootaa fi uummataan gaggeeffamaa jira. Wayyaaneen nuuf xumurame jechuun waraana humna agaazii garasitti guurrachaa jirti. Manneen barnoota hedduun Oromiyaa keessa godninaalee garagaraatti cufamaa jiru.

Daandiwwan karaa Arsiitti geessan cuccufamaa akka jiranis Qeeyeroon gabaasee jira. Godina Harargee keessatti humna addaatu uummata keessa jira jechudhaan waraanni wayyaanee furgiggifamaa jira. diddaan uummataas har’a aanaalee hedduu Harargee keessatti haalaan itti fufeera. Yeroo ammaa Harargeen lixaa waraanan marfamtee argamti.

Qonnaan bulaan Godina Harargee Lixaa keessa aanolee jiran maratti ukkaamama mana hidhaatti guuraama kaan ammoo bakka buuteen isaanii ammo bakka buuteen isaanii dhabamaa akka jiru odeessaan nu gahee jira.

Baha wallaggaa Giddaa Ayyaanattis yeroo ammaa kana fincilli barattootaan itti fufee galgala kana illee itti fufee jira,ABO fi WBO faarsuun magaalaa keessatti uumatii fi barattooti wallisaa fi dhadachaa jiru.

2 thoughts on “Har’a Mudde 31,2015,Diddaan Itti Jira Oromiyaa Godinaalee Garagaraa fi Yuuniverstiilee Keessatti Itti Fufe

  1. qabsoon bilisummaa keenya gonfachuuf deemaa jiru shakkii tokko malee fiixaan
    baasuuf dhiyateera.diinnis hanguma kana ummata karaa adda addaa yaada akka hiruuf gochaa
    hin goone hin jiru.
    keessumaa qabeenya oromiyaa irraa saamaa jiran mootummaan wayane namooti garaa isaaniif
    bulan itti fayyadamuun qabeenya/QARSHIItiin/bituun akka saree maraatuu fiigaa jiru.
    keessuma ummata keenya hiyyumaan adabanii jiran qarshiitiin gowwoomsuun basaasummaaf itti gargaaramaa waan jiraniif ummatni keenya kana hubatee warra akkasii tooftaa adda addaan fayyadamuun akka saaxilu gochuun kunis qabsoo keessatti diinaa fi fira addaan baasanii tarkanfachuun murteeessaa dha.
    kanaaf media keenya ummatni akka dammaqee uf eeggatuu utuu darbe gaarii dha.fakkeenyaaf akka harara,
    wallaggaa,fi kkf godhamaa jira.
    nagaatti.
    g3
    IUO

  2. Pingback: Har’a Mudde 31,2015,Diddaan Itti Jira Oromiyaa Godinaalee Garagaraa fi Yuuniverstiilee Keessatti Itti Fufe | f7431

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s